< Walumi 12 >
1 Eshi hwego embasunda, mwaholo, hwusanjilo zyakwe Ongolobhe, gafumii amabele genyu ebhe dhabihu yeli enyomi, ezelu humwoyo yeposhelelwa hwa Ngolobhe. Ene ibada yenyu eye lyoli.
Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.
2 Wala mgajehwazizye amambo gepa pansi epa, huje tigaluzanyiwe abhehwe bhapya esebho zyetu. Bhombaji eshi mposhele amanye olugano lwa Ngolobhe gagali miza, agahukhodele na humalishilo. (aiōn )
Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa. (aiōn )
3 Eshi eyanga, hwusababu yewene yepebhilwe, huje kila muntu wahweli pandwemo namwe sahwaziwa asebhe natele humwanya yakwe yuyo ashile sashihwaziwa asebhe. Huje, hahahwaziwa asebhaje hwunshinshi huje nashi Ongolobhe abhapiye kila omo hashe ahantu hee lweteho.
Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Waaqni isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa.
4 Hwa huje tine vintu vinji ashilile mbele gumo, lakini sevintu vyoti vine mbombo emo.
Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana
5 Shesho ate, tetilibhinji tilibele gumo ashilile uKilisiti, na evikhatazizyo kila omo hwawa mwabho.
akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.
6 Tiline kalama zyezili mjinjinyinji hwuwene yetipewilwe. Kebhabhe kalama eyamuntu okuwa, na ebhombeshe hwuwezo gwe lweteho lwakwe.
Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu.
7 Kebhabhe ekalama ya muntu huduma, na abhombaje. Nkebhahe owenje ane kalama eyafundizye, hwa huje afudizyaje.
Yoo tajaajiluu taʼe, haa tajaajilu; yoo barsiisuu taʼe, haa barsiisu;
8 Nkebhabhe kalama eyamuntu falaja, hwa huje, abhafaliji. Nkebhabhe kalama eyamuntu hufumwe, abhombaje esho humwoyo gwoti. Nkebhabhe kalama ya muntu hulongozye, nalibhobheshe huwinza. Nkebhabhe ekalama ya mntu hubhoneshe esajilo, na ebhombeshe huhuseshelelo.
yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru.
9 Aganane husibhe hwilenga. Vitwaji embibhi; mnkhatilile aminza.
Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa.
10 Ahusu aganane hwaholo, mgananaje mwemwe hwa mwemwe. Ahusu nshinshi, enshinshi ebhehulimwe hwa hulimwe mubhene.
Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.
11 Ahusu ubhomvi, mganjebhe bhayuzu. Ahusu ompepo, mbhanje muhusogwa. Ahusu Ogosi, hwitumaji.
Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa.
12 Shanji hwidandi lyamlinalyo ahusu ensiku zyezihwenza. Mubhe nagolele ashilile amayemba genyu. Mkhalaje apuute.
Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa.
13 Mubhavaje ashile amashida agalokole. Azaji idala elya bhoneshe oluganano.
Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa.
14 Bhalabhilaji aminza woti bhabha bhayevya amwe; mubhaputilaye aminza na mgaje bhaputile alogwe.
Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa.
15 Shanji pandwemo nabhabha shaa, lilaji pandwemo nabhabha lila.
Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa.
16 Mubhe nesebho zimo mwemwe hwa mwemwe mgajesebhe hwa hwilole, lakini bhetehaji abhantu abhehali eyapansi. Mubhanje nenshinshi humwanya yesebho zyenyu mbhene.
Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
17 Msihusovye omuntu wowoti ibhibhi hwi bhibhi. Bhombaji aminza humaso gabhantu bhoti.
Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa.
18 Nkashile ewezehana, nashi sashibhe shelwe hulimwi, mubhe neluseshele nabhantu bhoti.
Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa.
19 Bheluganano, ugajelipizye eshisasi umwene, lakini ileshi ehasila ya Ngolobhe. Huje eyandihwe, “'eshisasi sha Ngolobhe; Nene embasombe,' ayanga Ugosi.”
Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedha, jedhamee barreeffameeraatii.
20 “Lakini nkashile obhibhi waho ane zala, pele. Nkashile ayomele, mwelezye. Huje nkobhombo esho, ubhahumwoholele amakala age mwoto amwanya yitwe lyakwe.”
Garuu, “Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi; yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta.”
21 Ogaje mwemwe nuubhibhi, heli oumene au bhibhi hwuminza.
Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.