< Proverbios 24 >

1 No envidies a los perversos, Ni desees estar con ellos.
Hamootatti hin hinaafin; garee isaanii taʼuus hin hawwin;
2 Porque su corazón trama violencia, Y sus labios hablan gran injusticia.
garaan isaanii hammina malataatii; hidhiin isaaniis rakkina odeessa.
3 Con la sabiduría se edifica una casa, Con la prudencia se afirma,
Manni ogummaadhaan ijaarama; hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama;
4 Con el conocimiento se llenan sus cuartos De todo bien preciado y agradable.
kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi miidhagaadhaan guutamu.
5 Mejor es el varón sabio que el fuerte. El hombre de conocimiento aumenta su poder.
Ogeessi humna guddaa qaba; beekaan namaa immoo jabina itti dabalata;
6 Porque con estrategia harás tu guerra, Y en la multitud de consejeros está la victoria.
waraana banuuf qajeelfama, moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.
7 La sabiduría está demasiado alta para el necio. En la puerta no abrirá su boca.
Gowwaa irraa ogummaan akka malee ol fagoo dha; inni karra duratti afaan isaa hin saaqqatu.
8 Al que trama el mal Lo llamarán hombre de malas intenciones.
Namni hammina malu, “Maltee” jedhama.
9 La intención del insensato es pecado, El burlador es detestado por los hombres.
Malli gowwummaa cubbuu dha; namoonnis qoostuu ni balfu.
10 Si flaqueas en el día de la adversidad, También tu fuerza se reducirá.
Ati yoo gaafa rakkinaa laafte, jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha!
11 ¡Libra a los que son llevados a la muerte! ¡Rescata a los que se tambalean hacia a la matanza!
Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi.
12 Si dices: En verdad, no lo supimos. El que pesa los corazones, ¿no lo sabrá? ¿No lo sabrá el que vigila tu vida, Y paga al hombre según sus obras?
Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?
13 Come miel, hijo mío, pues es buena. Sí, el panal es dulce a tu paladar.
Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu; nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa.
14 Así aprópiate de la sabiduría para tu vida. Si la hallas, habrá un porvenir, Y tu esperanza no será frustrada.
Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki; ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
15 Oh impío, no aceches la tienda del justo Ni saquees su lugar de reposo,
Akka nama seeraan hin bulleetti mana nama qajeelaa riphxee hin eeggatin; mana jireenya isaas hin saamin.
16 Porque siete veces cae el justo y se vuelve a levantar, Pero los impíos tropiezan en la calamidad.
Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii; namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata.
17 Si tu enemigo cae, no te alegres, Y si tropieza, no se regocije tu corazón,
Yeroo diinni kee kufutti hin ililchin; yeroo inni gufatuttis garaan kee hin gammadin;
18 No sea que Yavé lo vea y le desagrade, Y aparte de sobre él su enojo.
yoo kanaa achii Waaqayyo waan kanatti ni gaddaatii; dheekkamsa isaas isa irraa deebisa.
19 No te impacientes a causa de los malhechores, Ni tengas envidia de los pecadores,
Ati sababii jalʼootaatiif aariidhaan hin gubatin; hamootattis hin hinaafin.
20 Porque para el perverso no habrá buen fin, Y la lámpara de los impíos será apagada.
Namni jalʼaan fuul duratti abdii hin qabuutii; ibsaan hamootaas ni dhaama.
21 Hijo mío: Teme a Yavé y también al rey. No te asocies con los sediciosos,
Yaa ilma ko, Waaqayyoo fi mootii sodaadhu; finciltootattis hin makamin;
22 Porque su calamidad viene de repente, Y la ruina que viene de ambos, ¿quién la conocerá?
badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii; balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka?
23 También estos son dichos de los sabios: No es bueno hacer acepción de personas en el juicio.
Kunneenis jechoota ogeessaa ti: Murtii kennuu irratti nama wal caalchisuun gaarii miti:
24 El que dice al impío: Eres justo, Lo maldecirán los pueblos, Y lo detestarán las naciones.
Kan nama yakka qabuun, “Ati balleessaa hin qabdu” jedhu kam iyyuu namni isa abaara; sabnis isa balaaleffata.
25 Pero los que lo reprenden serán apreciados, Y una gran bendición vendrá sobre ellos.
Warri nama yakka hojjetu ifatan garuu ni gammadu; eebbi guddaanis ni dhufaaf.
26 Besados serán los labios Del que responde palabras rectas.
Deebiin qajeelaan, akkuma hidhii dhungachuu ti.
27 Prepara tus labores de afuera, Y disponlas en tus campos, Y después edifica tu casa.
Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii lafa qotiisaa kees qopheeffadhu; ergasii mana kee ijaarradhu.
28 No testifiques sin causa contra tu prójimo, Ni engañes con tus labios.
Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin.
29 No digas: Le haré como él me hizo, Le retribuiré conforme a su obra.
Ati, “Waanuma inni na godhe anis isa nan godha; waan inni hojjeteefis gatii isaa nan deebisa” hin jedhin.
30 Pasé junto al campo de un hombre perezoso, Por la viña de un hombre falto de entendimiento,
Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee, iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe;
31 Y ahí todo estaba cubierto de espinas. Su superficie estaba cubierta de ortigas, Y su muro de piedra, derribado.
qoraattiin lafa hunda guuteera; laftis aramaadhaan fudhatameera; dallaan dhagaas diigameera.
32 Observé esto y reflexioné. Lo vi y aprendí la lección:
Ani argeen waan sana qalbeeffadhe; waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe:
33 Un poco de sueño, un poco de dormitar, Un poco de cruzar las manos para descansar,
hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa; xinnoo harka walitti marachuu;
34 Así vendrá tu miseria como un vagabundo, Y tu escasez como un hombre armado.
hiyyummaanis akkuma hattuutti, deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.

< Proverbios 24 >