< ၂ ကရိန္ထိနး 3 >
1 ဝယံ ကိမ် အာတ္မပြၑံသနံ ပုနရာရဘာမဟေ? ယုၐ္မာန် ပြတိ ယုၐ္မတ္တော ဝါ ပရေၐာံ ကေၐာဉ္စိဒ် ဣဝါသ္မာကမပိ ကိံ ပြၑံသာပတြေၐု ပြယောဇနမ် အာသ္တေ?
Nu ammas of galateeffachuu jalqabnaa ree? Yookaan akka namoota tokko tokkoo xalayaa deeggarsaa gara keessanitti fiduu yookaan isin biraa argachuu nu barbaachisaa ree?
2 ယူယမေဝါသ္မာကံ ပြၑံသာပတြံ တစ္စာသ္မာကမ် အန္တးကရဏေၐု လိခိတံ သရွွမာနဝဲၑ္စ ဇ္ဉေယံ ပဌနီယဉ္စ၊
Xalayaan keenya kan namni hundinuu beekuu fi dubbisu kan garaa keenya keessatti barreeffame isinuma.
3 ယတော 'သ္မာဘိး သေဝိတံ ခြီၐ္ဋသျ ပတြံ ယူယပေဝ, တစ္စ န မသျာ ကိန္တွမရသျေၑွရသျာတ္မနာ လိခိတံ ပါၐာဏပတြေၐု တန္နဟိ ကိန္တု ကြဝျမယေၐု ဟၖတ္ပတြေၐု လိခိတမိတိ သုသ္ပၐ္ဋံ၊
Isin akka xalayaa Kiristoos, buʼaa tajaajila keenyaa taatan ifa; xalayaan kunis qalamiidhaan utuu hin taʼin Hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin gabatee garaa namaa irratti kan barreeffamee dha.
4 ခြီၐ္ဋေနေၑွရံ ပြတျသ္မာကမ် ဤဒၖၑော ဒၖဎဝိၑွာသော ဝိဒျတေ;
Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti.
5 ဝယံ နိဇဂုဏေန ကိမပိ ကလ္ပယိတုံ သမရ္ထာ ဣတိ နဟိ ကိန္တွီၑွရာဒသ္မာကံ သာမရ္ထျံ ဇာယတေ၊
Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa.
6 တေန ဝယံ နူတနနိယမသျာရ္ထတော 'က္ၐရသံသ္ထာနသျ တန္နဟိ ကိန္တွာတ္မန ဧဝ သေဝနသာမရ္ထျံ ပြာပ္တား၊ အက္ၐရသံသ္ထာနံ မၖတျုဇနကံ ကိန္တွာတ္မာ ဇီဝနဒါယကး၊
Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.
7 အက္ၐရဲ ရွိလိခိတပါၐာဏရူပိဏီ ယာ မၖတျေား သေဝါ သာ ယဒီဒၖက် တေဇသွိနီ ဇာတာ ယတ္တသျာစိရသ္ထာယိနသ္တေဇသး ကာရဏာတ် မူသသော မုခမ် ဣသြာယေလီယလောကဲး သံဒြၐ္ဋုံ နာၑကျတ,
Erga tajaajilli duʼa fide kan qubeedhaan dhagaa irratti qirixame sun hamma Israaʼeloonni sababii ulfina isaa kan irraa badaa deemu sanaatiif xiyyeeffatanii fuula Musee ilaaluu hin dandeenyetti ulfinaan dhufee,
8 တရှျာတ္မနး သေဝါ ကိံ တတော'ပိ ဗဟုတေဇသွိနီ န ဘဝေတ်?
tajaajilli Hafuuraa immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatuu ree?
9 ဒဏ္ဍဇနိကာ သေဝါ ယဒိ တေဇောယုက္တာ ဘဝေတ် တရှိ ပုဏျဇနိကာ သေဝါ တတော'ဓိကံ ဗဟုတေဇောယုက္တာ ဘဝိၐျတိ၊
Erga tajaajilli murtii namatti fidu ulfina qabaatee, tajaajilli qajeelummaa fidu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree!
