< VaRoma 2 >

1 Naizvozvo, iwe unotonga mumwe munhu hauna pembedzo, nokuti pachinhu chipi nechipi chaunotonga mumwe nacho, unozvipa mhosva iwe, nokuti iwe unotonga, unoita zvinhu zvimwe chetezvo.
Kanaafuu yaa namichoo, ati yoo abbaa fedhe illee taate kan nama kaanitti murtu waan itti qabattu hin qabdu; waan ittiin namatti murtu hundaan ofittis ni murtaatii; ati kan murtii kennitu iyyuu ofii keetiis isuma hojjettaatii.
2 Zvino tinoziva kuti kutonga kwaMwari ndokwezvokwadi kuna vanoita zvinhu zvakadai.
Nu akka murtiin Waaqaa kan warra waan akkanaa hojjetan irratti murteeffamu dhugaa irratti hundaaʼe ni beekna.
3 Saka kana iwe munhuwo zvake uchitonga vamwe asi uchiita zvinhu zvimwe chetezvo, unofunga kuti ungapunyuka kutonga kwaMwari here?
Yaa namichoo, ati yommuu warra waan akkanaa hojjetanitti murtee ofii keetii immoo waanuma akkasii hojjettu waan murtii Waaqaa jalaa baatu seetaa?
4 Kana kuti unozvidza pfuma younyoro hwake, mwoyo munyoro wake, nomwoyo murefu wake, usingazivi kuti unyoro hwaMwari hunokuisa pakutendeuka?
Yookaan ati akka gara laafummaan Waaqaa gara qalbii jijjiirrannaatti si geessu utuu hin beekin baayʼina gara laafummaa isaa, gara balʼina isaatii fi obsa isaa ni tuffattaa?
5 Asi nokuda kwoukukutu hwako uye nomwoyo wako usingadi kutendeuka, uri kuzviunganidzira kutsamwa pazuva rokutsamwa kwaMwari, pacharatidzwa kutonga kwake kwakarurama.
Ati garuu sababii mata jabina keetiitii fi garaa kee isa qalbii hin jijjiirranne sanaatiif guyyaa dheekkamsa Waaqaa kan murtiin qajeelaan itti mulʼatu sanaaf dheekkamsa of irratti kuusaa jirta.
6 Mwari “achapa mumwe nomumwe maererano nezvaakaita.”
Waaqni, “Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.”
7 Kuna avo vakatsungirira kuita zvakanaka vachitsvaka kubwinya nokukudzwa uye nokusafa, achavapa upenyu husingaperi. (aiōnios g166)
Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. (aiōnios g166)
8 Asi kuna avo vanotsvaka zvavo uye vanoramba chokwadi uye vachitevera zvakaipa, kuchavapo kutsamwa nehasha.
Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata.
9 Kuchavapo kutambudzika nokudzungaira kumunhu mumwe nomumwe anoita zvakaipa: kutanga kumuJudha, tevere weDzimwe Ndudzi;
Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa.
10 asi kubwinya, nokukudzwa uye norugare kuna vose vanoita zvakanaka: kutanga kumuJudha tevere weDzimwe Ndudzi.
Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa.
11 Nokuti Mwari haasi mutsauri wavanhu.
Waaqni nama wal hin caalchisuutii.
12 Vose vakatadza vasina murayiro vachaparadzwawo vasina murayiro, uye vose vakatadza vano murayiro vachatongwa nomurayiro.
Warri utuu seera hin qabaatin cubbuu hojjetan hundinuu seera malee barbadaaʼu; warra utuu seera qabanuu cubbuu hojjetan hundattis seeruma sanaan murama.
13 Nokuti havasi vaya vanonzwa murayiro vakarurama pamberi paMwari, asi vaya vanoita murayiro ndivo vachanzi vakarurama.
Sababiin isaas warra seeraaf ajajamanitu fuula Waaqaa duratti qajeeltota taasifama malee warri seera dhagaʼan qajeeltota miti.
14 Zvirokwazvo, kana veDzimwe Ndudzi, vasina murayiro vachiita sokuberekwa kwavo zvinhu zvinodiwa nomurayiro, wava murayiro wavo pachavo kunyange zvazvo vasina murayiro.
Namoonni Ormaa warri seera hin qabne yoo uumamaan waan seerri ajaju hojjetan, yoo seera qabaachuu baatan illee isaan ofii isaaniitiifuu seera.
15 Sezvo vachiratidza kuti zvinodiwa nomurayiro zvakanyorwa pamwoyo yavo, hana dzavo dzichipupuriranawo nazvo, nezvavanofunga pakati pavo zvichivapa mhosva kana kuvapembedza.
