< Psalmi 148 >
1 Hvalite Gospoda. Hvalite Gospoda iz nebes, hvalite ga na višavah.
Haalleluuyaa. Samiiwwan irraa Waaqayyoon galateeffadhaa; ol gubbaatti isa galateeffadhaa.
2 Hvalite ga, vsi njegovi angeli, hvalite ga, vse njegove vojske.
Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa; raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.
3 Hvalita ga, sonce in luna, hvalite ga vse ve zvezdne luči.
Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa; urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.
4 Hvalite ga, ve nebes nebesa in ve vode, ki ste nad nebom.
Samiiwwan samii isa galateeffadhaa; bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa.
5 Naj hvalijo Gospodovo ime, kajti ukazal je in bili so ustvarjeni.
Isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.
6 Tudi njih je utrdil na veke vekov; naredil je odlok, ki ne bo minil.
Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera; seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.
7 Hvalite Gospoda z zemlje, vi zmaji in vse globine,
Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi, lafa irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;
8 ogenj in toča, sneg in meglica, viharni veter, izpolnjujoč njegovo besedo,
bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi, bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,
9 gore in vsi hribi, rodovitna drevesa in vse cedre,
tulluuwwanii fi gaarran hundinuu, mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,
10 živali in vsa živina, plazeče stvari in leteča perjad,
bineensonnii fi loon hundinuu, uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,
11 kralji zemlje in vsi ljudje, princi in vsi zemeljski sodniki,
mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu, ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,
12 tako mladeniči kakor mladenke, starci in otroci;
dargaggoonnii fi shamarran, jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.
13 naj hvalijo Gospodovo ime, kajti njegovo ime samó je odlično; njegova slava je nad zemljo in nebom.
Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii, isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.
14 Povišuje tudi rog svojega ljudstva, hvalo vseh njegovih svetih, celó Izraelovih otrok, ljudstva blizu njemu. Hvalite Gospoda.
Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera; kunis qulqulloota isaa hundaaf, saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.