< Jakobho 2 >

1 Hama dzangu, savatendi muna Ishe wedu wokubwinya iye Jesu Kristu, musava vatsauri vavanhu.
Yaa obboloota ko, isin waan Gooftaa keenya kan ulfinaa Yesuus Kiristoositti amantaniif nama wal hin caalchisinaa.
2 Kana mumwe munhu akauya akapinda mumusangano wenyu akapfeka mhete yegoridhe nenguo dzakaisvonaka, uye murombo akapfeka mamvemve akapindawo,
Namni qubeelaa warqee kaaʼatee uffata bareedaas uffatu tokko gara wal gaʼii keessanii dhufa haa jennu; akkasumas hiyyeessi darsa uffatu ni dhufa haa jennu.
3 kana mukaremekedza munhu akapfeka nguo dzakaisvonaka muchiti, “Hechi chigaro chenyu chakanaka,” asi kumurombo mukati, “Iwe mira apo,” kana kuti “Gara pasi, patsoka dzangu,”
Isinis yoo namicha uffata bareedaa uffatu sanaaf ulfina addaa kennitanii, “Maaloo kottuu iddoo gaarii taaʼi!” jettan, yoo namicha hiyyeessa sanaan immoo, “Ati achi dhaabadhu” yookaan “Kottuutii miilla koo bira taaʼi!” jettan,
4 hamuna kutsaura here pakati penyu uye mukava vatongi vane ndangariro dzakaipa?
isin gidduu keessanitti garaa garummaa uumtanii warra yaada hamaan murteessitan hin taanee?
5 Inzwai, hama dzangu dzinodikanwa: Ko, Mwari haana kusarudza varombo venyika ino kuti vave vapfumi mukutenda uye kuti vagare nhaka youmambo hwaakavimbisa avo vanomuda here?
Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii?
6 Asi imi makazvidza varombo. Ko, havasi vapfumi vanokubirai here? Havazi ivo vanokuendesai kumatare edzimhosva here?
Isin garuu hiyyeeyyii salphiftaniirtu. Warri isin qisaasuutti jiran warruma sooreyyii sana mitii? Kanneen gara mana murtiitti isin harkisaa jiranis isaanuma mitii?
7 Havazi ivo vanomhura zita rinokudzwa raiye wamuri vake here?
Maqaa kabajamaa isin ittiin waamamtan sanas kan arrabsan isaanuma mitii?
8 Kana muchichengeta muchokwadi murayiro woushe unowanikwa muRugwaro, unoti: “Ida muvakidzani wako sezvaunozvida iwe,” munoita zvakanaka.
Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, “Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu” jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu.
9 Asi kana muchitsaura vanhu, muri kutadza uye munotongwa nomurayiro savadariki vomurayiro.
Yoo nama wal caalchiftan garuu isin cubbuu hojjettan; seera durattis akka seera cabsitootaatti isinitti murama.
10 Nokuti ani naani anochengeta murayiro wose asi achigumburwa pachinhu chimwe chete ane mhosva yokuputsa murayiro wose.
Sababiin isaas namni seera guutummaatti eegee waan tokko qofa cabse kam iyyuu akka waan seera hunda cabseetti ilaalamaatii.
11 Nokuti iye akati, “Usaita upombwe,” ndiyewo akati, “Usauraya.” Kana usingaiti upombwe asi uchiuraya, wava mudariki womurayiro.
Inni, “Hin ejjin” jedhe sun akkasuma immoo, “Hin ajjeesin” jedheeraatii. Ati yoo ejjuu baatte illee nama ajjeefnaan seera cabsiteerta.
12 Taurai uye muchiita saavo vachazotongwa nomurayiro unopa rusununguko,
Isin akka warra seera nama bilisoomsuun itti muramuutti dubbadhaa; hojjedhaas;
13 nokuti kutonga kusinganzwiri ngoni kucharatidzwa kumunhu upi zvake akanga asinganzwiri ngoni. Ngoni dzinokunda kutonga!
nama namaaf hin araaramnetti murtii araara hin qabnetu murama. Araarri murtii moʼa.
