< Mapisarema 13 >
1 Kumutungamiri wokuimba. Pisarema raDhavhidhi. Kusvikira riniko, nhai Jehovha? Muchandikanganwa nokusingaperi here? Muchasvika riniko makandivanzira chiso chenyu?
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa? Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
2 Ndichaita mutsimba nepfungwa dzangu kusvikira riniko, uye ndine shungu mumwoyo mangu zuva rimwe nerimwe? Muvengi wangu achandikurira kusvikira riniko?
Ani hamma yoomiittin rakkina obsee guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda? Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?
3 Tarirai kwandiri mugondipindura, imi Jehovha Mwari wangu. Vhenekerai meso angu, kana kuti ndichafa ndakarara;
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni. Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
4 muvengi wangu achati, “Ndamukurira ndamukunda,” uye vadzivisi vangu vachapembera kana ndawa.
diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha; amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.
5 Asi ini ndinovimba norudo rwenyu rusingaperi; mwoyo wangu unofarira ruponeso rwenyu.
Ani garuu araara kee nan amanadha; garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
6 Ndichaimbira Jehovha, nokuti akandinakira.
Ani Waaqayyoof nan faarfadha; arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.