< 2 Тимотеју 2 >

1 Ти дакле, сине мој, јачај у благодати Исуса Христа;
Kanaafuu yaa ilma ko, ayyaana Kiristoos Yesuusiin jabaadhu.
2 И шта си чуо од мене пред многим сведоцима, оно предај верним људима, који ће бити вредни и друге научити.
Waan fuula dhuga baatota baayʼee duratti narraa dhageesse sana namoota amanamoo kanneen warra kaan barsiisuu dandaʼanitti imaanaa kenni.
3 Ти дакле трпи зло као добар војник Исуса христа;
Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu.
4 Јер се никакав војник не заплеће у трговине овог света да угоди војводи.
Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee dhimma jireenyaatiin of hin xaxu.
5 Ако и војује, не добија венац ако право не војује.
Akkasumas dorgomaan tokko yoo akka malutti dorgome malee gonfoo hin argatu.
6 Радин који се труди најпре треба да окуси од рода.
Qonnaan bulaan jabaatee hojjetus ija qooddachuutti nama jalqabaa taʼuu qaba.
7 Разуми шта говорим; а Господ да ти да разум у свему.
Waan ani sitti himu kana qalbeeffadhu; Gooftaan waan hunda keessatti hubannaa siif kennaatii.
8 Опомињи се Господа Исуса Христа који уста из мртвих, од семена Давидовог, по јеванђељу мом,
Yesuus Kiristoos isa warra duʼan keessaa kaafame, isa sanyii Daawit irraa dhalate yaadadhu. Kun wangeela koo
9 У коме трпим зло до самих окова као злочинац; али се реч Божија не веже.
kan ani isaaf jedhee akka nama yakka hojjete tokkootti hamma foncaan hidhamuutti dhiphachaafii jiruu dha. Dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.
10 Зато трпим све избраних ради да и они добију спасење у Христу Исусу са славом вечном. (aiōnios g166)
Kanaafuu akka warri filataman fayyina Kiristoos Yesuusiin taʼe sana ulfina bara baraa wajjin argataniif ani isaaniif jedhee waan hundumaa nan obsa. (aiōnios g166)
11 Истинита је реч: ако с Њим умресмо, то ћемо с Њим и оживети.
Dubbichi amanamaan akkana jedha: Nu isa wajjin yoo duune, isa wajjin ni jiraanna;
12 Ако трпимо, с Њим ћемо и царовати. Ако се одрекнемо, и Он ће се нас одрећи.
nu yoo obsine, isa wajjin ni moona. Nu yoo isa ganne, innis nu gana.
13 Ако не верујемо, Он остаје веран; јер се сам себе не може одрећи.
Nu yoo amanamoo taʼuu baanne, inni amanamaa taʼee jiraata; inni of ganuu hin dandaʼuutii.
14 Ово напомињи, и посведочи пред Господом да се не препиру, које ништа не помаже, него смета оне који слушају.
Wantoota kanneen isaan yaadachiisi; waaʼee jechootaatiinis akka wal hin lolleef fuula Waaqaa duratti isaan akeekkachiisi; wanni akkasii warra dhagaʼan ni diiga malee waa tokko illee hin fayyaduutii.
15 Постарај се да се покажеш поштен пред Богом, као радин који се нема шта стидети, и право управља речју истине.
Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.
16 А поганих празних разговора клони се; јер највише помажу у безбожности,
Garuu dubbii faayidaa hin qabne irraa fagaadhu; dubbiin akkasii ittuma caalchisee nama Waaqaa taʼuu irraa nama fageessaatii.
17 И реч њихова као живина точи: међу којима је Именеј и Филит,
Barsiisni isaaniis akka dhukkuba gaangiriinii babalʼachaa deema. Himenewoosii fi Filexoosis isaan keessatti argamu;
18 Који у истини погрешише говорећи да је васкрсење већ било; и сметају веру неких.
isaanis duʼaa kaʼuun taʼee darbeera jechuudhaan dhugaa irraa fagaataniiru. Amantii namoota tokko tokkoos ni balleessu.
19 Тврдо дакле стоји темељ Божји имајући овај печат: Позна Господ своје; и: Да одступи од неправде сваки који спомиње име Господње.
Garuu hundeen Waaqaa hin sochoofamne kan chaappaa, “Gooftaan warra kan isaa taʼan ni beeka,” akkanumas “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundi hammina irraa haa deebiʼu” jedhuun chaappeffame jabaatee dhaabateera.
20 А у великом дому нису суди само златни и сребрни, него и дрвени и земљани: и једни за част, а једни за срамоту.
Mana guddaa tokko keessa miʼa warqeetii fi meetii qofa utuu hin taʼin, miʼi mukaatii fi suphees jira; kana keessaas tokko tokko ulfinaaf, kaan immoo salphinaaf oola.
21 Ако дакле ко очисти себе од овог, биће суд за част, освећен, и потребан домаћину, приправљен за свако добро дело.
Namni tokko yoo salphina kana irraa of qulqulleesse, inni miʼa ulfinaa kan qulqulleeffame, kan Gooftaa isaa fayyaduu fi kan hojii gaarii kam iyyuu hojjechuuf qopheeffame taʼa.
22 Бежи од жеља младости, а држи се правде, вере, љубави, мира, са свима који призивају Господа од чистог срца;
Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.
23 А лудих и празних запиткивања клони се знајући да рађају свађе.
Falmii faayidaa hin qabnee fi gowwummaa keessa hin seenin; kun akka lola fidu atuu ni beektaatii.
24 А слуга Господњи не треба да се свађа, него да буде кротак к свима, поучљив, који неправду може подносити,
Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu.
25 И с кротошћу поучавати оне који се противе: еда би им како Бог дао покајање за познање истине,
Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba;
26 И да се ископају из замке ђавола, који их је уловио живе за своју вољу.
akkasiinis isaan qalbii horatanii kiyyoo diiyaabiloos kan akka isaan fedhii isaa guutaniif isaan boojiʼe sana jalaa baʼu.

< 2 Тимотеју 2 >