< Књига пророка Исаије 39 >
1 У то време Меродах-Валадан, син Валаданов, цар вавилонски, посла књигу с даром Језекији; јер беше чуо да је био болестан и оздравио.
Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsatee fayye dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef.
2 И Језекија се обрадова томе, и показа им све ризнице своје, сребро и злато и мирисе, и најбоље уље, и кућу где му беше оружје, и шта се год налажаше у ризницама његовим, не оста ништа да им не показа Језекија у кући својој и у свему господству свом.
Hisqiyaasis ergamoota sana gammachuudhaan simatee waan mankuusa isaa keessa ture meetii, warqee, urgooftuu, zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa guutuu fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
3 Тада дође пророк Исаија к цару Језекији и рече му: Шта су говорили ти људи и одакле су дошли к теби? А Језекија рече: Из далеке земље дошли су к мени, из Вавилона.
Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa na bira dhufan” jedhee deebise.
4 А он рече: Шта су видели у твом двору? А Језекија рече: Видели су све што има у мом двору; није остало ништа у ризницама мојим да им нисам показао.
Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan; wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen.
5 Тада рече Исаија Језекији: Чуј реч Господа над војскама.
Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dhagaʼi:
6 Ево доћи ће време кад ће се однети у Вавилон све што има у кући твојој, и што су сабирали оци твоји до данас, неће остати ништа, вели Господ.
Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo.
7 И синове твоје, који ће изаћи од тебе, које ћеш родити, узеће да буду дворани у двору цара вавилонског.
Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
8 А Језекија рече Исаији: Добра је реч Господња коју си рекао. Још рече: Је ли? За мог века биће мир и вера?
Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin ni jiraata” jedhee yaadee tureetii.