< Книга Ездры 8 >
1 И сии князие отечеств их вождеве, иже взыдоша со мною в царство Артаксеркса царя Вавилонска:
Warri kunneen hangafoota maatii fi warra isaan wajjin galmaaʼan kanneen bara mootummaa Arxeksis Mootichaa keessa na wajjin Baabilonii dhufanii dha:
2 от сынов Финеесовых Гирсон, от сынов Ифамарих Даниил, от сынов Давидовых Аттус,
Sanyii Fiinehaas keessaa Geershoom; sanyii Iitaamaar keessaa Daaniʼel; sanyii Daawit keessaa Haxuush
3 от сынов Саханииных, от сынов Форосовых Захариа, и с ним мужей сто пятьдесят,
sanyii Shekaaniyaa; sanyii Phaarosh keessaa Zakkaariyaas; warri isa wajjin galmeeffamanis namoota 150 turan;
4 от сынов Фааф-Моава Елиана сын Сараиев, и с ним двести мужей,
sanyii Fahat Moʼaab keessaa Eliihooʼeenayi ilma Zaraayaa; warri isa wajjin turanis namoota 200 turan;
5 и от сынов Зафоисовых Ехениа сын Азиилев, и с ним триста мужей,
sanyii Zaatuʼi keessaa Shekaaniyaa ilma Yahiziiʼeel; warri isa wajjin turanis namoota 300 turan;
6 и от сынов Адиных Овин сын Ионафанов, и с ним пятьдесят мужей,
sanyii Aadiin keessaa Ebeed ilma Yoonaataan; warri isa wajjin turanis namoota 50 turan;
7 и от сынов Едамлих Исаиа сын Афелиин, и с ним седмьдесят мужей,
sanyii Eelaam keessaa Yeshaayaa ilma Ataaliyaa; warri isa wajjin turanis namoota 70 turan;
8 и от сынов Сафатиевых Завдиа сын Михаилов, и с ним осмьдесят мужей,
sanyii Shefaaxiyaa keessa Zebaadiyaa ilma Miikaaʼel; warri isa wajjin turanis namoota 80 turan;
9 и от сынов Иоавлих Авдиа сын Иеиилев и с ним двести осмьнадесять мужей,
sanyii Yooʼaab keessaa Obaadiyaa ilma Yehiiʼeel; warri isa wajjin turanis namoota 218 turan;
10 и от сынов Вааниевых Селимуф сын Иосефиев, и с ним сто шестьдесят мужей,
sanyii Baanii keessaa Sheloomiit ilma Yoosifiyaa; warri isa wajjin turanis namoota 160 turan;
11 и от сынов Вавиевых Захариа сын Вавиев, и с ним двадесять осмь мужей,
sanyii Beebay keessaa Zakkaariyaas ilma Beebay; warri isa wajjin turanis namoota 28 turan;
12 и от сынов Азгадовых Ионан сын Икатанов, и с ним сто десять мужей,
sanyii Azgaad keessaa Yoohaanaan ilma Haqaaxaan; warri isa wajjin turanis namoota 110 turan;
13 и от сынов Адоникамлих последнии, и сия имена их: Едифалаф, Иеиил и Самаиа, и с ним шестьдесят мужей,
sanyii Adooniiqaam keessaa warra gara dhumaa kanneen maqaan isaanii Eliiphelex, Yeʼiiʼeelii fi Shemaaʼiyaa jedhamuu dha; warri isaan wajjin turanis namoota 60 turan;
14 и от сынов Вагуаевых Уфай и Завуд, и с ними седмьдесят мужей.
sanyii Baguwaay keessaa Uutaayii fi Zakuur; warri isaan wajjin turanis namoota 70 turan.
15 Собрах же их к реце текущей ко Евии, и пребыхом ту три дни: исках же в людех и во священницех, и от сынов Левииных не обретох тамо.
Anis laga gara Ahawaatti yaaʼu biratti walitti isaan nan qabe; nus guyyaa sadii achi turre. Anis yeroon uummataa fi luboota toʼadhetti Lewwota tokko illee isaan keessaa nan dhabe.
