< Књига пророка Језекиља 46 >

1 Овако вели Господ Господ: Врата унутрашњег трема, која гледају на исток, нека су затворена у шест дана тежатних, а у суботу нека се отварају, и на дан младине нека се отварају.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Karri oobdii gara keessaa kan baʼa biiftuutti garagalu guyyaa hojii jaʼanuu cufamuu qaba; gaafa Sanbataatii fi guyyaa Ayyaana Baatii garuu banamuu qaba.
2 И кнез нека дође кроз трем од врата спољашњих, и нека стане код довратника, а свештеници нека принесу његову жртву паљеницу и жртву захвалну, и он поклонивши се на прагу нека отиде, а врата да се не затварају до вечера.
Bulchaan sun karaa gardaafoo balbalaatiin ol galee dhaaba balbalaa bira dhaabachuu qaba. Luboonni immoo aarsaa isaa kan gubamuu fi aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qabu. Innis buusaa karraa duratti sagadee ergasii gad baʼuu qaba; karri sun garuu hamma galgalaatti hin cufamu.
3 И народ земаљски нека се поклања Господу на истим вратима у суботе и на младине.
Guyyoota Sanbataattii fi Baatii Haaraatti sabni biyyattii karra ittiin ol seenan irratti fuula Waaqayyoo duratti sagaduu qaba.
4 А жртва паљеница, што ће приносити кнез Господу суботом, биће шест јагањаца здравих и ован здрав;
Aarsaan gubamu kan bulchaan sun guyyaa Sanbataatiin Waaqayyoof fidu xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii mudaa hin qabne taʼuu qabu.
5 А дар ефа на овна, а на јагањце дар колико му рука може, и ин уља на ефу;
Kennaan midhaanii kan korbeessa hoolaa wajjin kennamu sun iifii tokko, kennaan midhaanii kan xobbaallaawwan hoolaa wajjin kennamu immoo akkuma bulchaan sun fedhetti taʼee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitiin iiniin tokko dabalamee dhiʼeeffamuu qaba.
6 А о младини да буде јунац здрав, и шест јагањаца и ован, све здраво;
Innis guyyaa Baatii Haaraatti dibicha tokko, xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii iyyuu mudaa hin qabne dhiʼeessuu qaba.
7 И дар да принесе ефу на јунца и ефу на овна, а на јагањце колико му може рука, и уља ин на ефу.
Iifii tokko korma loonii wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma bulchaan sun kennuu fedhetti kennaa midhaanii godhee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba.
8 А кнез кад иде, нека иде кроз трем од врата, и истим путем нека одлази.
Bulchaan sun yeroo ol seenutti karaa gardaafoo karra sanaatiin seenuu, karuma sanaanis gad baʼu qaba.
9 А кад народ земаљски доходи пред Господа о празницима, ко уђе на северна врата да се поклони, нека излази на јужна врата; а ко уђе на јужна врата, нека излази на северна врата; нека се не враћа на врата на која уђе, него нека излази на она која су на супрот.
“‘Yoo sabni biyyattii guyyaa ayyaana murteeffameetti fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatutti namni waaqeffachuudhaaf karra gama kaabaatiin ol seenu kam iyyuu, karra gama kibbaatiin baʼuu qaba; namni karra gama kibbaatiin seenu kam iyyuus karra gama kaabaatiin baʼuu qaba; namni kam iyyuu karra karra sanatti dugda galee jiruun baʼuu qaba malee karra ittiin seene sanaan baʼuu hin qabu.
10 А кнез с њима нека улази кад они улазе, и нека излази кад они излазе.
Bulchaan sunis isaan gidduu jiraachuu qaba; inni yeroo isaan ol seenanitti seenee yeroo isaan gad baʼanitti baʼa.
11 И о празницима и о светковинама дар нека је ефа на јунца, и ефа на овна, а на јагањце колико му рука даде, а уља ин на ефу.
“‘Guyyoota ayyaanaatii fi ayyaanota murteeffamaniif, kennaan midhaanii iifii tokko dibicha tokko wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa tokko wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma namichi sun kennuu fedhetti tokkoo tokkoo iifiitti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba.
12 А кад кнез приноси драговољну жртву, паљеницу или захвалну, од своје воље Господу, тада нека му се отворе врата која гледају на исток, и нека принесе жртву своју паљеницу и захвалну, како чини суботом; по том нека изиђе, и врата нека се затворе кад изиђе.
Yommuu bulchaan fedhii isaatiin Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessutti jechuunis yommuu aarsaa gubamu yookaan aarsaa nagaa dhiʼeessutti karri gara baʼa biiftuutti garagaluu isaaf banamuu qaba. Inni akkuma guyyaa Sanbataa godhu sana aarsaa isaa kan gubamu yookaan aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qaba. Ergasii inni baʼee deema; erga inni deemee booddee karri sun ni cufama.
