< ๑ ตีมถิย: 6 >
1 ยาวนฺโต โลกา ยุคธาริโณ ทาสา: สนฺติ เต สฺวสฺวสฺวามินํ ปูรฺณสมาทรโยคฺยํ มนฺยนฺตำ โน เจทฺ อีศฺวรสฺย นามฺน อุปเทศสฺย จ นินฺทา สมฺภวิษฺยติฯ
Akka maqaan Waaqaatii fi barsiisni keenya hin arrabsamneef warri waanjoo garbummaa jala jiran hundinuu akka ulfinni guutuun gooftota isaaniitiif malutti haa ilaalan.
2 เยษาญฺจ สฺวามิโน วิศฺวาสิน: ภวนฺติ ไตเสฺต ภฺราตฺฤตฺวาตฺ นาวชฺเญยา: กินฺตุ เต กรฺมฺมผลโภคิโน วิศฺวาสิน: ปฺริยาศฺจ ภวนฺตีติ เหโต: เสวนียา เอว, ตฺวมฺ เอตานิ ศิกฺษย สมุปทิศ จฯ
Warri gooftota amanan qabanis sababii isaan obboloota taʼaniif isaan hin tuffatin. Qooda kanaa warri tajaajila isaaniitiin fayyadaman sun waan isaan amantootaa fi jaallatamtoota taʼaniif ittuma cimsanii isaan haa tajaajilan. Atis waan kana barsiisi; gorsis.
3 ย: กศฺจิทฺ อิตรศิกฺษำ กโรติ, อสฺมากํ ปฺรโภ รฺยีศุขฺรีษฺฏสฺย หิตวากฺยานีศฺวรภกฺเต โรฺยคฺยำ ศิกฺษาญฺจ น สฺวีกโรติ
Eenyu iyyuu yoo barsiisa addaa barsiise, yoo dubbii dhugaa kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi barsiisa nama Waaqaa taʼuuf fayyaduun walii hin galle,
4 ส ทรฺปธฺมาต: สรฺวฺวถา ชฺญานหีนศฺจ วิวาไท รฺวาคฺยุทฺไธศฺจ โรคยุกฺตศฺจ ภวติฯ
inni of tuulummaan guutameera; waan tokko iyyuus hin hubatu. Inni waaʼee jechootaa irratti morkii fi lolaaf fedhii hamaa qaba; kunis hinaaffaa, wal dhabuu, arrabsoo fi shakkii hamaa fida;
5 ตาทฺฤศาทฺ ภาวาทฺ อีรฺษฺยาวิโรธาปวาททุษฺฏาสูยา ภฺรษฺฏมนสำ สตฺยชฺญานหีนานามฺ อีศฺวรภกฺตึ ลาโภปายมฺ อิว มนฺยมานานำ โลกานำ วิวาทาศฺจ ชายนฺเต ตาทฺฤเศโภฺย โลเกภฺยสฺตฺวํ ปฺฤถกฺ ติษฺฐฯ
namoota qalbiin isaanii badee dhugaanis irraa fudhatame kanneen Waaqatti buluu karaa ittiin maallaqni argamu seʼan gidduuttis walitti buʼiisa dhuma hin qabnetu uumama.
6 สํยเตจฺฉยา ยุกฺตา เยศฺวรภกฺติ: สา มหาลาโภปาโย ภวตีติ สตฺยํฯ
Waaqatti buluun, “Wanni ani qabu na gaʼa” jechuu of keessaa qabaannaan kun dhugumaan faayidaa guddaa qaba.
7 เอตชฺชคตฺปฺรเวศนกาเล'สฺมาภิ: กิมปิ นานายิ ตตฺตยชนกาเล'ปิ กิมปิ เนตุํ น ศกฺษฺยต อิติ นิศฺจิตํฯ
Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu.
8 อเตอว ขาทฺยานฺยาจฺฉาทนานิ จ ปฺราปฺยาสฺมาภิ: สนฺตุษฺไฏ รฺภวิตวฺยํฯ
Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa.
9 เย ตุ ธนิโน ภวิตุํ เจษฺฏนฺเต เต ปรีกฺษายามฺ อุนฺมาเถ ปตนฺติ เย จาภิลาษา มานวานฺ วินาเศ นรเก จ มชฺชยนฺติ ตาทฺฤเศษฺวชฺญานาหิตาภิลาเษษฺวปิ ปตนฺติฯ
Warri sooromuu barbaadan garuu qorumsaa fi kiyyoo, hawwii gowwummaa fi miidhaa baayʼee fidu kan diigamaa fi badiisatti nama dhidhimsu keessatti kufu.
10 ยโต'รฺถสฺปฺฤหา สรฺเวฺวษำ ทุริตานำ มูลํ ภวติ ตามวลมฺพฺย เกจิทฺ วิศฺวาสาทฺ อภฺรํศนฺต นานาเกฺลไศศฺจ สฺวานฺ อวิธฺยนฺฯ
Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru.
