< Genesisi 16 >
1 Zvino Sarai, mukadzi waAbhurama, akanga asina kumuberekera vana. Asi iye akanga ano murandakadzi wechiIjipita ainzi Hagari;
Saaraan niitiin Abraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Aggaar jedhamtu tokko qabdi turte; Aggaaris nama biyya Gibxi turte;
2 saka akati kuna Abhurama, “Jehovha akandikonesa kubereka vana. Enda hako undovata nomurandakadzi wangu; zvimwe ndingaita mhuri kubudikidza naye.” Abhurama akabvuma zvakanga zvataurwa naSarai.
Saaraanis Abraamiin, “Kunoo Waaqayyo ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii” jette. Abraamis waan Sooraan jette fudhate.
3 Saka shure kwokugara kwaAbhurama kwamakore gumi muKenani, Sarai mukadzi wake akatora Hagari murandakadzi wake wechiIjipita akamupa kumurume wake kuti ave mukadzi wake.
Erga Abraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Aggaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite.
4 Akavata naHagari uye Hagari akabata pamuviri. Paakaziva kuti akanga ava napamuviri, akatanga kuzvidza tenzikadzi wake.
Abraamis Aggaar wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte. Yommuu akka ulfoofte of irratti beektetti giiftii ishee tuffachuu jalqabde.
5 Ipapo Sarai akati kuna Abhurama, “Ndiwe waita kuti nditambudzike. Ndakaisa murandakadzi wangu mumaoko ako, uye zvino zvaava kuziva kuti ava napamuviri, ava kundizvidza. Mwari ngaatonge pakati pangu newe.”
Saaraan immoo Abraamiin, “Miidhaa na mudate kanatti situ gaafatama. Garbittii koo anattu bobaa kee jala siif galche; amma garuu isheen akka ulfoofte of irratti beeknaan na tuffatte. Egaa Waaqayyo sii fi ana gidduutti murtii haa kennu” jette.
6 Abhurama akati, “Murandakadzi wako ari mumaoko ako. Ita naye zvaunofunga kuti zvakaisvonaka.” Ipapo Sarai akabata Hagari zvakaipa; saka akatiza.
Abraamis, “Garbittiin kee keessa harkuma kee jirti; waanuma feete ishee godhi” jedheen. Saaraanis akka malee ishee cunqursite; kanaafuu Aggaar fuula ishee duraa sokkite.
7 Mutumwa waJehovha akawana Hagari ari pedyo netsime raiva murenje; rakanga riri tsime rakanga riri parutivi pomugwagwa unoenda kuShuri.
Ergamaan Waaqayyoo gammoojjii keessatti, burqaa bishaanii tokko biratti Aggaarin arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuuritti geessu irra ture.
8 Uye akati, “Hagari, murandakadzi waSarai, wabvepiko, uye uri kuendepiko?” Iye akati, “Ndiri kutiza kubva kuna tenzikadzi wangu Sarai.”
Ergamaan sunis, “Yaa Aggaar, garbittii Saaraa, ati eessaa dhufte? Eessa dhaquutti jirta?” jedhe. Isheenis, “Giiftii koo Saaraa baqachuuttin jira” jetteen.
9 Ipapo mutumwa waJehovha akati kwaari, “Dzokera kuna tenzikadzi wako undozvininipisa pasi pake.”
Kana irratti ergamaan Waaqayyoo sun, “Gara giiftii keetiitti deebiʼi; gad of qabiitii isheef buli” jedheen.
10 Mutumwa akatizve, “Ndichawandisa zvizvarwa zvako zvokuti havangaverengeki.”
Ergamaan Waaqayyoo sunis itti dabalee, “Ani sanyii kee akka malee nan baayʼisa; sababii baayʼina isaatiifis namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandaʼu” jedhe.
11 Mutumwa waJehovha akatiwo kwaari: “Iye zvino wava nemimba uye uchava nomwanakomana. Uchamutumidza zita rokuti Ishumaeri, nokuti Jehovha anzwa nezvokutambura kwako.
Ergamaan Waaqayyoo sun amma illee akkana isheen jedhe; “Kunoo ati ulfoofteerta; ilmas ni deessa. Maqaa isaas Ishmaaʼeel jedhii moggaasi; Waaqayyo dhiphachuu kee dhagaʼeeraatii.
12 Achava mbongoro yomusango: ruoko rwake rucharwa navanhu vose uye ruoko rwavanhu vose rucharwa naye, uye achararama mukupesana nehama dzake dzose.”
Inni nama akka harree diidaa taʼa; harki isaa nama hunda irratti kaʼa; harki nama hundaas isa irratti kaʼa; obboloota isaa hundaanis jibbamaa jiraata.”
13 Hagari akapa zita iri kuna Jehovha akataura naye akati: “Ndimi Jehovha anondiona,” nokuti akati, “Zvino ndaona Iye anondiona.”
Isheenis maqaa Waaqayyo isheetti dubbate sanaa, “Elrooʼii” jettee waamte. Isheen, “Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera” jetteertiitii.
14 Ndokusaka tsime rakanzi Bheeri Rahai Roi; richiripo, pakati peKadheshi neBheredhi.
Sababiin boolli bishaanii sun, “Beʼeer Lahaayirooʼii” jedhameefis kanuma. Innis hamma harʼaatti illee Qaadeshii fi Bereed gidduu jira.
15 Saka Hagari akaberekera Abhurama mwanakomana, uye Abhurama akapa zita rokuti Ishumaeri kumwanakomana waakanga abereka.
Aggaaris Abraamiif ilma deesse; Abraamis ilma isheen deesse sana Ishmaaʼeel jedhee moggaase.
16 Abhurama akanga ava namakore makumi masere namatanhatu okuberekwa paakaberekerwa mwanakomana naHagari.
Yeroo Aggaar Ishmaaʼeelin isaaf deessetti Abraam nama waggaa saddeettamii jaʼaa ture.