< Firimoni 1 >
1 Pauro, musungwa waKristu Jesu, naTimoti hama yedu, kuna Firimoni shamwari yedu inodikanwa uye nomushandi pamwe chete nesu,
Phaawulos isa Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa, Gara Fiilmoonaa isa jaallatamaa fi hojjetaa hidhata keenya taʼe sanaatti;
2 kuna Afia hanzvadzi yedu, kuna Akipo murwi pamwe chete nesu uye nokukereke inosangana mumba mako:
akkanumas gara obboleettii keenya Aphifiyaatti, gara Arkiphaa isa nu wajjin loltuu taʼeetti, gara waldaa kiristaanaa ishee mana keetti walitti qabamtuuttis:
3 Nyasha ngadzive nemi norugare zvinobva kuna Mwari Baba vedu naIshe Jesu Kristu.
Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
4 Ndinovonga Mwari wangu nguva dzose pandinokurangarira muminyengetero yangu,
Ani yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha;
5 nokuti ndinonzwa nezvokutenda kwako muna Ishe Jesu uye norudo rwako kuvatsvene vose.
ani waaʼee amantii kee kan ati Gooftaa Yesuusitti qabduu fi waaʼee jaalala kee kan ati qulqulloota isaa hundaaf qabduu nan dhagaʼaatii.
6 Ndinokunyengeterera kuti ugovane navamwe nesimba, kuitira kuti uve noruzivo rwakazara pamusoro pezvinhu zvose zvakanaka zvatinazvo muna Kristu.
Ani akka ati waaʼee waan gaarii nu Kiristoosiin qabnu hundumaa hubannaa guutuu qabaattee amantii kee namaan gaʼuuf jabaattu nan kadhadha.
7 Rudo rwako rwakandipa mufaro mukuru nokukurudzirwa, nokuti iwe, hama yangu, wakazorodza mwoyo yavatsvene.
Yaa obboleessa, waan ati garaa qulqullootaa qabbaneessiteef jaalalli kee gammachuu fi jajjabina guddaa naa kenneera.
8 Naizvozvo, kunyange zvazvo ndisingatyi, muna Kristu, kuti ndikurayire zvaunofanira kuita,
Kanaafuu ani akka ati waan hojjechuu qabdu hojjetu si ajajuuf yoo Kiristoosiin ija jabina qabaadhe illee,
9 asi ndinokukumbira nokuda kworudo. Saka ini, saPauro mutana uye zvino musungwa waKristu Jesu
sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Kiristoos Yesuusiif kanan hidhame,
10 ndinokumbira kwauri pamusoro pomwanakomana wangu Onesimasi, akava mwanakomana wangu pakusungwa kwangu.
ilma koo Oneesimoos isa ani hidhamuu kootiin dhalche sanaaf sin kadhadha.
11 Akanga asingabatsiri kwauri kare, asi zvino ava kubatsira kwatiri tose iwe neni.
Inni kanaan dura nama homaa si hin fayyadne ture; amma garuu siifis anaafis nama faayidaa qabu taʼeera.
12 Ndiri kumudzosera kwauri, iye mwoyo wangu chaiwo.
Ani isa, nama akka garaa kootii sana deebisee gara keetti nan erga.
13 Ndaida kuti iye agare neni kuti agotora nzvimbo yako pakundibatsira zvandiri muusungwa nokuda kweVhangeri.
Ani yeroon wangeelaaf hidhametti inni iddoo kee buʼee akka na tajaajiluuf of biratti isa hambifachuu barbaadeen ture.
14 Asi handina kuda kuita chinhu iwe usina kuchitendera, kuitira kuti zvose zvakanaka zvauchaita zvirege kuva zvokurovedzerwa asi nokuda kwako.
Ani garuu gaarummaan kee utuu dirqamaan hin taʼin fedhiidhaan akka taʼuuf waanuma tokko illee eeyyama kee malee gochuu hin barbaanne.
15 Nokuti zvimwe wakaparadzaniswa naye kwechinguva kuti ugozova naye nokusingaperi, (aiōnios )
Tarii inni yeroo gabaabaaf siin gargar baʼuun isaa akka ati deebiftee isa simattee hamma dhumaatti of bira tursituuf taʼa; (aiōnios )
16 asisiri somuranda, asi ava nani kupfuura muranda, sehama inodikanwa. Munhu anodikanwa kwandiri, asi kutonyanya kwauri, zvose somunhu uye sehama muna She.
atis siʼachi akka garbichaatti utuu hin taʼin, akka obboleessa jaallatamaa garbicha caalu tokkootti isa simadhu. Inni keessumattuu erga anaaf akkas jaallatamaa taʼe siif immoo fooniinis Gooftaadhaanis hammam caalaa jaallatamaa haa taʼu ree?
17 Saka kana uchindiona somumwe wako, mugamuchire sokugamuchira kwaungandiita.
Egaa ati yoo akka michuu keetiitti na ilaalte akkuma na simatutti isas simadhu.
18 Kana ane zvaakakutadzira kana kuti ane mungava newe, uzvireve kwandiri.
Yoo inni waanuma tokkoon illee si yakkee jiraate yookaan ati yoo waanuma tokko illee isa irraa qabaatte natti lakkaaʼi.
19 Ini, Pauro, ndanyora izvi noruoko rwangu. Ndichazviripira, ndisingarevi kuti iwe pachako uri mungava kwandiri.
Ani Phaawulos siifan kaffala jedhee harkuma kootiin barreesseera. Akka ati mataan kee iyyuu kan koo taate ani homaa sitti hin himu.
20 Hama, ndinoshuva, kuti ndiwane rubatsiro kubva kwauri muna She; zorodza mwoyo wangu muna Kristu.
Egaa yaa obboleessa, ani Gooftaadhaan faayidaa kana sirraa argachuu nan barbaada; Kiristoositti garaa koo naa qabbaneessi.
21 Ndanyora kwauri ndichivimba nokuteerera kwako, ndichiziva kuti uchaita kunyange kupfuura zvandakukumbira.
Akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekuudhaan ajajamuu kee amanadhee siifan barreessa.
22 Uye chimwe chinhuzve: Ndigadzirirewo pokugara, nokuti ndinotarira kuti ndichapiwa kwamuri pakupindurwa kweminyengetero yenyu.
Kana malees ani kadhannaa keessaniin akkan isiniif kennamu waanan abdadhuuf mana boqonnaa naa qopheessi.
23 Epafurasi, musungwa pamwe chete neni muna Kristu Jesu, anokukwazisai,
Ephaafiraan inni Kiristoos Yesuusiif jedhee na wajjin hidhame nagaa siif dhaama.
24 uyewo Mako, Aristakusi, Dhemasi, naRuka, vashandi pamwe chete neni.
Akkasumas warri na wajjin hojjetan Maarqos, Arisxirokoos, Deemaasii fi Luqaas nagaa siif dhaamu.
25 Nyasha dzaIshe Jesu Kristu ngadzive nomweya wako.
Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu.