< Книга пророка Иезекииля 12 >

1 И бысть слово Господне ко мне глаголя:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 сыне человечь, посреде неправд их ты живеши, иже очи имут видети, и не видят, и ушы имут, еже слышати, и не слышат, зане дом преогорчеваяй есть.
“Yaa ilma namaa, ati uummata fincilaa gidduu jiraatta. Isaan arguudhaaf ija qabu; garuu hin argan; dhagaʼuudhaafis gurra qabu; garuu hin dhagaʼan; isaan uummata fincilaadhaatii.
3 И ты, сыне человечь, сотвори себе сосуды пленнически, и пленен буди днем пред ними, и преселен буди от места твоего на место другое пред ними, яко да видят, зане дом прогневляяй есть.
“Kanaafuu yaa ilma namaa, utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan waan qabdu qopheeffadhuutii boojiʼamuuf iddoo jirtuu baʼiitii iddoo biraa deemi. Isaan mana fincilaa taʼani iyyuu tarii ni hubatu taʼa.
4 И да изнесеши сосуды твоя, яко сосуд пленнический, днем пред очима их: ты же изыдеши в вечер пред ними, якоже исходит пленник.
Miʼa kee kan boojiʼamuuf qopheeffatte sana utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan baafadhu. Utuma isaan arganuus galgalaan akkuma warra boojiʼamuuf deemaniitti baʼii deemi.
5 Прокопай себе стену, и да изыдеши сквозе ю пред ними.
Utuma isaan arganuus dallaa uriitii miʼa kee achi keessaan baafadhu.
6 На раменех взят будеши и покровен изыдеши, лице твое покрыеши, и да не видиши земли, понеже чудо тя дах дому Израилеву.
Utuma isaan arganuus dimimmisa galgalaa keessa miʼa sana ol fuudhii gatiittii keetti baadhuu baʼi. Ati akka biyyattii hin argineef fuula kee haguuggadhu; ani mana Israaʼeliif mallattoo si godheeraatii.”
7 И сотворих тако все, елико ми заповеда Господь: и сосуды изнесох яко сосуды пленничы днем, и в вечер прокопах себе стену рукою, и отай изыдох, и на рамена взят бых пред ними.
Anis akkuman ajajame nan godhe. Miʼa koos boojuuf qopheeffadhee guyyaa adiidhaan baafadhe. Galgalaanis dallaa sana harkuma kootiin nan ure. Utuma isaan arganuus miʼa koo gatiittii irratti baadhadhee dimimmisaan nan baʼe.
8 И бысть слово Господне заутра ко мне глаголя:
Guyyaa itti aanu ganamas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
9 сыне человечь, не реша ли к тебе дом Израилев, дом прогневляяй: что ты твориши?
“Yaa ilma namaa, manni Israaʼel fincilaan sun, ‘Ati maal gochaa jirta?’ jedhee si hin gaafannee?
10 Рцы к ним: тако глаголет Господь Бог: ко князю и старейшинам Иерусалимлим, и всему дому Израилеву, иже суть среде их,
“Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Raajiin kun waaʼee ilma mootii isa Yerusaalem keessa jiraatuu fi guutummaa mana Israaʼel kan achi jiraatuu ti.’
11 рцы, яко аз чудеса творю, якоже сотворих, сице им будет: во преселении и во пленении изыдут.
Atis, ‘Ani mallattoo keessan’ isaaniin jedhi. “Wanni ani hojjedhe sun isaan irra ni gaʼa. Isaan boojiʼamanii ni fudhatamu.
12 И князь среде их на рамена взят будет, и отай изыдет сквозе стену, и прокопает, еже ему изыти сквозе ю, лице свое покрыет, да не видимь будет очесы, и сам земли не узрит.
“Ilmi mootii inni gidduu isaanii jiraatu miʼa isaa gatiittii isaatti baadhatee dimimmisaan ni deema; akka inni keessaan baʼuuf dallaan ni uramaaf. Akka biyyattii hin argineefis fuula isaa ni haguuggata.
13 И простру мрежу Мою нань, и ят будет во одержании Моем, и введу его в Вавилон в землю Халдейску, и не узрит ея, и тамо скончается.
Ani kiyyoo koo nan diriirsaaf; innis kiyyoo kootiin ni qabama; ani gara Baabilon, biyya Kaldootaatti isa nan geessa; inni garuu biyyattii hin argu; achittis ni duʼa.
