< Книга пророка Иезекииля 33 >
1 И быти слово Господне ко мне глаголя:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 сыне человечь, глаголи ко сыном людий твоих и речеши к ним: земля, на нюже Аз аще наведу мечь, и поймут людие земли человека единаго от себе и поставят его себе во стража,
“Yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Yeroo ani biyya tokkotti goraadee fidutti, sabni biyya sanaa namoota isaa keessaa nama tokko filatee eegduu isa godhatee,
3 и узрит мечь грядущь на землю, и вострубит трубою, и проповесть людем,
eegduun sun goraadee biyyattiitti dhufaa jiru argee uummata akeekkachiisuuf malakata yeroo afuufutti,
4 и услышит услышавый глас трубы, а не сохранится, и найдет мечь и постигнет его, кровь его на главе его будет:
yoo namni kam iyyuu sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa sana fudhachuu didee goraadeen sun dhufee lubbuu isaa galaafate, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa.
5 яко слыша глас трубы и не сохранися, кровь его на нем будет: а сей, понеже сохранися, душу свою избавил.
Inni sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa waan hin fudhatiniif dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni utuu akeekkachiisa sana fudhatee jiraatee silaa of baasa ture.
6 И страж, аще увидит мечь грядущь, и не вострубит трубою, (и не проповесть людем, ) и людие не охранят себе, и нашед мечь возмет от них душу, та убо беззакония ради своего взяся, а крове ея от руки стража взыщу.
Garuu yoo eegduun sun goraadee dhufaa jiru argee namoota akeekkachiisuuf malakata afuufuu baatee goraadeen sun dhufee isaan keessaa lubbuu nama tokkoo galaafate, namichi sun sababii cubbuu isaatiif ajjeefama; eegduu sana garuu sababii dhiiga nama sanaatiif nan gaafadha.’
7 И ты, сыне человечь, во стража дах тя дому Израилеву, и услышиши от уст Моих слово, и проповеси им от Мене.
“Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni.
8 Егда реку грешнику: грешниче, смертию умреши: и не будеши глаголати (грешнику), еже сохранитися нечестивому, (еже обратитися ему) от пути своего (и живу быти ему), той беззаконник во беззаконии своем умрет, а крове его от руки твоея взыщу.
Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa namicha hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati akka inni qalbii jijjiirratu akeekkachiisuu baatte namichi hamaan sun cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada.
9 Аще же ты проповеси нечестивому путь его, еже обратитися от него, и не обратится с пути своего, той в нечестии своем умрет, а ты душу твою избавил еси.
Garuu yoo ati nama hamaa sana akka inni karaa isaa irraa deebiʼu akeekkachiiftee inni immoo deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee oolfatteerta.
10 И ты, сыне человечь, рцы дому Израилеву: сице ресте глаголюще: прелести нашя и беззакония наша в нас суть, и мы в них таем, и како нам живым быти?
“Yaa ilma namaa, mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin akkana jettu: “Yakkii fi cubbuun keenya nutti ulfaateera; nuus sababii kanaaf nyaatamnee dhumne. Yoos akkamiin jiraachuu dandeenya ree?”’
11 Рцы им: живу Аз, глаголет Адонаи Господь, не хощу смерти грешника, но еже обратитися нечестивому от пути своего и живу быти ему: обращением обратитеся от пути вашего злаго: и вскую умираете, доме Израилев?
Akkana isaaniin jedhi; ‘Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, ani akka namoonni hamoon karaa isaanii irraa deebiʼanii jiraatan malee duʼa isaaniitti hin gammadu, jedha Waaqayyo Gooftaan. Deebiʼaa! Karaa keessan hamaa sana irraa deebiʼaa! Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?’
12 И ты, сыне человечь, рцы ко сыном людий твоих: правда праведника не избавит его, в оньже день прельстится: и беззаконие беззаконника не убиет, в оньже день обратится от беззакония своего: и праведник не может спастися в день греха своего.
“Kanaafuu yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitiin akkana jedhi; ‘Qajeelummaan nama qajeelaa yommuu inni ajajamuu didutti isa hin baasu; hamminni nama hamaas yommuu inni hammina isaa irraa deebiʼutti isa hin balleessu. Namni qajeelaan yoo cubbuu hojjete sababii qajeelummaa isaa duraatiif lubbuudhaan hin jiraatu.’
13 Егда реку праведнику: жизнию жив будеши: сей же уповая на правду свою и сотворит беззаконие, вся правды его не воспомянутся, в неправде своей, юже сотвори, в той умрет.
Yoo ani nama qajeelaa tokko akka inni dhugumaan jiraatu itti himee, inni garuu qajeelummaa isaa amanatee cubbuu hojjete, waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu hin yaadatamu; inni cubbuu hojjete sanaan ni duʼa.
14 И егда реку нечестивому: смертию умреши: и обратится от греха своего и сотворит суд и правду,
Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis,
15 и залог отдаст и восхищеное возвратит, беззаконник в заповедех жизни ходити будет, еже не сотворити неправды, жизнию жив будет и не умрет:
inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.
16 вси греси его, яже согреши, не помянутся: понеже суд и правду сотвори, жив будет в них.
Cubbuu namichi sun hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Inni waan sirrii fi qajeelaa hojjeteeraatii, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.
17 И рекут сынове людий твоих: неправ путь Господень. И се, путь их неправ.
“Taʼus namoonni biyya keetii, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedhu. Garuu karaan qajeelaa hin taʼin kanuma isaanii ti.
