< อิผิษิณ: 2 >
1 ปุรา ยูยมฺ อปราไธ: ปาไปศฺจ มฺฤตา: สนฺตสฺตานฺยาจรนฺต อิหโลกสฺย สํสารานุสาเรณากาศราชฺยสฺยาธิปติมฺ (aiōn )
Isin irra daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan;
2 อรฺถต: สามฺปฺรตมฺ อาชฺญาลงฺฆิวํเศษุ กรฺมฺมการิณมฺ อาตฺมานมฺ อนฺววฺรชตฯ
kunis isuma isin yeroo jireenya addunyaa kanaatii fi bulchaa mootummaa qilleensaa jechuunis hafuura amma iyyuu warra hin ajajamne keessatti hojjetu duukaa buutanitti keessa jiraachaa turtanii dha. (aiōn )
3 เตษำ มเธฺย สรฺเวฺว วยมปิ ปูรฺวฺวํ ศรีรสฺย มนสฺกามนายาญฺเจหำ สาธยนฺต: สฺวศรีรสฺยาภิลาษานฺ อาจราม สรฺเวฺว'นฺย อิว จ สฺวภาวต: โกฺรธภชนานฺยภวามฯ
Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre.
4 กินฺตุ กรุณานิธิรีศฺวโร เยน มหาเปฺรมฺนาสฺมานฺ ทยิตวานฺ
Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf,
5 ตสฺย สฺวเปฺรมฺโน พาหุลฺยาทฺ อปราไธ รฺมฺฤตานปฺยสฺมานฺ ขฺรีษฺเฏน สห ชีวิตวานฺ ยโต'นุคฺรหาทฺ ยูยํ ปริตฺราณํ ปฺราปฺตา: ฯ
yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
6 ส จ ขฺรีษฺเฏน ยีศุนาสฺมานฺ เตน สารฺทฺธมฺ อุตฺถาปิตวานฺ สฺวรฺค อุปเวศิตวำศฺจฯ
Waaqnis Kiristoos wajjin duʼaa nu kaase; karaa Kiristoos Yesuusiinis isa wajjin iddoo samii irra nu teessise;
7 อิตฺถํ ส ขฺรีษฺเฏน ยีศุนาสฺมานฺ ปฺรติ สฺวหิไตษิตยา ภาวิยุเคษุ สฺวกียานุคฺรหสฺยานุปมํ นิธึ ปฺรกาศยิตุมฺ อิจฺฉติฯ (aiōn )
innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe. (aiōn )
8 ยูยมฺ อนุคฺรหาทฺ วิศฺวาเสน ปริตฺราณํ ปฺราปฺตา: , ตจฺจ ยุษฺมนฺมูลกํ นหิ กินฺตฺวีศฺวรไสฺยว ทานํ,
Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti;
9 ตตฺ กรฺมฺมณำ ผลมฺ อปิ นหิ, อต: เกนาปิ น ศฺลาฆิตวฺยํฯ
akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.
10 ยโต วยํ ตสฺย การฺยฺยํ ปฺราคฺ อีศฺวเรณ นิรูปิตาภิ: สตฺกฺริยาภิ: กาลยาปนาย ขฺรีษฺเฏ ยีเศา เตน มฺฤษฺฏาศฺจฯ
Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.
11 ปุรา ชนฺมนา ภินฺนชาตียา หสฺตกฺฤตํ ตฺวกฺเฉทํ ปฺราปฺไต โรฺลไกศฺจาจฺฉินฺนตฺวจ อิตินามฺนา ขฺยาตา เย ยูยํ ไต รฺยุษฺมาภิริทํ สฺมรฺตฺตวฺยํ
Kanaaf isin warri durumaa dhalootaan Namoota Ormaa taatan akka warra dhagna qabaa harka namaatiin dhagna namaa irratti hojjetamuun, “Nu warra dhagna qabatee dha” ofiin jedhan biratti “Warra dhagna hin qabatin” jedhamtanii waamamtan sana yaadadhaa;
12 ยตฺ ตสฺมินฺ สมเย ยูยํ ขฺรีษฺฏาทฺ ภินฺนา อิสฺราเยลโลกานำ สหวาสาทฺ ทูรสฺถา: ปฺรติชฺญาสมฺพลิตนิยมานำ พหิ: สฺถิตา: สนฺโต นิราศา นิรีศฺวราศฺจ ชคตฺยาธฺวมฺ อิติฯ
isin akka yeroo sana Kiristoos irraa cittanii, lammummaa Israaʼel keessaa baafamtanii, kakuu waadaatiifis keessumoota taatanii, abdii malee, Waaqa malees addunyaa keessa turtan yaadadhaa.