16 И послах ко Елеазару, Ариилу, Семеию и к Маонану, и Иериву и Елнафаму, и Нафану и Захарии и Месолламу, и ко Иоариму и Елнафану, премудрых,
Kanaafuu ani Eliiʼezer, Ariiʼeel, Shemaaʼiyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam warra hooggantoota turanii fi Yooyaariibii fi Elnaataan warra hayyoota taʼan sana nan waamsise;
17 и изведох их ко Адаю началнику на месте Касфиа и вложих во уста их словеса глаголати ко Адаю и братии его афинимом на месте Касфии, привести нам поющих в дом Бога нашего.
ergasiis gara Iddoo namicha Kaasiifiyaa bulchuutti isaan nan erge. Anis akka isaan namoota mana Waaqa keenyaa keessa tajaajilan nuuf fidaniif waan isaan Iddoo fi firoota isaa kanneen mana qulqullummaa Kaasifiyaa keessa tajaajilaniin jechuu qaban isaanitti nan hime.
18 И приидоша к нам, понеже рука Бога нашего бе блага на нас, муж сахон от сынов Моолиевых сына Левиина, сына Израилева, и Саравиа, и сынове его и братия его осмьнадесять:
Isaanis sababii harki Waaqaa tolaan sun nurra tureef sanyii Mahilii keessaa Sheereebiyaa ilma Lewwii, ilma Israaʼel, namicha hubataa tokko ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin walumatti nama 18 nuuf fidan;
19 и Асевиа, и Исаиа от сынов Мерариных и братия его и сынове его двадесять:
akkasumas Hashabiyaa fi ilmaan Meraarii keessaa immoo Yeshaayaa, obboloota isaatii fi ilmaan obboloota isaa walumatti nama 20 nuuf fidan.
20 и от нафинимов, ихже даде Давид и князие ко службе левитом, нафинимов двести двадесять, вси собрашася по именом.
Amma illee tajaajiltoota mana qulqullummaa kanneen Daawitii fi qondaaltonni isaa akka isaan Lewwota gargaaraniif ramadan keessaa nama 220 nuuf fidan. Isaan kunneen hundi maqaa maqaadhaan ni galmeeffaman.
21 И проповедах тамо пост близ реки Ауи, еже смиритися пред Господем Богом нашим, просити от Него пути праваго нам и чадом нашым и всему стяжанию нашему:
Anis akka nu, ijoolleen keenyaa fi qabeenyi keenya hundi karaa nagaa deemnuuf akka fuula Waaqa keenyaa duratti gad of qabnee kadhannuuf achuma Laga Ahawaa biratti sooman nan labse.
22 устыдехся бо испросити от царя силы и конник защитити нас от врага на пути, понеже рехом царю глаголюще: рука Бога нашего есть на всех ищущих Его во благое и крепость Его, ярость же Его на всех оставляющих Его.
Ani sababii nu, “Harki Waaqa keenyaa inni tolaan nama isa abdatu hunda irra jira; warra isa dhiisu hunda irra garuu dheekkamsi isaa ni buʼa” jennee mootichatti himnee turreef akka isaan karaa keenya irratti diinota nurraa dhowwaniif loltootaa fi abbootii fardaa mooticha kadhachuu nan qaanaʼe.
23 Постихомся же и молихомся Богу нашему о сем, и услыша нас.
Kanaafuu nu soomnee waan kana irratti Waaqa kadhanne; innis kadhaa keenyaaf deebii kenne.
24 И отлучих от князей священнических дванадесять, Сараию, Асавию и с ними от братии их десять:
Anis luboota hangafoota keessaa kudha lama jechuunis Sheereebiyaa, Hashabiyaa fi obboloota isaanii keessaa nama kudhan kophaatti nan baase;
25 возвеснх же им сребро и злато и сосуды начатков дому Бога нашего, яже вознесе царь и советницы его и князие его, и весь Израиль обретаяйся,
anis kennaa meetii, warqee fi miʼaa kan mootichi, gorsitoonni isaa, qondaaltonni isaa fi Israaʼeloonni achi turan hundi mana Waaqa keenyaatiif kennan irraa madaalee isaaniif nan qoode.
