< 2 Мојсијева 18 >
1 А Јотор свештеник мадијански, таст Мојсијев, чу све што учини Господ Мојсију и Израиљу народу свом, како изведе Господ Израиља из Мисира;
Yetroo lubichi Midiyaaniitii fi abbaan niitii Musee sun waan Waaqni Musee fi saba isaa Israaʼeliif godhe hunda, akkasumas akka Waaqayyo itti Israaʼelin Gibxii baase dhagaʼe.
2 И узе, Јотор таст Мојсијев, Сефору жену Мојсијеву, коју беше послао натраг,
Erga Museen niitii isaa Ziphooraa ergee booddee Yetroo abbaan niitii Musee, ishee fi
3 И два сина њена, од којих једном беше име Гирсам, јер рече: Туђин сам у земљи туђој,
ilmaan ishee lamaan simate. Maqaan ilma isaa tokkoo Geershoom jedhame; Museen, “Ani biyya ormaa keessatti alagaa taʼeera” jedheeraatii.
4 А другом беше име Елијезер, јер, рече, Бог оца мог би ми у помоћи и оте ме од мача Фараоновог.
Kaan immoo, “Waaqni abbaa kootii gargaaraa kooti; inni goraadee Faraʼoon jalaa na baaseera” jechuudhaan Eliiʼezer jedhee moggaase.
5 И пође Јотор, таст Мојсијев, са синовима његовим и са женом његовом к Мојсију у пустињу, где беше у логору под гором Божијом.
Yetroon abbaan niitii Musees niitii Museetii fi ilmaan Musee wajjin gammoojjii keessatti gara tulluu Waaqaa iddoo Museen qubatee jirutti isa bira dhufe.
6 И поручи Мојсију: Ја таст твој Јотор идем к теби и жена твоја и оба сина њена с њом.
Yetroonis, “Ani abbaan niitii keetii Yootoor niitii keetii fi ilmaan ishee lamaan wajjin gara kee dhufaa jira” jedhee dhaamsa itti ergee ture.
7 И Мојсије изађе на сусрет тасту свом и поклони му се и целива га; и упиташе се за здравље, па уђоше под шатор његов.
Museenis abbaa niitii isaa simachuuf gad baʼe; gad jedhees harka fuudhee isa dhungate. Isaanis nagaa wal gaafatanii dunkaana seenan.
8 И приповеди Мојсије тасту свом све што учини Господ Фараону и Мисирцима ради Израиља, и све невоље, које их налазише путем, и како их избави Господ.
Museen waan Waaqayyo sababii saba Israaʼeliif jedhee Faraʼoonii fi warra Gibxi irratti hojjete, rakkina karaa irratti isaan mudate hundaa fi akka itti Waaqayyo isaan oolche abbaa niitii isaatti hime.
9 И радоваше се Јотор свему добру што учини Господ Израиљу избавивши га из руке мисирске;
Yetroonis waan gaarii Waaqayyo harka warra Gibxi keessaa isaan baasuudhaan saba Israaʼeliif godhe hundaaf ni gammade.
10 И рече Јотор: Благословен да је Господ, који вас избави из руке мисирске, и из руке Фараонове, који избави народ из ропства мисирског.
Innis akkana jedhe; “Waaqayyo harka warra Gibxii fi harka Faraʼoon keessaa isin baasee fi inni saba sana harka warra Gibxiitii baase sun haa eebbifamu.
11 Сад видим да је Господ већи од свих богова, јер чим се поношаху оним их самим надвиси.
Ani amma akka Waaqayyo waaqota kaan hunda caalaa guddaa taʼe nan beeka; inni warra of tuulummaadhaan Israaʼelin rakkisan irratti waan kana raawwateeraatii.”
12 И узе Јотор, таст Мојсијев и принесе Богу жртву паљеницу и принос; и дође Арон и све старешине израиљске, и једоше с тастом Мојсијевим пред Богом.
Yommus Yetroon abbaan niitii Musee sun aarsaa gubamuu fi aarsaa biraa Waaqaaf fide; Aroonis fuula Waaqaa duratti Musee fi abbaa niitii Musee wajjin buddeena nyaachuuf maanguddoota Israaʼel hunda wajjin dhufe.
13 А сутрадан седе Мојсије да суди народу; и стајаше народ пред Мојсијем од јутра до вечера.
Guyyaa itti aanutti Museen sabaaf murtii kennuuf taaʼe; sabni sunis ganamaa hamma galgalaatti naannoo isaa dhaabate.
14 А таст Мојсијев гледајући све шта ради с народом, рече: Шта то радиш с народом? Зашто седиш сам, а сав народ стоји пред тобом од јутра до вечера.
Abbaan niitii isaas yommuu waan Museen sabaaf hojjetu hunda argetti, “Wanni ati sabaaf hojjettu kun maali? Ati maaliif kophaa kee teessee sabni kun immoo ganamaa hamma galgalaatti naannoo kee dhadhaabata?” jedhe.
15 А Мојсије рече тасту свом: Јер долази народ к мени да пита Бога.
Museen immoo akkana jedhee deebiseef; “Sabni kun fedhii Waaqaa barbaacha gara koo dhufaatii.
16 Кад имају шта међу собом, долазе к мени, те им судим и казујем наредбе Божје и законе Његове.
Isaan yommuu falmii qabaatanitti dhimma isaanii natti dhiʼeeffatu; anis abbootii dhimmaa gidduutti murtii nan kenna; sirnaa fi seera Waaqaas isaanitti nan hima.”
17 А таст Мојсијев рече му: Није добро шта радиш.
Abbaan niitii Musee akkana jedhee deebise; “Wanni ati gootu kun gaarii miti.
18 Уморићеш се и ти и народ који је с тобом; јер је то тешко за тебе, нећеш моћи сам вршити.
Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu.
19 Него послушај мене; ја ћу те световати, и Бог ће бити с тобом; ти буди пред Богом за народ, и ствари њихове јављај Богу;
Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda.
20 И учи их наредбама и законима Његовим, и показуј им пут којим ће ићи и шта ће радити.
Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi.
21 А из свега народа изабери људе поштене, који се боје Бога, људе праведне, који мрзе на мито, па их постави над њима за поглаваре, хиљаднике, стотинике, педесетнике и десетнике;
Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu.
22 Они нека суде народу у свако доба; па сваку ствар велику нека јављају теби, а сваку ствар малу нека расправљају сами; тако ће ти бити лакше, кад и они стану носити терет с тобом.
Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii.
23 Ако то учиниш, и Бог ти заповеди, можеш се одржати, и сав ће народ доћи мирно на своје место.
Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala.”
24 И Мојсије послуша таста свог, и учини све што рече.
Museenis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe.
25 И изабра Мојсије из свега Израиља људе поштене, и постави их за поглаваре над народом, хиљаднике, стотнике, педесетнике и десетнике.
Innis Israaʼel hunda keessaa namoota dandeettii qaban filatee hooggantoota sabaa, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii isaan godhate.
26 Који суђаху народу у свако доба, а ствари тешке јављаху Мојсију, а мале ствари расправљаху сами.
Isaanis abbootii murtii taʼanii yeroo hunda saba sana tajaajilan; dubbii jabaa Museetti fidan; dubbii laayyoo taʼe hunda immoo ofumaan murteessan.
27 После отпусти Мојсије таста свог, који се врати у своју земљу.
Ergasiis Museen abbaa niitii isaa geggeesse; Yootooris deebiʼee biyya isaatti gale.