13 กินฺตฺวธุนา ขฺรีษฺเฏ ยีศาวาศฺรยํ ปฺราปฺย ปุรา ทูรวรฺตฺติโน ยูยํ ขฺรีษฺฏสฺย โศณิเตน นิกฏวรฺตฺติโน'ภวตฯ
Amma garuu isin warri yeroo tokko fagoo turtan Kiristoos Yesuusiin dhiiga Kiristoosiin dhiʼeeffamtaniirtu.
14 ยต: ส เอวาสฺมากํ สนฺธิ: ส ทฺวยมฺ เอกีกฺฤตวานฺ ศตฺรุตารูปิณีํ มธฺยวรฺตฺตินีํ ปฺรเภทกภิตฺตึ ภคฺนวานฺ ทณฺฑาชฺญายุกฺตํ วิธิศาสฺตฺรํ สฺวศรีเรณ ลุปฺตวำศฺจฯ
Kiristoos nagaa keenyaatii; innis dallaa diinummaa kan gargar baasu sana diigee jara lamaanuu tokko godheera;
15 ยต: ส สนฺธึ วิธาย เตา เทฺวา สฺวสฺมินฺ เอกํ นุตนํ มานวํ กรฺตฺตุํ
inni foon ofiitiin seera ajajaa fi sirna isaa wajjin diigeera. Kaayyoon isaas jara lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee akkasiin nagaa buusuudhaan
16 สฺวกียกฺรุเศ ศตฺรุตำ นิหตฺย เตไนไวกสฺมินฺ ศรีเร ตโย รฺทฺวโยรีศฺวเรณ สนฺธึ การยิตุํ นิศฺจตวานฺฯ
fannoo ittiin diinummaa isaanii ajjeese sanaan lamaan isaanii iyyuu dhagna tokko godhee Waaqatti araarse.
17 ส จาคตฺย ทูรวรฺตฺติโน ยุษฺมานฺ นิกฏวรฺตฺติโน 'สฺมำศฺจ สนฺเธ รฺมงฺคลวารฺตฺตำ ชฺญาปิตวานฺฯ
Innis dhufee isin warra fagoo turtanitti nagaa, warra dhiʼoo turanittis nagaa lallabe.
18 ยตสฺตสฺมาทฺ อุภยปกฺษียา วยมฺ เอเกนาตฺมนา ปิตุ: สมีปํ คมนาย สามรฺถฺยํ ปฺราปฺตวนฺต: ฯ
Nu lamaanuu karaa isaatiin Hafuura tokkicha sanaan akka itti Abbaa bira geenyu qabnaatii.
19 อต อิทานีํ ยูยมฺ อสมฺปรฺกียา วิเทศินศฺจ น ติษฺฐนต: ปวิตฺรโลไก: สหวาสิน อีศฺวรสฺย เวศฺมวาสินศฺจาเธฺวฯ
Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti;
20 อปรํ เปฺรริตา ภวิษฺยทฺวาทินศฺจ ยตฺร ภิตฺติมูลสฺวรูปาสฺตตฺร ยูยํ ตสฺมินฺ มูเล นิจียเธฺว ตตฺร จ สฺวยํ ยีศุ: ขฺรีษฺฏ: ปฺรธาน: โกณสฺถปฺรสฺตร: ฯ
isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.
21 เตน กฺฤตฺสฺนา นิรฺมฺมิติ: สํคฺรถฺยมานา ปฺรโภ: ปวิตฺรํ มนฺทิรํ ภวิตุํ วรฺทฺธเตฯ
Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata.
22 ยูยมปิ ตตฺร สํคฺรถฺยมานา อาตฺมเนศฺวรสฺย วาสสฺถานํ ภวถฯ
Isinis isumaan mana Waaqni Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.