< 1 Тимотеју 3 >
1 Истинита је реч: ако ко владичанство жели добру ствар жели.
Jechi, “Eenyu iyyuu yoo Phaaphaasii taʼuu hawwe, hojii gaarii hawwa” jedhu kun amanamaa dha.
2 Али владика треба да је без мане, једне жене муж, трезан, паметан, поштен, гостољубив, вредан да учи;
Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu,
3 Не пијаница, не бојац, не лаком, него кротак, миран, не среброљубац;
kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba.
4 Који својим домом добро управља, који има послушну децу са сваким поштењем;
Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba.
5 А ако ко не уме својим домом управљати, како ће се моћи старати за цркву Божију?
Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Waaqaa eeguu dandaʼaa?
6 Не новокрштен, да се не би надуо, и упао у суд ђавољи.
Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii diiyaabiloos keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin.
7 А ваља да има и добро сведочанство од оних који су напољу, да не би упао у срамоту и у замку ђавољу.
Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo diiyaabiloos keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu.
8 Тако и ђакони треба да буду поштени, не двојезични, не који много вина пију, не лакоми на добитак поган,
Daaqonoonnis akkasuma namoota kabajaman, warra afaan lama hin dubbanne, warra dhugaatii daadhii wayiniitiin hin fudhatamnee fi warra buʼaa hin malle argachuuf hin tattaaffanne taʼuu qabu.
9 Који имају тајну вере у чистој савести.
Yaada qulqulluunis icciitii amantii jabeessanii qabachuu qabu.
10 А и ови да се кушају најпре, па онда да служе, ако су без мане.
Isaanis duraan dursanii haa qorataman; ergasiis yoo mudaan tokko iyyuu isaan irratti hin argamin daaqonoota taʼanii haa tajaajilan.
11 Тако и жене треба да су поштене, не које опадају, трезне, верне у свему.
Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu.
12 Ђакони да бивају јединих жена мужеви, који добро управљају децом и својим домовима.
Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba.
13 Јер који добро служе они добијају себи добар поступ, и велику слободу у вери Исуса Христа.
Warri daaqonummaan sirriitti tajaajilan ulfina guddaa, amantii Kiristoos Yesuusitti qabaniin immoo ija jabina guddaa argatu.
14 Ово ти пишем надајући се да ћу скоро доћи к теби.
Ani akkan dafee gara kee dhufu abdadhee qajeelfama kana siif nan barreessa;
15 Ако ли се забавим, да знаш како треба живети у дому Божијем, који је црква Бога Живога, ступ и тврђа истине.
kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Waaqaa keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Waaqaa kunis waldaa Waaqa jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha.
16 И, као што је признато, велика је тајна побожности: Бог се јави у телу, оправда се у Духу, показа се анђелима, проповеди се незнабошцима, верова се на свету, узнесе се у слави.
Waaqatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis, Inni fooniin mulʼate; Hafuuraan mirkaneeffame; ergamoota Waaqaatu isa arge; saboota keessatti lallabame; addunyaa irratti itti amaname; ulfinaan ol fudhatame.