< ಇಬ್ರಿಣಃ 5 >
1 ಯಃ ಕಶ್ಚಿತ್ ಮಹಾಯಾಜಕೋ ಭವತಿ ಸ ಮಾನವಾನಾಂ ಮಧ್ಯಾತ್ ನೀತಃ ಸನ್ ಮಾನವಾನಾಂ ಕೃತ ಈಶ್ವರೋದ್ದೇಶ್ಯವಿಷಯೇಽರ್ಥತ ಉಪಹಾರಾಣಾಂ ಪಾಪಾರ್ಥಕಬಲೀನಾಞ್ಚ ದಾನ ನಿಯುಜ್ಯತೇ|
Tokkoon tokkoon luba ol aanaa namoota gidduudhaa filatamee waan Waaqa ilaallatu irratti namoota iddoo buʼee sababii cubbuutiif kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama.
2 ಸ ಚಾಜ್ಞಾನಾಂ ಭ್ರಾನ್ತಾನಾಞ್ಚ ಲೋಕಾನಾಂ ದುಃಖೇನ ದುಃಖೀ ಭವಿತುಂ ಶಕ್ನೋತಿ, ಯತೋ ಹೇತೋಃ ಸ ಸ್ವಯಮಪಿ ದೌರ್ಬ್ಬಲ್ಯವೇಷ್ಟಿತೋ ಭವತಿ|
Inni mataan isaa iyyuu waan dadhabbii keessa jiruuf wallaaltotaa fi warra karaa irraa jallataniif garaa laafuu ni dandaʼa.
3 ಏತಸ್ಮಾತ್ ಕಾರಣಾಚ್ಚ ಯದ್ವತ್ ಲೋಕಾನಾಂ ಕೃತೇ ತದ್ವದ್ ಆತ್ಮಕೃತೇಽಪಿ ಪಾಪಾರ್ಥಕಬಲಿದಾನಂ ತೇನ ಕರ್ತ್ತವ್ಯಂ|
Sababii kanaaf inni cubbuu ofii isaatiif, akkasumas cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuu qaba.
4 ಸ ಘೋಚ್ಚಪದಃ ಸ್ವೇಚ್ಛಾತಃ ಕೇನಾಪಿ ನ ಗೃಹ್ಯತೇ ಕಿನ್ತು ಹಾರೋಣ ಇವ ಯ ಈಶ್ವರೇಣಾಹೂಯತೇ ತೇನೈವ ಗೃಹ್ಯತೇ|
Nama akkuma Aroonitti Waaqaan waamame malee, namni kam iyyuu ulfina kana ofii isaatiif hin fudhatu.
5 ಏವಮ್ಪ್ರಕಾರೇಣ ಖ್ರೀಷ್ಟೋಽಪಿ ಮಹಾಯಾಜಕತ್ವಂ ಗ್ರಹೀತುಂ ಸ್ವೀಯಗೌರವಂ ಸ್ವಯಂ ನ ಕೃತವಾನ್, ಕಿನ್ತು "ಮದೀಯತನಯೋಽಸಿ ತ್ವಮ್ ಅದ್ಯೈವ ಜನಿತೋ ಮಯೇತಿ" ವಾಚಂ ಯಸ್ತಂ ಭಾಷಿತವಾನ್ ಸ ಏವ ತಸ್ಯ ಗೌರವಂ ಕೃತವಾನ್|
Kiristoosis akkasuma luba ol aanaa taʼuuf of hin ulfeessine. Waaqni garuu, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” jedheen.
6 ತದ್ವದ್ ಅನ್ಯಗೀತೇಽಪೀದಮುಕ್ತಂ, ತ್ವಂ ಮಲ್ಕೀಷೇದಕಃ ಶ್ರೇಣ್ಯಾಂ ಯಾಜಕೋಽಸಿ ಸದಾತನಃ| (aiōn )
Iddoo biraattis, “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedha. (aiōn )
7 ಸ ಚ ದೇಹವಾಸಕಾಲೇ ಬಹುಕ್ರನ್ದನೇನಾಶ್ರುಪಾತೇನ ಚ ಮೃತ್ಯುತ ಉದ್ಧರಣೇ ಸಮರ್ಥಸ್ಯ ಪಿತುಃ ಸಮೀಪೇ ಪುನಃ ಪುನರ್ವಿನತಿಂ ಪ್ರರ್ಥನಾಞ್ಚ ಕೃತ್ವಾ ತತ್ಫಲರೂಪಿಣೀಂ ಶಙ್ಕಾತೋ ರಕ್ಷಾಂ ಪ್ರಾಪ್ಯ ಚ
Yesuus yeroo lafa irra jiraachaa turetti iyya guddaa fi imimmaaniin isa duʼa isa oolchuu dandaʼu sanatti kadhannaa fi waammata dhiʼeeffate; sababii inni sodaa Waaqaa qabuufis kadhannaan isaa ni dhagaʼameef.
