< Isaías 36 >
1 El año 14 del rey Ezequías, aconteció que Senaquerib, rey de Asiria, subió contra todas las ciudades fortificadas de Judá y las tomó.
Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate.
2 El rey de Asiria envió al Rabsaces con un gran ejército desde Laquis a Jerusalén contra el rey Ezequías. Hizo alto junto al acueducto del estanque de arriba, en la senda del Campo del Lavador.
Ergasii mootichi Asoor, Raafaasqiis ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalem, Hisqiyaas mootichatti erge. Ajajaan sunis jalʼisii Haroo Ol aanu kan karra Lafa Qotiisaa Namicha Wayyaa Miicuutti geessu bira gaʼee dhaabate;
3 Eliaquim, hijo de Hilcías, mayordomo del palacio, Sebna el escriba, y Joa, hijo de Asaf, el cronista, salieron a él.
Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan gara isaatti gad baʼan.
4 El Rabsaces les habló: Digan a Ezequías: El gran rey, el rey de Asiria, dice: ¿En qué confías tú?
Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: “‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte?
5 Dijiste que tienes un plan y poderío para la guerra, pero solo son vanas palabras. Ahora pues, ¿en quién confías para rebelarte contra mí?
Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta?
6 ¿Confías en ese bastón de caña quebrada que es Egipto? Al que se apoye en él se le clava en la mano y se la atraviesa. Así es Faraón, rey de Egipto, para todos los que confían en él.
Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon Mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma.
7 Si me replicas: En Yavé nuestro ʼElohim confiamos, ¿no es éste el mismo de quien Ezequías quitó los lugares altos, quemó sus altares y exigió a Judá y a Jerusalén que se postraran solamente en ese altar?
Yoo ati, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jette, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kanaa duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
8 Ahora pues, haz un trato con mi ʼadón, el rey de Asiria, y te daré 2.000 caballos si logras proveer jinetes para ellos.
“‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna!
9 ¿Cómo podrás resistir al más insignificante esclavo de mi ʼadón, si confías en que Egipto te dará carrozas y jinetes?
Yoos ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu, akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa?
10 ¿Subí yo sin orden de Yavé contra esta tierra para destruirla? Yavé me dijo: Sube contra esa tierra y destrúyela.
Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee biyya kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’”
11 Entonces Eliaquim, Sebna y Joa, dijeron al Rabsaces: Te rogamos que hables a tus esclavos en arameo, porque nosotros lo entendemos. No nos hables en hebreo a oídos del pueblo que está sobre el muro.
Kana irratti Eliiyaaqiim, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
12 Pero el Rabsaces respondió: ¿Mi amo me envió a decir estas palabras solo a tu amo y a ti? ¿No me envió a los hombres que están en el muro, expuestos a comer sus propios excrementos y beber su orina con ustedes?
Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
13 Al ponerse en pie, el Rabsaces gritó en hebreo a voz en cuello: Escuchen las palabras del gran rey de Asiria.
Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa!
14 El rey dice: No los engañe Ezequías, porque él no los podrá librar,
Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni isin baasuu hin dandaʼu!
15 ni les infunda Ezequías confianza en Yavé, al decir: Ciertamente Yavé nos librará, y esta ciudad no será entregada en manos del rey de Asiria.
Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
16 No escuchen a Ezequías, porque así dijo el rey de Asiria: Hagan conmigo la paz y salgan a mí. Cada uno coma de su vid y cada uno de su higuera, y beba cada cual el agua de su pozo
“Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin nagaa buusaatii gara koo kottaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu;
17 hasta que yo venga y los traslade a una tierra como la de ustedes, tierra de grano y de vino, tierra de pan y de viñas.
kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti isin geessutti taʼa.
18 Que no los engañe Ezequías al decir: Yavé nos librará. ¿Alguno de los ʼelohim de las naciones libró a su tierra de la mano del rey de Asiria?
“Hisqiyaas, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin hin dogoggorsin; Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa?
19 ¿Dónde están los ʼelohim de Hamat y de Arfad? ¿Dónde están los ʼelohim de Sefarvaim? ¿Libraron a Samaria de mi mano?
Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu?
20 ¿Cuál entre todos los ʼelohim de esas tierras libró su tierra de mi mano? ¿Yavé libraría a Jerusalén de mi mano?
Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu biyyoota isaanii harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
21 Pero ellos callaron y no respondieron ni una palabra, porque la orden del rey decía: No le respondan.
Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
22 Entonces Eliaquim, hijo de Hilcías, mayordomo del palacio, Sebna, el escriba, y Joa, hijo de Asaf, el cronista, se presentaron ante Ezequías con sus ropas rasgadas y le declararon las palabras del Rabsaces.
Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan, uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.