18 Егда совратится праведник от правды своея и сотворит беззаконие, и умрет в нем.
Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee hammina hojjete, inni hammina sanaan ni duʼa.
19 И егда грешник возвратится от беззакония своего и сотворит суд и правду, той жив будет в них.
Namni hamaan tokko immoo yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete, inni waan kana hojjechuu isaatiin ni jiraata.
20 И се есть, еже рекосте: неправ путь Господень. Комуждо по путем его сужду вам, доме Израилев.
Taʼu illee yaa mana Israaʼel isin, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Ani garuu hunda keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura.”
21 И бысть во второенадесять лето, месяца вторагонадесять, в пятый день месяца пленения нашего, прииде ко мне от Иерусалима уцелевый глаголя: пленен бысть град.
Waggaa kudha lammaffaa boojiʼamuu keenyaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, bultii shanaffaatti, namichi Yerusaalemii baqatee baʼe tokko gara koo dhufee, “Magaalattiin kufteerti!” jedhe.
22 И рука Господня бысть на мне в вечер, прежде пришествия его, и отверзе уста моя, дондеже прииде ко мне заутра: и отверзшаяся уста моя не затворишася ктому.
Galgala dhufaatii namichaatiin duraa sana harki Waaqayyoo narra ture; utuu namichi ganamaan gara koo hin dhufinis Waaqni afaan koo bane. Afaan koo banameeraatii ani lammata hin calʼisne.
23 И бысть слово Господне ко мне глаголя:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
24 сыне человечь, живущии на опустевших местех во земли Израилеве глаголют: един бяше Авраам и одержаше землю, а мы множайшии есмы, нам дана есть земля во одержание.
“Yaa ilma namaa, namoonni diigama biyya Israaʼel keessa jiru keessa jiraatan akkana jedhu; ‘Abrahaam namuma tokko ture; taʼus inni biyyattii dhaale. Nu garuu baayʼee dha; biyyattiinis dhugumaan akka nu dhaalluuf nuu kennamteerti.’
25 Того ради рцы им: сице глаголет Адонаи Господь: понеже с кровию ясте и очи ваши воздвигосте ко кумиром и кровь проливаете, и землю ли наследите?
Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin foon utuma dhiigni keessa jiruu nyaattu; waaqota keessan tolfamoo abdattu; dhiiga namaas dhangalaaftu; yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?
26 Стасте с мечем вашим, сотвористе мерзости, и кийждо жену ближняго своего осквернисте, и тако ли землю имате наследити?
Isin goraadee keessan abdattu; waan jibbisiisaa hojjettu; tokkoon tokkoon keessan niitii ollaa keessanii xureessitu. Yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?’
27 Того ради рцы им: сия глаголет Адонаи Господь: живу Аз, яко падут мечем сущии во опустевших, и иже на лицы поля, зверем польным предадутся на изядение, и сущыя во градех и иже в пещерах смертию поражу,
“Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, warri diigama keessatti hafan goraadeedhaan dhumu; warra baadiyyaa keessa jiran akka isaan nyaatamaniif bineensatti dabarsee nan kenna; warri daʼannoo fi holqa keessa jiraatan immoo dhaʼichaan ni dhumu.
28 и дам землю на опустение, и погибнет гордость крепости ея, и опустеют горы Израилевы, занеже не будет проходящаго:
Ani biyyattii onsee duwwaa nan hambisa; humni isheen ittiin of jajjus ni dhuma; gaarran Israaʼelis akka namni tokko iyyuu irra hin qaxxaamurreef qullaa hafu.
29 и уведят, яко Аз Господь: и сотворю землю их пусту, и опустеет всех ради мерзостей их, яже сотвориша.
Yeroo ani sababii wantoota jibbisiisoo isaan hojjetan hundaatiif biyyattii onsee duwwaa hambisutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
30 И ты, сыне человечь, сынове людий твоих глаголющии о тебе у забрал и во вратех дворов, и глаголют кийждо ко ближнему своему и кийждо ко брату своему, глаголюще: соберимся и услышим исходящая от уст Господних.
“Waaʼee kee immoo yaa ilma namaa, namoonni biyya keetii keenyan manaa birattii fi balbala duratti waaʼee kee dubbachaa, ‘Kottaa dhaqnee ergaa Waaqayyo biraa dhufe dhageenyaa’ waliin jedhu.
31 И приходят к тебе, якоже сходятся людие, и седят людие Мои пред тобою, и послушают глаголов твоих, и не сотворят их: понеже лжа во устех их, и вслед скверн их сердце их ходит.
Sabni koo akkuma yeroo kaaniitti gara kee dhufanii dubbii kee dhagaʼuudhaaf fuula kee dura tataaʼu; isaan garuu waan sana hojiidhaan hin argisiisan. Isaan afaan isaaniitiin jaalala guddaa dubbatu; garaan isaanii garuu buʼaa hin malle argachuuf gaggaba.
32 И будеши им яко глас песнивца сладкогласнаго благосличнаго, и услышат глаголы твоя, и не сотворят их.
Dhugumaan ati isaaniif nama sagalee gaariidhaan sirba jaalalaa sirbee meeshaa sirbaa taphatu irra hin jirtuutii; isaan dubbii kee ni dhagaʼu malee hojiidhaan hin argisiisaniitii.
33 И егда приидеши, рекут: се, прииде. И уведят, яко пророк бе среде их.
“Yeroo wanni kun taʼutti, dhugumaan ni taʼaatii isaan gaafas akka raajiin gidduu isaanii ture ni beeku.”