26 и дах весом в руки их сребра талантов шесть сот пятьдесят, и сосудов сребряных сто, и злата сто талант,
Ani meetii taalaantii 650, miʼa meetii kana taalaantii 100 ulfaatu, warqee taalaantii 100,
27 и чаш златых двадесять, драхм тысящу, и сосуды меди светлыя добрыя различныя, драгоценныя яко злато,
waciitii warqee 20 kan daariikii 1,000 baasuu fi miʼa naasii cululuqaa akkuma warqee gatiin isaa guddaa taʼe lama madaaleen qoodeef.
28 и рекох им: вы святи Господу Богу, и сосуди святи и сребро и злато, еже волею вдано есть Господу Богу отец наших:
Anis akkanan isaaniin jedhe; “Isinii fi miʼi kun Waaqayyoof qulqulleeffamtaniirtu. Meetii fi warqeen kun kennaa fedhiidhaan Waaqayyo Waaqa abbootii keessaniitiif kennamanii dha.
29 бдите и стрегите, дондеже весом отдадите пред князи священников и левитов и пред князи отечеств Израилевых во Иерусалиме, во скиниих дому Господня.
Hamma kutaalee mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana keessatti fuula luboota hangafootaa, fuula Lewwotaa fi hangafoota maatii Israaʼel duratti madaaltanii qooddanitti miʼa kana jabeessaa eegaa.”
30 И прияша священницы и левити вес сребра и злата и сосудов, да вознесут во Иерусалим в дом Бога нашего.
Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni meetii, warqee fi miʼa qulqulluu madaalame sana mana Waaqa keenyaa kan Yerusaalem keessaatti geessuuf ni fuudhan.
31 И воздвигохомся от реки Ауи во вторыйнадесять день месяца перваго, да идем во Иерусалим: и рука Бога нашего бе на нас и избави нас от рук вражиих и ратников на пути,
Nus bultii kudha lammaffaa jiʼa tokkoffaatti Yerusaalem dhaquudhaaf Laga Ahawaa biraa kaane. Harki Waaqa keenyaa nurra ture; innis diinotaa fi namoota riphanii karaa irratti nama eegatan jalaa nu baase.
32 и приидохом во Иерусалим и пребыхом ту три дни.
Akkasiinis Yerusaalem geenyee bultii sadii achi boqonne.
33 И бысть в день четвертый, отдахом весом сребро и злато и сосуды в дому Бога нашего под руку Маримофа сына Урии священника, и с ним Елеазар сын Финеесов, и с ними Иозавад сын Иисусов и Ноадиа сын Ванаиев левити,
Nus bultii afuraffaatti mana Waaqa keenyaa keessatti meetii, warqee fi miʼa qulqulluu sana madaallee harka Mereemooti lubicha ilma Uuriyaa sanaatti ni kennine. Eleʼaazaar ilmi Fiinehaas akkasumas Lewwonni jechuunis Yoozaabaad ilmi Yeeshuuʼaa fi Nooʼadiyaan ilmi Binuuyii isa wajjin turan.
34 по числу и весу вся: и написан бысть весь вес.
Wanni hundinuus lakkaaʼamee madaalame; ulfinni waan madaalame hundaas yeruma sana ni galmeeffame.
35 Во время то, иже приидоша от пленения сынове преселения, принесоша всесожжения Богу Израилеву, телцев дванадесять за всего Израиля, овнов девятьдесят шесть, агнцев седмьдесят седмь, козлов за грехи дванадесять, вся во всесожжение Господу.
Ergasiis boojiʼamtoonni boojuudhaa deebiʼan sun Israaʼel hundaaf jiboota kudha lama, korbeeyyii hoolaa sagaltamii jaʼaa fi xobbaallaa torbaatamii torban aarsaa gubamu, korbeeyyii reʼee kudha lama aarsaa cubbuu godhanii Waaqa Israaʼeliif dhiʼeessan; kun hundi aarsaa gubamu kan Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha.
36 И даша повеление царево правителем царским и князем, иже за рекою: и прославиша людий и дом Божий.
Isaan ajaja mootichaa illee ajajjoota mootummaa fi bulchitoota Gama Laga Efraaxiisitti dabarsan. Jarris sabaa fi mana Waaqaa gargaaran.