< Jeremija 31 >
1 U to vrijeme, govori Gospod, ja æu biti Bog svijem porodicama Izrailjevijem, i oni æe mi biti narod.
“Yeroo sanatti” jedha Waaqayyo, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Waaqa nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
2 Ovako veli Gospod: narod što osta od maèa naðe milost u pustinji, kad iðah da dam odmor Izrailju.
Waaqayyo akkana jedha: “Namoonni goraadee irraa hafan gammoojjii keessatti fudhatama ni argatu; anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.”
3 Odavna mi se javljaše Gospod. Ljubim te ljubavlju vjeènom, zato ti jednako èinim milost.
Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.
4 Opet æu te sazidati, i biæeš sazidana, djevojko Izrailjeva, opet æeš se veseliti bubnjima svojim, i izlaziæeš sa zborom igraèkim.
Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara; atis deebitee ni ijaaramta. Ati amma illee dibbee kee fudhattee warra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata.
5 Opet æeš saditi vinograde na brdima Samarijskim, sadiæe vinogradari i ješæe rod.
Ati amma illee gaarran Samaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta; qotee bulaanis wayinii dhaabbatee ija isaa ni nyaata.
6 Jer æe doæi dan kad æe vikati èuvari na gori Jefremovoj: ustanite, da idemo na Sion, ka Gospodu Bogu svojemu.
Guyyaa itti eegdonni gaarran Efreem irra dhaabatanii, ‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti ol baanaa’ jedhanii iyyan tokko ni dhufa.”
7 Jer ovako veli Gospod: pjevajte veselo radi Jakova, i podvikujte radi glave narodima; javljajte, hvalite i govorite: spasi, Gospode, narod svoj, ostatak Izrailjev.
Waaqayyo akkana jedha: “Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa; hangafa sabootaatiif ililchaa. Galata keessan dhageessisaatii, ‘Yaa Waaqayyo saba kee, hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa.
8 Evo, ja æu ih dovesti iz zemlje sjeverne, i sabraæu ih s krajeva zemaljskih, i slijepa i hroma, i trudnu i porodilju, sve zajedno, zbor veliki vratiæe se ovamo.
Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida; handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba. Isaan keessattis jaamotaa fi naafota, haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama; saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu.
9 Iæi æe plaèuæi, i s molitvama æu ih dovesti natrag; vodiæu ih pokraj potoka pravijem putem, na kom se neæe spoticati; jer sam otac Izrailju, i Jefrem je prvenac moj.
Isaanis booʼaa dhufu; yeroo ani deebisee isaan fidutti Waaqa kadhatu. Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fi Efreem immoo ilma koo hangafa taʼeef, ani qarqara burqaa bishaanii irra, daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.
10 Èujte, narodi, rijeè Gospodnju, i javljajte po dalekim ostrvima i recite: koji rasije Izrailja, skupiæe ga, i èuvaæe ga kao pastir stado svoje.
“Yaa saboota, dubbii Waaqayyo dhagaʼaa; isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabee akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatii biyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa.
11 Jer iskupi Gospod Jakova, i izbavi ga iz ruku jaèega od njega.
Waaqayyo Yaaqoobin fureera, warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii.
12 I doæi æe i pjevaæe na visini Sionskoj, i steæi æe se k dobru Gospodnjem, k žitu, k vinu i k ulju, k jaganjcima i teocima; i duša æe im biti kao vrt zaliven, i neæe više tužiti.
Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu; isaan arjummaa Waaqayyootti jechuunis midhaanitti, daadhii wayinii haaraa fi zayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu. Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa; isaan siʼachi hin gaddan.
13 Tada æe se veseliti djevojka u kolu, i momci i starci zajedno, i promijeniæu žalost njihovu na radost, i utješiæu ih, i razveseliæu ih po žalosti njihovoj.
Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu; dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu. Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara; qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf.
14 I napitaæu sveštenicima dušu pretilinom, i narod æe se moj nasititi dobra mojega, govori Gospod.
Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa; sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,” jedha Waaqayyo.
15 Ovako veli Gospod: glas u Rami èu se, naricanje i plaè veliki; Rahilja plaèe za djecom svojom, neæe da se utješi za djecom svojom, jer ih nema.
Waaqayyo akkana jedha: “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
16 Ovako veli Gospod: ustavi glas svoj od plaèa i oèi svoje od suza, jer ima plata djelu tvojemu, govori Gospod, i oni æe se vratiti iz zemlje neprijateljske.
Waaqayyo akkana jedha: “Sagalee kee booʼicha irraa, ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu; hojiin kee ni badhaafamaatii” jedha Waaqayyo. “Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu.
17 I imaš nada za pošljedak, govori Gospod, da æe se vratiti sinovi tvoji na meðe svoje.
Kanaafuu galgalli kee abdii qaba” jedha Waaqayyo. Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu.
18 Èujem doista Jefrema gdje tuži: pokarao si me, te sam pokaran kao june neuko; obrati me da se obratim, jer si ti Gospod Bog moj.
“Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera: ‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamin tokkootti na adabdeerta; anis adabameera. Ati sababii Waaqayyo Waaqa koo taateef, na deebisi; anis nan deebiʼa.
19 Jer pošto se obratih, pokajah se; i pošto se nauèih, udarih se po bedru; jer se posramih i stidim se što nosim sramotu mladosti svoje.