14 И вся, иже окрест его, помощники его, и вся заступающыя его разсею по всем ветром, и мечь излию вслед их:
Ani warra isa wajjin jiran hunda gargaartota isaatii fi loltoota isaa hunda bubbeetti nan bittinneessa; goraadee luqqifameenis isaan nan ariʼa.
15 и уведят, яко Аз Господь, егда разсыплю я во языки и разсею я по странам:
“Isaan yommuu ani saboota gidduutti isaan bittinneessee biyyoota keessa isaan faffacaasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
16 и оставлю от них мужы в число от меча и от глада и от смерти, яко да поведят вся беззакония их во языцех, аможе внидут: и уведят, яко Аз Господь.
Ani garuu akka isaan saboota itti geeffaman sana keessatti gochawwan isaanii jibbisiisoo hunda himataniif isaan keessaa namoota muraasa goraadee irraa, beelaa fi dhaʼicha irraa nan hambisa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
17 И бысть слово Господне ко мне глаголя:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
18 сыне человечь, хлеб твой с болезнию снеси и воду твою со страданием и скорбию испиеши.
“Yaa ilma namaa, raafamuudhaan nyaata kee nyaadhu; sodaadhaan hollachaa bishaan kee dhugi.
19 И речеши к людем земли: сия глаголет Адонаи Господь живущым в Иерусалиме на земли Израилеве: хлебы своя с недостатком снедят и воду свою с пагубою испиют: яко да погибнет земля со исполнением своим, в нечестии бо вси живущии в ней.
Saboota biyyattiitiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee warra Yerusaalem keessaa fi biyya Israaʼel keessa jiraatanii akkana jedha: Sababii jeequmsa namoota achi jiraatan hundaatiif biyyattiin waan ontuuf isaan nyaata isaanii dhiphinaan nyaatu; bishaan isaanii immoo sodaadhaan dhugu.
20 И гради их населеннии опустеют, и земля их в погибель будет, и увесте, яко Аз Господь.
Magaalaawwan namoonni keessa jiraatan ni barbadaaʼu; biyyattiin immoo ni onti. Sana booddee isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
21 И бысть слово Господне ко мне глаголя:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
22 сыне человечь, кая притча сия вам на земли Израилеве, глаголющым: долги дни, погибе всякое видение?
“Yaa ilma namaa, fakkeenyi isin biyya Israaʼel keessatti, ‘Barri dheerateera; mulʼannis faayidaa dhabeera’ jettan kun maali?
23 Сего ради рцы к ним: тако глаголет Адонаи Господь: отвращу притчу сию, и потом не рекут притчи тоя дом Израилев, яко речеши к ним: приближишася дние и слово всякаго видения.
Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani fakkeenya kana nan balleessa; isaan siʼachi Israaʼel keessatti itti hin fayyadaman.’ Atis, ‘Barri itti mulʼanni hundi fiixaan baʼu dhiʼaateera, isaaniin jedhi.
24 Зане не будет ктому всякое видение ложное, и волхвуяй угодная среде сынов Израилевых.
Siʼachi mulʼanni sobaa yookaan raajiin sobaa uummata Israaʼel keessa hin jiraatuutii.
25 Яко Аз Господь возглаголю словеса Моя, возглаголю и сотворю и не продолжу ктому: во дни вашя, доме прогневаяй, реку слово и сотворю, глаголет Адонаи Господь.
Ani Waaqayyo garuu waanan fedhe nan dubbadha; dubbiin sunis utuu hin turin ni raawwatama. Isin yaa mana fincilaa nana, ani waanan dubbadhu hunda bara keessan keessa nan raawwadha, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
26 И бысть слово Господне ко мне глаголя:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
27 сыне человечь, се, дом Израилев преогорчеваяй глаголюще глаголют: видение, еже сей видит, на дни многи, и на времена долга сей прорицает.
“Yaa ilma namaa, manni Israaʼel, ‘Mulʼanni inni argu waan bara dheeraa booddee raawwatamuu dha; wanni inni raajus waan bara fagootti guutamuu dha.’
28 Сего ради рцы к ним: сия глаголет Господь Бог: не продолжатся ктому вся словеса Моя, яже возглаголю: яко возглаголю слово и сотворю, глаголет Адонаи Господь.
“Kanaafuu ati akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Siʼachi dubbiin koo tokko iyyuu lafa irra hin harkifatu; wanni ani jedhu kam iyyuu ni raawwatama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”

< Книга пророка Иезекииля 12 >