14 Zvinobatsirei, hama dzangu, kana munhu achiti ano kutenda asi asina mabasa? Kutenda kwakadaro kungamuponesa here?
Yaa obboloota ko, namni tokko yoo, “Ani amantii qaba” jedhee garuu hojiin argisiisuu baate, kun faayidaa maalii qaba? Amantiin akkanaa isa fayyisuu dandaʼaa ree?
15 Kana hama kana hanzvadzi ikashayiwa zvokufuka nezvokudya zvezuva rimwe nerimwe,
Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu.
16 uye mumwe wenyu akati, “Endai henyu, mufambe zvakanaka; mudziyirwe uye mugute,” asi asina chinhu chaamuitira chinodikanwa nomuviri wake, zvakanaka here izvozvo?
Isin keessaa yoo namni tokko, “Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas” isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree?
17 Saizvozvowo, kutenda kwoga, kana kusina basa, kwakafa.
Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.
18 Asi mumwe achati, “Iwe une kutenda; ini ndine mabasa.” Ndiratidze kutenda kwako kusina mabasa, uye ini ndichakuratidza kutenda kwangu nezvandinoita.
Namni tokko garuu, “Ati amantii qabda; ani immoo hojii qaba” jedha. Ati amantii kee hojii malee na argisiisi; anis hojii kootiin amantii koo sin argisiisa.
19 Iwe unotenda kuti kuna Mwari mumwe. Zvakanaka! Kunyange madhimoni anotenda izvozvo, uye achidedera.
Akka Waaqni tokkichi jiru ati ni amanta. Kun gaarii dha! Hafuuronni hamoon iyyuu waan kana ni amanu; sodaadhaanis ni hollatu.
20 Iwe benzi, unoda kuona kuti kutenda kusina mabasa hakuna maturo here?
Yaa namicha gowwaa nana, ati akka amantiin hojii of keessaa hin qabne duʼaa taʼe beekuu barbaaddaa?
21 Tateguru wedu Abhurahama haana kunzi akarurama here nokuda kwezvaakaita paakapa mwanakomana wake Isaka paaritari?
Abbaan keenya Abrahaam yommuu ilma isaa Yisihaaqin iddoo aarsaa irratti dhiʼeessetti waan hojjete sanaaf qajeelaa taʼee hin lakkaaʼamnee ree?
22 Unoona kuti kutenda kwake uye namabasa ake zvaibata pamwe chete, uye kutenda kwake kukazadziswa nezvaakaita.
Akka amantiin isaatii fi hojiin isaa tokkummaan hojjechaa turan ni argita; waan inni hojjeteenis amantiin isaa guutuu taʼe.
23 Uye Rugwaro rwakazadziswa runoti, “Abhurahama akatenda Mwari zvikaverengerwa kwaari kuti ndiko kururama,” uye akanzi shamwari yaMwari.
Kanaanis wanni katabbii qulqulluu keessatti, “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef” jedhu ni raawwatame; innis michuu Waaqaa jedhame.
24 Unoona kuti munhu anoruramisirwa nokuda kwezvaanoita, kwete nokutenda bedzi.
Egaa akka namni hojiidhaanis malee amantii qofaan qajeelaatti hin lakkaaʼamne ni argitu.
25 Saizvozvowo, Rahabhi chifeve haana kunzi akarurama nokuda kwezvaakaita paakapa vasori imba uye akazovaendesa neimwe nzira here?
Akkasuma immoo sagaagaltuun Rahaab jedhamtu yommuu basaastota simattee karaa kaaniin isaan geggeessitetti waan hojjetteen qajeeltuutti hin lakkaaʼamnee ree?
26 Sezvo muviri usina mweya wakafa, saizvozvo kutenda kusina mabasa kwakafa.
Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.

< Jakobho 2 >