Isaan waan qalbiin isaanii dhugaa baʼuuf, waan yaadni isaaniis yeroo tokko isaan himatee yeroo kaan immoo isaaniif falmuuf, akka ajajni seeraa garaa isaanii keessatti barreeffame ni argisiisu.
16 Izvi zvichaitika pazuva iroro, Mwari raachazotonga zvakavanzika zvavanhu kubudikidza naJesu Kristu, sezvinoreva vhangeri rangu.
Akka wangeela ani lallabuutti wanni kun gaafa Waaqni icciitii namootaa karaa Yesuus Kiristoosiin murtii itti kennutti taʼa.
17 Zvino iwe, kana uchiti uri muJudha; kana uchivimba nomurayiro uye uchizvirumbidza pamusoro poukama hwako naMwari;
Ati yoo Yihuudii ofiin jette, yoo seera amanatte, yoo kan Waaqaanis of jajju taate,
18 kana uchiziva kuda kwake uye uchiziva kuti zvakanaka ndezvipi zvaunodzidziswa nomurayiro;
yoo fedhii isaa beekte, yoo seera sanaanis qajeelfamtee waan hunda caalu mirkaneeffatte,
19 kana uchiti uri mutungamiri wamapofu, chiedza chaavo vari murima,
warra iji isaanii jaameef dura deemaa, warra dukkana keessa jiraniif immoo ifa taʼuu kee yoo amante,
20 murairidzi wamapenzi, mudzidzisi wavacheche, nokuti zvauine, mumurayiro, mufananidzo woruzivo nechokwadi,
karaa seeraatiinis beekumsaa fi dhugaa qabduun yoo wallaaltota gorsite, daaʼimmanis yoo barsiifte,
21 zvino iwe, unodzidzisa vamwe, hauzvidzidzisewo here? Iwe unoparidza kuti vanhu vasaba, unoba here?
egaa ati kan warra kaan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? Kan “Hin hatin” jettee barsiiftu ofii keetii immoo ni hattaa?
22 Iwe unoti vanhu havafaniri kuita upombwe, unoita upombwe here? Iwe unosema zvifananidzo, unoba mutemberi dzavo here?
Ati kan, “Namni ejjuu hin qabu” jettu ofii keetii ni ejjitaa? Kan waaqota tolfamoo akka malee jibbitu mana qulqullummaa ni saamtaa?
23 Iwe unozvirumbidza pamusoro pomurayiro, unoshora Mwari nokudarika murayiro here?
Ati kan Seeraan of jajju seera cabsuudhaan Waaqa ni salphiftaa?
24 Nokuti, sezvazvakanyorwa: “Zita raMwari rinomhurwa pakati peveDzimwe Ndudzi nokuda kwenyu.”
“Sababii keessaniif maqaan Waaqaa Namoota Ormaa gidduutti arrabsama” jedhamee barreeffameeraatii.
25 Kudzingiswa kunokosha kana uchichengeta murayiro, asi kana uchidarika murayiro, wakangoita sousina kudzingiswa.
Yoo ati seera eegde dhagna qabaan faayidaa qaba; yoo seera cabsite garuu akka waan dhagna hin qabatinii taateerta.
26 Kana vaya vasina kudzingiswa vakachengeta zvinodiwa nomurayiro, havangaonekwi savakadzingiswa here?
Warri dhagna hin qabatin yoo waan seerri ajaju eegan, akka waan dhagna qabataniitti hin ilaalamanii ree?
27 Uyo asina kudzingiswa panyama asi achichengeta murayiro achakutonga iwe, kunyange zvako une murayiro wakanyorwa uye wakadzingiswa, asi uchidarika murayiro.
Namni utuu fooniin dhagna hin qabatin seera eegu tokko si nama seera barreeffame qabaattee dhagnas qabattee seera cabsitutti ni mura.
28 Munhu haasi muJudha kana ari muJudha anoonekwa kunze chete, uye kudzingiswa hakuzi kwokunze kana kwapanyama chete.
Namni waan alaan mulʼatu qofaan Yihuudii hin taʼu; dhagna qabachuunis waan alaan mulʼatu qofa miti.
29 Kwete, munhu anova muJudha kana ari muJudha mukati, uye kudzingiswa kwomwoyo, noMweya, kwete kwezvakanyorwa. Kurumbidzwa kwomunhu akadaro hakubvi kuvanhu, asi kunobva kuna Mwari.
Garuu nama keessa namummaa isaatiin Yihuudii taʼetu Yihuudii dha; dhagna qabaanis dhagna qabaa yaada garaa kan Hafuuraan taʼuudha malee seera barreeffameen miti. Namni akkasii Waaqa biratti malee nama biratti hin jajamu.

< VaRoma 2 >