13 И приноси сваки дан Господу на жртву паљеницу јагње од године здраво; свако јутро приноси га.
“‘Ati guyyuma guyyaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne aarsaa gubamu gootee Waaqayyoof dhiʼeessuu qabda; waan kanas ganama ganama dhiʼeessita.
14 И додај на њ дар свако јутро шестину ефе и уља трећину ина, да се покропи бело брашно; то је ваздашњи дар Господу уредбом вечном.
Kana wajjinis daakuu midhaanii iifii jaʼa keessaa tokko, daakuu sana jiisuufis zayitii iinii sadii keessaa tokko itti dabaltee ganama ganama kennaa midhaanii dhiʼeessuu qabda; kennaa midhaanii kana Waaqayyoof dhiʼeessuun sirna baraa baraa ti.
15 И тако нека приносе јагње и дар и уље свако јутро, жртву паљеницу свагдашњу.
Kanaafuu xobbaallaan hoolaa, kennaan midhaaniitii fi zayitiin aarsaa gubamu kan yeroo hundaatiif ganama ganama haa dhiʼeeffamu.
16 Овако вели Господ Господ: Ако кнез да дар коме сину свом од свог наследства, нека буде синовима његовим, њихово је достојање.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa ilmaan isaa keessaa isa tokkoof kenne dhaalli sun sanyii isaatiifis ni taʼa; kunis dhaalaan handhuuraa isaanii taʼa.
17 Ако ли да дар од свог наследства коме слузи свом, нека му буде до године опросне, а онда нека се врати кнезу, јер је његово наследство, синовима његовим нека буде.
Haa taʼu malee yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa garboota isaa keessaa isa tokkoof kenne garbichi sun hamma waggaan inni itti bilisoomu gaʼutti kan isaa ti; sana booddee dhaalli sun bulchaa sanaaf deebiʼa. Dhaalli isaa ilmaan isaa qofaaf taʼa; dhaalli sun kan isaanii ti.
18 И кнез да не узима народу ништа од наследства терајући их с њиховог наследства; од свог достојања нека даје синовима својим наследство да се не разгони мој народ, нико са свог наследства.
Bulchaan sun qabeenya isaa irraa isaan buqqisee dhaala sabaa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Akka sabni koo kam iyyuu qabeenya isaa irraa hin buqqifamneefis inni qabeenya isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala isaanii kennuu qaba.’”
19 По том ме одведе кроз улаз који је покрај врата у свете клети свештеничке које гледају на север, и гле, онде беше неко место у дну према западу.
Ergasii namichi sun balbala isa karra gara dareewwan qulqulluu gara kaabaatti garagalanii jiran kanneen lubootaaf kennamanitti geessu cina jiru keessaan na baasee moggaa gara dhiʼaatiin iddoo tokko natti argisiise.
20 И рече ми: Ово је место где ће свештеници варити принос за кривицу и за грех, где ће пећи дар да не износе у спољашњи трем и народ посвећују.
Innis akkana naan jedhe; “Iddoon kun iddoo itti luboonni uummata qulqulleessuuf jedhanii akka aarsaan gara oobdii alaatti gad hin baafamneef aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuu bilcheessanii kennaa midhaanii immoo itti tolchanii dha.”
21 Тада ме изведе у спољашњи трем, и проведе ме у четири угла од трема, и гле, у сваком углу од трема беше трем.
Innis ergasii gara oobdii alaatti na baasee golee isaa afran irra na naannesse; ani immoo tokkoo tokkoo golee sanaa keessatti oobdii biraa nan arge.
22 У четири угла од трема беху тремови с димњацима, у дужину од четрдесет лаката а у ширину од тридесет лаката, сва четири на угловима беху једне мере.
Goleewwan oobdii alaa afran keessa oobdiiwwan xixinnaatu ture; isaanis lafa irra dheerina dhundhuma afurtamaa fi balʼina dhundhuma soddoma qabu; balʼinni tokkoo tokkoo oobdiiwwan goleewwan afran keessa jiranii wal qixxee ture.
23 У њима четирима беше зид унаоколо, а под тим зидом беху огњишта свуда унаоколо.
Naannoo tokkoo tokkoo goleewwan afranii keessa marsaa dhagaa kan naannoo isaa jalatti iddoon ibiddaa jiru tokkotu ijaaramee ture.
24 И рече ми: Ово су кухиње, где ће жртве народне кувати који служе дому.
Innis, “Isaan kunneen manneen warri mana qulqullummaa keessa tajaajilan aarsaawwan sabaa itti bilcheessanii dha” naan jedhe.

< Књига пророка Језекиља 46 >