< Ezequiel 15 >

1 Entonces la Palabra de Yavé vino a mí:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 Hijo de hombre: ¿Es la madera de la vid más que cualquiera otra madera de los árboles del bosque?
“Yaa ilma namaa, mukni wayinii akkamitti damee muka bosona keessa jiru kamii iyyuu caala?
3 ¿Sacan de ella madera para cualquier obra? ¿Sacan de ella estacas para colgar alguna cosa?
Waan faayidaa qabu tolfachuuf muka wayinii sana irraa takkumaa mukni fudhatamee beekaa? Waa isatti fannifachuuf namoonni isa irratti fannoo ni hojjetuu?
4 Si la echan al fuego como combustible, el fuego le devora las puntas y el centro queda chamuscado, ¿es útil para cualquier cosa?
Inni erga akkuma qoraan ibiddatti naqamee ibiddi sun fiixee isaa lamaan gubee gidduu xaphi godhee booddee waan tokkoof iyyuu faayidaa qabaa?
5 Ciertamente, si cuando está intacto no sirve para alguna obra, ¡cuánto menos después que el fuego lo queme y lo consuma!
Inni utuu hin tuqamin faayidaa yoo hin qabaatin, erga ibiddaan gubamee xaphi jedhee immoo hammam faayidaa gad aanaa haa qabaatuu ree?
6 Por tanto ʼAdonay Yavé dice: Como la madera de la vid entre los árboles del bosque, la cual eché al fuego como combustible, así entregué a los habitantes de Jerusalén.
“Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akkuma muka wayinii mukkeen bosonaa gidduu jiru akka inni bobaʼuuf ibiddatti naqe sana, uummata Yerusaalem keessa jiraatu illee akkasuma nan godha.
7 Pongo mi rostro contra ellos. Escaparon del fuego. Pero el fuego los consumirá. Y sabrán que Yo soy Yavé cuando ponga mi rostro contra ellos.
Ani hamminaan fuula koo isaanitti nan deebisa. Isaan ibidda keessaa baʼan iyyuu, ibiddi amma iyyuu isaan ni balleessa. Yeroo ani hamminaan fuula koo isaanitti deebifadhutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
8 Así que convertiré la tierra en desolación, porque cometieron infidelidad, dice ʼAdonay Yavé.
Sababii isaan amanamuu didaniif ani biyyattii nan onsa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

< Ezequiel 15 >