< Proverbios 19 >
1 Mejor es el pobre que anda en su integridad, Que el de labios perversos y necio.
Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.
2 La persona sin conocimiento no es buena, Y el que se apresura con sus pies tropieza.
Namni beekumsa hin qabne gaarii miti; miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.
3 La insensatez del hombre destruye su camino, Y luego su corazón se irrita contra Yavé.
Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa; garaan isaa immoo Waaqayyotti aara.
4 Las riquezas atraen muchos amigos, Pero el pobre es abandonado por su amigo.
Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.
5 El testigo falso no quedará impune, Y el que alienta mentiras no escapará.
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.
6 Muchos buscan el favor del generoso, Y todos son amigos del hombre que da regalos.
Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.
7 Todos los hermanos del pobre lo aborrecen, ¡Cuánto más se alejarán de él sus amigos! Los persigue con palabras, pero ya no están.
Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu isaan eessattuu hin argaman.
8 El que adquiere cordura se ama a sí mismo, Al que guarda la prudencia le irá bien.
Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.
9 El testigo falso no se irá sin castigo, Y el que alienta mentiras perecerá.
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessus ni bada.
10 El lujo no conviene al insensato, ¡Cuánto menos al esclavo tener dominio sobre gobernantes!
Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree?
11 La cordura del hombre detiene su furor, Y su honra es pasar por alto la ofensa.
Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.
12 Rugido de león es la amenaza del rey, Rocío sobre la hierba su favor.
Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.
13 El hijo necio es la ruina de su padre, Y gotera continua las contiendas de una esposa.
Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; niitiin nyakkiftunis akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.
14 Casa y fortuna son herencia de los padres, Pero la esposa prudente es un regalo de Yavé.
Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.
15 La pereza produce un sueño profundo, Y la persona ociosa pasará hambre.
Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.
16 El que guarda el mandamiento, guarda su vida, Pero el que menosprecia sus caminos morirá.
Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata; kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.
17 El que da al pobre presta a Yavé, Y Él le dará su recompensa.
Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.
18 Corrige a tu hijo mientras haya esperanza, Pero no se exceda tu alma para destruirlo.
Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.
19 El hombre de gran ira sufrirá castigo, Pero si lo perdonas, lo tendrá que aumentar.
Namni dafee aaru adabamuu qaba; ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.
20 Escucha el consejo y acepta la corrección Para que seas sabio.
Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata.
21 Muchos designios hay en el corazón del hombre, Pero el propósito de Yavé es el que prevalece.
Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.
22 Lo que los hombres aprecian es la lealtad: Es preferible ser pobre que engañador.
Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
23 El temor a Yavé es para vida, El que lo tiene vivirá satisfecho, Y no será visitado por el mal.
Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa; yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu.
24 El perezoso mete la mano en el plato, Pero ni aun a su boca lo llevará.
Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaattis hin deebifatu!
25 Golpea al burlador, y el ingenuo será prudente, Corrige al entendido, y aumentará su saber.
Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa; nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.
26 El que roba a su padre y echa fuera a su madre Es hijo que trae vergüenza y deshonra.
Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, ilma qaanii fi salphina fiduu dha.
27 Hijo mío, deja de oír consejos Que te apartan de las palabras de sabiduría.
Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi; ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.
28 El testigo perverso se burla de la justicia, Y la boca de los impíos encubre la iniquidad.
Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata; afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.
29 Hay castigos preparados para los burladores, Y azotes para la espalda del necio.
Qoostotaaf adabbii, dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.