< Kuyubulula 4 >

1 Pa cindici ndalabona cimboni mboni nacimbi, ndalabona cishinga ca kwilu cacaluka. Maswi alikunyumfwiketi kulila kwa tolompita ngondali kunyumfwa kamba kuli njameti, “Kwesa kuno ndikuleshe bintu byeti bitatike kwinshika panyuma pa ibi.”
Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe.
2 Mushimu wa Lesa mpowalamfukata, ndalabona cipuna ca Bwami kwilu ne uyo walikuba wekalapo.
Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture.
3 Uyo walikuba wekala pa cipuna cinso cakendi calikubeketi mabwe akute kukwiweti Yasipi ne Kolinali. Ico cipuna calikuba cashingulukwa ne nkongolo yabeketi mabwe akute kukwiweti Emalodi.
Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture.
4 Cipuna cabwami ico calikuba cashingulukwa nebipuna nabimbi makumi abili ne bina apo palikuba pekala bamakulene bali makumi abili ne bana bafwala minjila ituba ne ngowani sha bwami.
Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan.
5 Kubyasha kwali kufuma ku cipuna, nako kwilu kwalatatala ne kukunkuma. Pantangu pa cipuna palikuba malampi asanu ne abili alikubangila, iyi emishimu isanu ne ibili ikute kusebensela Lesa.
Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha.
6 Kayi pantangu pa cipuna palikuboneketi lwenje lwabeketi gilasi lwalikubangileti libwe likute kukwiweti Kulistali. Pakati kati kushinguluka cipuna ca bwami cisa, palikuba bya buyumi bina byalikukute menso angi kuntangu ne kunyuma.
Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan.
7 Cabuyumi cakutanguna calikuboneketi inkalamu, catubili eti ng'ombe, cabutatu calikukute cinso cilyeti muntu, kayi ca cina calikuboneketi cikumbula laulukunga mwilu.
Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture.
8 Cili conse ca bya buyumi bina ibi, calikukute mapepe asanu ne limo alikukute menso paliponse mukati ne kunsa. Munshi ne mashiku kwakubula kulekesha bikute kabimbileti, “Waswepa, waswepa, waswepa ni Mwami Lesa wa Ngofu shonse, ewalikubako, euliko kayi elesanga.”
Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
9 Bya buyumi ibi bina, bikute kwimbila nyimbo shabulemeneno shakulemekesha kayi ne kulumbanya uyo wekala pa cipuna muyumi kwamuyayaya. (aiōn g165)
Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, (aiōn g165)
10 Mpobyalikwimbila, bamakulene makumi abili ne bana, balawa panshi pantangu pa uyo wekala pa cipuna ne kumukambilila, uyo ukute buyumi bwamuyayaya. Kabawala ngowani shabo pantangu pa cipuna ca bwami kabambeti, (aiōn g165)
maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu: (aiōn g165)
11 “O Mwami Lesa wetu! Mwelela kupewa bulemeneno kulemekeshewa ne kushikayishiwa cebo ca ngofu shenu, Pakwinga mwalabumba bintu byonse, Kayi cebo ca kuyanda kwenu byonse mpobili ni biyumi.”
“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”

< Kuyubulula 4 >