8 ಯದ್ಯಪಿ ಪುತ್ರೋಽಭವತ್ ತಥಾಪಿ ಯೈರಕ್ಲಿಶ್ಯತ ತೈರಾಜ್ಞಾಗ್ರಹಣಮ್ ಅಶಿಕ್ಷತ|
Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate;
9 ಇತ್ಥಂ ಸಿದ್ಧೀಭೂಯ ನಿಜಾಜ್ಞಾಗ್ರಾಹಿಣಾಂ ಸರ್ವ್ವೇಷಾಮ್ ಅನನ್ತಪರಿತ್ರಾಣಸ್ಯ ಕಾರಣಸ್ವರೂಪೋ ಽಭವತ್| (aiōnios )
erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe. (aiōnios )
10 ತಸ್ಮಾತ್ ಸ ಮಲ್ಕೀಷೇದಕಃ ಶ್ರೇಣೀಭುಕ್ತೋ ಮಹಾಯಾಜಕ ಈಶ್ವರೇಣಾಖ್ಯಾತಃ|
Akka sirna Malkiiseedeqittis luba ol aanaa jedhamee Waaqaan waamame.
11 ತಮಧ್ಯಸ್ಮಾಕಂ ಬಹುಕಥಾಃ ಕಥಯಿತವ್ಯಾಃ ಕಿನ್ತು ತಾಃ ಸ್ತಬ್ಧಕರ್ಣೈ ರ್ಯುಷ್ಮಾಭಿ ರ್ದುರ್ಗಮ್ಯಾಃ|
Nu waaʼee isaa waan jennu baayʼee qabna; isin garuu waan hubachuutti dadhaboo taataniif isinii ibsuun rakkisaa dha.
12 ಯತೋ ಯೂಯಂ ಯದ್ಯಪಿ ಸಮಯಸ್ಯ ದೀರ್ಘತ್ವಾತ್ ಶಿಕ್ಷಕಾ ಭವಿತುಮ್ ಅಶಕ್ಷ್ಯತ ತಥಾಪೀಶ್ವರಸ್ಯ ವಾಕ್ಯಾನಾಂ ಯಾ ಪ್ರಥಮಾ ವರ್ಣಮಾಲಾ ತಾಮಧಿ ಶಿಕ್ಷಾಪ್ರಾಪ್ತಿ ರ್ಯುಷ್ಮಾಕಂ ಪುನರಾವಶ್ಯಕಾ ಭವತಿ, ತಥಾ ಕಠಿನದ್ರವ್ಯೇ ನಹಿ ಕಿನ್ತು ದುಗ್ಧೇ ಯುಷ್ಮಾಕಂ ಪ್ರಯೋಜನಮ್ ಆಸ್ತೇ|
Isin yeroo kanatti barsiistota taʼuu qabdu ture; isin immoo nama waaʼee dhugaa dubbii Waaqaa kan jalqabaa irra deebiʼee isin barsiisutu isin barbaachisa. Nyaata jabaataas utuu hin taʼin aannan isin barbaachisa.
13 ಯೋ ದುಗ್ಧಪಾಯೀ ಸ ಶಿಶುರೇವೇತಿಕಾರಣಾತ್ ಧರ್ಮ್ಮವಾಕ್ಯೇ ತತ್ಪರೋ ನಾಸ್ತಿ|
Namni aannaniin jiraatu kam iyyuu waan amma illee daaʼima taʼeef dubbii qajeelummaa hin beeku.
14 ಕಿನ್ತು ಸದಸದ್ವಿಚಾರೇ ಯೇಷಾಂ ಚೇತಾಂಸಿ ವ್ಯವಹಾರೇಣ ಶಿಕ್ಷಿತಾನಿ ತಾದೃಶಾನಾಂ ಸಿದ್ಧಲೋಕಾನಾಂ ಕಠೋರದ್ರವ್ಯೇಷು ಪ್ರಯೋಜನಮಸ್ತಿ|
Nyaanni jabaataan garuu namoota bilchaatoo kanneen waan gaarii fi waan hamaa gargar baasanii beekuuf of leenjisaniif taʼa.