10 ဥဘယောသ္တုလနာယာံ ကၖတာယာမ် ဧကသျာသ္တေဇော ဒွိတီယာယား ပြခရတရေဏ တေဇသာ ဟီနတေဇော ဘဝတိ၊
Wanni ulfina qabeessa ture sun yommuu ulfina caalu biratti ilaalamu amma ulfina hin qabuutii.
11 ယသ္မာဒ် ယတ် လောပနီယံ တဒ် ယဒိ တေဇောယုက္တံ ဘဝေတ် တရှိ ယတ် စိရသ္ထာယိ တဒ် ဗဟုတရတေဇောယုက္တမေဝ ဘဝိၐျတိ၊
Erga wanni yeroodhaaf jiraatu sun ulfinaan dhufee, ulfinni isa bara baraan jiraatuu immoo hammam caalaa guddaa haa taʼu ree!
12 ဤဒၖၑီံ ပြတျာၑာံ လဗ္ဓွာ ဝယံ မဟတီံ ပြဂလ္ဘတာံ ပြကာၑယာမး၊
Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna.
13 ဣသြာယေလီယလောကာ ယတ် တသျ လောပနီယသျ တေဇသး ၑေၐံ န ဝိလောကယေယုသ္တဒရ္ထံ မူသာ ယာဒၖဂ် အာဝရဏေန သွမုခမ် အာစ္ဆာဒယတ် ဝယံ တာဒၖက် န ကုရ္မ္မး၊
Nu warra akka Musee isa akka sabni Israaʼel dhuma waan badaa deemu sanaa hin argineef jedhee haguuggiidhaan fuula isaa haguuggatee miti.
14 တေၐာံ မနာံသိ ကဌိနီဘူတာနိ ယတသ္တေၐာံ ပဌနသမယေ သ ပုရာတနော နိယမသ္တေနာဝရဏေနာဒျာပိ ပြစ္ဆန္နသ္တိၐ္ဌတိ၊
Yaadni isaanii garuu hadoodeera; isaan hamma harʼaatti iyyuu yommuu kakuu moofaa dubbisanitti haguuggiin sun isaan irraa hin fuudhamne. Inni Kiristoos qofaan irraa fuudhamaatii.
15 တစ္စ န ဒူရီဘဝတိ ယတး ခြီၐ္ဋေနဲဝ တတ် လုပျတေ၊ မူသသး ၑာသ္တြသျ ပါဌသမယေ'ဒျာပိ တေၐာံ မနာံသိ တေနာဝရဏေန ပြစ္ဆာဒျန္တေ၊
Hamma harʼaatti illee yeroo isaan seera Musee dubbisanitti haguuggiin yaada garaa isaanii ni haguuga.
16 ကိန္တု ပြဘုံ ပြတိ မနသိ ပရာဝၖတ္တေ တဒ် အာဝရဏံ ဒူရီကာရိၐျတေ၊
Yeroo namni kam iyyuu gara Gooftaatti deebiʼutti garuu haguuggiin sun irraa fuudhama.
17 ယး ပြဘုး သ ဧဝ သ အာတ္မာ ယတြ စ ပြဘောရာတ္မာ တတြဲဝ မုက္တိး၊
Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
18 ဝယဉ္စ သရွွေ'နာစ္ဆာဒိတေနာသျေန ပြဘောသ္တေဇသး ပြတိဗိမ္ဗံ ဂၖဟ္လန္တ အာတ္မသွရူပေဏ ပြဘုနာ ရူပါန္တရီကၖတာ ဝရ္ဒ္ဓမာနတေဇောယုက္တာံ တာမေဝ ပြတိမူရ္တ္တိံ ပြာပ္နုမး၊
Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.