< Књига пророка Језекиља 29 >
1 Године десете, десетог месеца, дванаестог дана, дође ми реч Господња говорећи:
Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 Сине човечји, окрени лице своје према Фараону цару мисирском, и пророкуј против њега и против свега Мисира.
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mooticha Gibxitti garagalfadhuutii isaa fi warra Gibxi hundaan mormuudhaan raajii dubbadhu.
3 Говори и реци: Овако вели Господ Господ: ево ме на те, Фараоне царе мисирски, змају велики што лежиш усред река својих, који рече: Моја је река; ја сам је начинио себи.
Isatti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati bineensi guddichi, kan lageen kee gidduu ciiftu, yaa Faraʼoon mooticha Gibxi, ani sitti nan kaʼa. Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu ofuma kootiif isa uummate” jetta.
4 Зато ћу ти метнути у чељусти удицу, и учинићу да се рибе у рекама твојим нахватају на крљушти твоје; и извући ћу те из река твојих и све рибе из река твојих нахватане на крљушти твоје.
Ani garuu haʼoo kee keessa hokkoo kaaʼee akka qurxummiiwwan lageen keetii qola keetti maxxanan nan godha. Ani qurxummiiwwan qola keetti maxxanan hunda wajjinis lageen kee keessaa harkiseen si baasa.
5 И оставићу у пустињи тебе и све рибе из твојих река, и пашћеш на земљу и нећеш се покупити ни сабрати, зверима земаљским и птицама небеским даћу те да те једу.
Siʼii fi qurxummiiwwan lageen keetii hunda gammoojjiitti nan gata. Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; walitti hin qabamtu; hin awwaalamtus. Ani bineensota lafaatii fi allaattii samiitiif nyaata godheen si kenna.
6 И сви ће становници мисирски познати да сам ја Господ; јер су штап од трске дому Израиљевом.
Warri Gibxi keessa jiraatan hundis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “‘Ati mana Israaʼeliif ulee shambaqqoo taateerta.
7 Кад те ухватише у руку, ти се сломи и расече им све раме; а кад се наслонише на те, ти се преби и прободе им сва бедра.
Yommuu isaan harkaan si qabatanitti baqaqxee gatiittii isaanii waraante; yommuu isaan sitti irkatanittis ati caccabdee akka dugdi isaanii hollatu goote.
8 Зато овако вели Господ Господ: Ево, ја ћу пустити на те мач, и истребићу из тебе људе и стоку.
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani goraadee sitti fidee namoota keetii fi horii isaanii nan fixa.
9 И земља ће се мисирска опустошити и бити пуста, и познаће се да сам ја Господ, јер рече: Моја је река, и ја сам је начинио.
Gibxi duwwaa fi ona taati; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “‘Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu isa uume” jetteertaatii;
10 Зато ево ме на тебе и на реке твоје, и обратићу земљу мисирску у пустош и саму пустињу, од куле синске до међе етиопске.
kanaafuu ani sitti kaʼeera; lageen keettis kaʼeera; biyya Gibxis Migdoolii jalqabee hamma Aswaanitti, hamma daarii Itoophiyaatti diigamtuu fi ontuu nan godha.
11 Неће прелазити преко ње ногом својом човек, нити ће живинче ногом својом прелазити преко ње, и неће се живети у њој четрдесет година.
Miilli namaa yookaan kotteen horii karaa sana hin darbu; namni tokko iyyuu hamma waggaa afurtamaatti ishee keessa hin jiraatu.
12 И учинићу од земље мисирске пустош међу земљама опустошеним, и градови ће њени међу пустим градовима бити пустош четрдесет година, и расејаћу Мисирце међу народе и разасућу их по земљама.
Ani biyyoota onan gidduutti biyya Gibxi nan onsa; magaalaawwan ishees magaalaawwan diigaman gidduutti waggaa afurtama ni onu. Namoota Gibxi immoo saboota keessa nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bittinneessa.
13 Јер овако вели Господ Господ: После четрдесет година скупићу Мисирце из народа у које буду расејани.
“‘Ammas Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dhuma waggaa afurtamaatti ani namoota Gibxi saboota isaan itti bittinneeffaman keessaa walitti nan qaba.
14 И повратићу робље мисирско, и довешћу их опет у земљу Патрос, на постојбину њихову, и онде ће бити мало царство.
Ani boojuudhaa isaan deebisee Phaxroos biyya abbootii isaaniitti isaan nan galcha. Achittis isaan mootummaa gad aanaa ni taʼu.
15 Мало ће бити мимо осталих царстава, нити ће се више уздигнути над народе, јер ћу их смањити да не владају народима.
Isheenis mootummoota keessaa gad aantuu ni taati; deebitees saboota kaaniin olitti gonkumaa ol of hin kaaftu. Anis akka isheen lammata saboota kaan hin bulchineef ishee nan dadhabsiisa.
16 И неће више бити дому Израиљевом узданица да напомиње безакоње кад би гледали за њима; и познаће да сам ја Господ Господ.
Biyyi Gibxi siʼachi uummata Israaʼeliif irkoo hin taatu; yoo isaan gargaarsaaf gara isheetti deebiʼan garuu isheen yaadannoo cubbuu isaanii taati. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.’”
17 А двадесет седме године, првог месеца, првог дана, дође ми реч Господња говорећи:
Waggaa digdamii torbaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
18 Сине човечји, Навуходоносор цар вавилонски зададе војсци својој тешку службу против Тира; свака глава оћелави и свако се раме одре, а плате не би ни њему ни војсци његовој од Тира за службу којом служише против њега.
“Yaa ilma namaa, Nebukadnezar mootiin Baabilon duula jabaadhaan loltoota isaa Xiiroositti kaaseera; mataan nama hundaa molaaʼeera; gatiittiin nama hundaas luqqaʼeera. Taʼus innii fi loltoonni isaa duula jabaa Xiiroositti kaasaniin buʼaa tokko illee hin arganne.
19 Зато овако вели Господ Господ: Ево ја дајем Навуходоносору цару вавилонском земљу мисирску, и он ће одвести народ и однети плен и пограбити грабеж, и то ће бити плата његовој војсци.
Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani biyya Gibxi Nebukadnezar mootii Baabiloniif nan kenna; innis ishee boojiʼee qabeenya ishee saama. Kunis mindaa loltoota isaa taʼa.
20 За труд којим се трудио око тога дадох му земљу мисирску, јер се за ме трудише, говори Господ Господ.
Ani Gibxiin gatii dadhabbii isaa godhee isaaf kenneera; innii fi loltoonni isaa waan kana anaaf hojjetaniiruutii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
21 У онај ћу дан учинити да нарасте рог дому Израиљевом, и теби ћу отворити уста међу њима, и знаће да сам ја Господ.
“Ani Guyyaa sana akka manni Israaʼel gaanfa baasu nan godha; isaan gidduuttis afaan kee nan saaqa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”