11 เห อีศฺวรสฺย โลก ตฺวมฺ เอเตภฺย: ปลายฺย ธรฺมฺม อีศฺวรภกฺติ รฺวิศฺวาส: เปฺรม สหิษฺณุตา กฺษานฺติศฺไจตานฺยาจรฯ
Ati garuu yaa nama Waaqaa, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Waaqatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi.
12 วิศฺวาสรูปมฺ อุตฺตมยุทฺธํ กุรุ, อนนฺตชีวนมฺ อาลมฺพสฺว ยตสฺตทรฺถํ ตฺวมฺ อาหูโต 'ภว: , พหุสากฺษิณำ สมกฺษญฺโจตฺตมำ ปฺรติชฺญำ สฺวีกฺฤตวานฺฯ (aiōnios )
Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu. (aiōnios )
13 อปรํ สรฺเวฺวษำ ชีวยิตุรีศฺวรสฺย สากฺษาทฺ ยศฺจ ขฺรีษฺโฏ ยีศุ: ปนฺตียปีลาตสฺย สมกฺษมฺ อุตฺตมำ ปฺรติชฺญำ สฺวีกฺฤตวานฺ ตสฺย สากฺษาทฺ อหํ ตฺวามฺ อิทมฺ อาชฺญาปยามิฯ
Ani fuula Waaqa waan hundaaf jireenya kennuu duratti, fuula Kiristoos Yesuus kan yommuu Phonxoos Phiilaaxoos duratti dhugaa baʼetti akka gaarii beeksise sanaa durattis,
14 อีศฺวเรณ สฺวสมเย ปฺรกาศิตวฺยมฺ อสฺมากํ ปฺรโภ รฺยีศุขฺรีษฺฏสฺยาคมนํ ยาวตฺ ตฺวยา นิษฺกลงฺกเตฺวน นิรฺทฺโทษเตฺวน จ วิธี รกฺษฺยตำฯ
akka ati hamma dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti ajaja kana xurii fi mudaa malee eegdus sin gorsa.
15 ส อีศฺวร: สจฺจิทานนฺท: , อทฺวิตียสมฺราฏฺ, ราชฺญำ ราชา, ปฺรภูนำ ปฺรภุ: ,
Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa;
16 อมรตายา อทฺวิตีย อากร: , อคมฺยเตโชนิวาสี, มรฺตฺตฺยานำ เกนาปิ น ทฺฤษฺฏ: เกนาปิ น ทฺฤศฺยศฺจฯ ตสฺย เคารวปรากฺรเมา สทาตเนา ภูยาสฺตำฯ อาเมนฺฯ (aiōnios )
kan hin duune isa qofa; innis ifa namni tokko iyyuu itti dhiʼaachuu hin dandeenye keessa jiraata; eenyu iyyuu isa hin argine; isa arguus hin dandaʼu. Ulfinii fi humni bara baraan isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōnios )
17 อิหโลเก เย ธนินเสฺต จิตฺตสมุนฺนตึ จปเล ธเน วิศฺวาสญฺจ น กุรฺวฺวตำ กินฺตุ โภคารฺถมฺ อสฺมภฺยํ ปฺรจุรเตฺวน สรฺวฺวทาตา (aiōn )
Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji. (aiōn )
18 โย'มร อีศฺวรสฺตสฺมินฺ วิศฺวสนฺตุ สทาจารํ กุรฺวฺวนฺตุ สตฺกรฺมฺมธเนน ธนิโน สุกลา ทาตารศฺจ ภวนฺตุ,
Akka isaan waan gaarii hojjetan, akka badhaadhummaan isaanii hojii gaarii taʼu, akka arjooman, akka waan qabanis qooduuf fedhii qabaatan isaan ajaji.
19 ยถา จ สตฺยํ ชีวนํ ปาปฺนุยุสฺตถา ปารตฺริกามฺ อุตฺตมสมฺปทํ สญฺจินฺวนฺเตฺวติ ตฺวยาทิศฺยนฺตำฯ
Isaanis karaa kanaan jireenya dhugumaan jireenya taʼe qabaachuuf jedhanii badhaadhummaa hundee jabaa taʼu bara dhufuuf jiruuf ofii isaaniitii kuufatu.
20 เห ตีมถิย, ตฺวมฺ อุปนิธึ โคปย กาลฺปนิกวิทฺยายา อปวิตฺรํ ปฺรลาปํ วิโรโธกฺติญฺจ ตฺยช จ,
Yaa Xiimotewos, waan imaanaa sitti kenname jabeessii eegi. Oduu Waaqni hin jaallannee fi yaada mormii kan sobaan “Beekumsa” jedhamu irraa fagaadhu;
21 ยต: กติปยา โลกาสฺตำ วิทฺยามวลมฺพฺย วิศฺวาสาทฺ ภฺรษฺฏา อภวนฯ ปฺรสาทสฺตว สหาโย ภูยาตฺฯ อาเมนฺฯ
namoonni tokko tokko, “Nu beekumsa akkasii qabna” jechuun amantii irraa badaniiruutii. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.