< Псалми 19 >

1 Небеса казују славу Божју, и дела руку Његових гласи свод небески.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
2 Дан дану доказује, и ноћ ноћи јавља.
Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa, halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.
3 Нема језика, нити има говора, где се не би чуо глас њихов.
Haasaan yookaan dubbiin hin jiru; sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.
4 По свој земљи иде казивање њихово и речи њихове на крај васиљене. Сунцу је поставио стан на њима;
Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe. Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;
5 И оно излази као женик из ложнице своје, као јунак весело тече путем.
biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.
6 Излазак му је накрај неба, и ход му до краја његовог; и нико није сакривен од топлоте његове.
Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee gara handaara kaaniitti naannofti; wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.
7 Закон је Господњи савршен, крепи душу; сведочанство је Господње верно, даје мудрост невештоме.
Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu; lubbuu namatti deebisa. Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha; nama wallaalaa beekaa godha.
8 Наредбе су Господње праведне, веселе срце. Заповест је Господња светла, просветљује очи.
Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha; garaadhaaf gammachuu kenna. Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha; ijaafis ifa kenna.
9 Страх је Господњи чист, остаје довека. Судови су Његови истинити, праведни свиколики.
Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha; bara baraan jiraata. Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha; walumaa galattis qajeelaa dha.
10 Бољи су од злата и драгог камења, слађи од меда који тече из саћа.
Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame caalaa iyyuu gatii qabeessa; inni damma caalaa, nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.
11 И слугу Твог они су просветлили; ко их држи има велику плату.
Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama; isa eeguunis gatii guddaa qaba.
12 Ко ће знати све своје погрешке? Очисти ме и од тајних;
Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa? Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.
13 И од вољних сачувај слугу свог, да не овладају мноме. Тада ћу бити савршен и чист од великог преступа.
Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi; cubbuun kunis na hin moʼatin. Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha; dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.
14 Да су Му речи уста мојих угодне, и помисао срца мог пред Тобом, Господе, крепости моја и Избавитељу мој!
Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko, dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.

< Псалми 19 >