Ani ergan duubatti deebiʼee booddee, qalbii jijjiirradheera; ani ergan hubadhee booddee, qoma koo nan dhaʼe. Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf, nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’
20 Nije li mi Jefrem mio sin? nije li dijete predrago? Otkad govorih protiv njega, jednako ga se opominjem; zato je srce moje ustreptalo njega radi, doista æu se smilovati na nj, govori Gospod.
Efreem ilma koo jaallatamaa, mucaa ani itti gammadu mitii? Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuu amma illee isa nan yaadadha. Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada; garaas nan laafaaf” jedha Waaqayyo.
21 Podigni znake, nanesi gomile kamenja, zapamti put kojim si išla; vrati se, djevojko Izrailjeva, vrati se u gradove svoje.
“Ati mallattoo daandii dhaabbadhu; waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu. Karaa irra deemtu, daandii guddaa sana hubadhu. Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi; magaalaawwan keetti deebiʼi.
22 Dokle æeš lutati, kæeri odmetnice! jer je Gospod uèinio nešto novo na zemlji: žena æe opkoliti èovjeka.
Yaa intala hin amanamne, ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta? Waaqayyo waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma; dubartiin dhiira marsiti.”
23 Ovako veli Gospod nad vojskama, Bog Izrailjev: još æu ovu rijeè govoriti u zemlji Judinoj i u gradovima njegovijem kad natrag dovedem roblje njihovo: Gospod da te blagoslovi, stane pravde, sveta goro!
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Waaqayyo si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu.
24 Jer æe se naseliti u njoj Juda, i svi gradovi njegovi, i ratari i koji idu za stadom.
Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu.
25 Jer æu napojiti umornu dušu, i nasititi svaku klonulu dušu.
Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”
26 Utom se probudih i pogledah, i san mi bješe sladak.
Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.
27 Evo idu dani, govori Gospod, kad æu zasijati dom Izrailjev i dom Judin sjemenom èovjeèijim i sjemenom od stoke.
“Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo.
28 I kao što sam pazio na njih da ih istrijebljujem i razvaljujem, i kvarim i zatirem i muèim, tako æu paziti na njih da ih sazidam i posadim, govori Gospod.
“Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Waaqayyo.
29 U te dane neæe se više govoriti: oci jedoše kiselo grožðe, a sinovima trnu zubi.
“Bara sana keessa namoonni lammata, “‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan ilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan.
30 Nego æe svaki za svoj grijeh poginuti; ko god jede kiselo grožðe, tome æe zubi trnuti.
Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.
31 Evo, idu dani, govori Gospod, kad æu uèiniti s domom Izrailjevijem i s domom Judinijem nov zavjet,
“Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis kakuu haaraa galu ni dhufa,” jedha Waaqayyo.
32 Ne kao onaj zavjet koji uèinih s ocima njihovijem, kad ih uzeh za ruku da ih izvedem iz zemlje Misirske, jer onaj zavjet moj oni pokvariše, a ja im bijah muž, govori Gospod;
“Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale, kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu isaan cabsan sanaan tokko miti” jedha Waaqayyo.
33 Nego ovo je zavjet što æu uèiniti s domom Izrailjevijem poslije ovijeh dana, govori Gospod: metnuæu zavjet svoj u njih, i na srcu njihovu napisaæu ga, i biæu im Bog i oni æe mi biti narod.
“Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo. “Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo taʼu.
34 I neæe više uèiti prijatelj prijatelja ni brat brata govoreæi: poznajte Gospoda; jer æe me znati svi od maloga do velikoga, govori Gospod; jer æu im oprostiti bezakonja njihova, i grijeha njihovijeh neæu više pominjati.
Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” jedha Waaqayyo. “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
35 Ovako veli Gospod, koji daje sunce da svijetli danju, i uredbe mjesecu i zvijezdama da svijetle noæu, koji raskida more i buèe vali njegovi, kojemu je ime Gospod nad vojskama:
Waaqayyo akkana jedha; inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu, inni akka isaan halkaniin ibsaniif, jiʼaa fi urjiiwwan ajaju, inni akka dambaliin isaa huursuuf galaana raasu sun maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
36 Ako tijeh uredaba nestane ispred mene, govori Gospod, i sjeme æe Izrailjevo prestati biti narod preda mnom navijek.
“Yoo seerri kun fuula koo duraa bade qofa, sanyiin Israaʼel, fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa” jedha Waaqayyo.
37 Ovako veli Gospod: ako se može izmjeriti nebo gore i izvidjeti temelji zemaljski dolje, tada æu i ja odbaciti sve sjeme Izrailjevo za sve što su uèinili, veli Gospod.
Waaqayyo akkana jedha: “Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa ani sanyii Israaʼel hunda sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata” jedha Waaqayyo.
38 Evo idu dani, govori Gospod, u koje æe se sazidati Gospodu ovaj grad od kule Ananeilove do vrata na uglu.
Waaqayyo akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa.
39 I još æe dalje otiæi uže mjeraèko do huma Gariva i obrnuæe se na Goat.
Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama.
40 I sva dolina od mrtvijeh tjelesa i pepela, i sva polja dori do potoka Kedrona, do ugla konjskih vrata k istoku, biæe svetinja Gospodu; neæe se razvaliti ni potrti dovijeka.
Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Waaqayyoof ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”