< Mathayo 5 >

1 U Yesu lwahayilola impuga, ahasoguye abhale hwigamba. Lwahakhiye pansi asambilizyi bhakwe bhalinza.
Yesuus yommuu namoota baayʼee argetti, tulluutti ol baʼee taaʼe. Barattoonni isaas gara isaa dhufan;
2 Ahigula ilomu lyakwe ahabhamanyizya, ahaga,
innis isaan barsiisuu jalqabe. Akkanas jedhe:
3 “Hwashi abhapina bhi mwoyo pipo ubhumwini uwahumwanya wabho.
“Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
4 Hwashi abhaswimilizu pipi bhahayisubhizwa.
Warri gaddan eebbifamoo dha; jajjabina ni argatuutii.
5 Hwashi abhapole, bhahayibha bhapyani bhi insi.
Warri garraamiin eebbifamoo dha; lafa ni dhaaluutii.
6 Hwashi abhinzala ni shumwilwa shilyoli pipo bhahayikuta.
Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha; isaan ni quufuutii.
7 Hwashi abhirehema pipo bhayibha ni rehema.
Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha; araara ni argatuutii.
8 Hwashi abhimwoyo umwinza pipo bhayinola Ungulubhi.
Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha; Waaqa ni arguutii.
9 Hwashi akundanyi, pipi bhabhabhe bhana bha Ngulubhi.
Warri nagaa buusan eebbifamoo dha; ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.
10 Hwashi bhebhayimba kwa ajili yi lyoli pipo ubhumwini uwahumwanya wabho.
Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
11 Hwashi amwi yemuligwa na bhantu ua yimbe na yangwe hwilenga ubhibhi kwa ajili yani.
“Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha.
12 Mushanje ua lulutile pipo amasombo ginyu magosi hwa Ngulubhi. Pipo abhantu abhahwande bhahabha yimvizye akuwa bhebhali kabla yinyu.
Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
13 Amwi libheya lyinsi ishi ibheya nkelitezizye uwinza wakwe selibhabhe libhe ya habhili? Selingabha lyinza habhili hu hantu hohonti, hulitaje hunzi ua akhanywe ni vinama vya bhantu.
“Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.
14 Amwi lukhozyo lwinsi. Ikhaya yizengwilwa pamwanya pi gamba sihuyifisa.
“Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu.
15 Abhantu sebhahwansya itala nahuyibhishe pansi yishikapu, ila bhabhiha pamwanya imuliha bhonti bhebhali muhati munyumba.
Yookaan namoonni ibsaa qabsiisanii gombisaa jala hin kaaʼan. Qooda kanaa baattuu isaa irra kaaʼu; ibsaan sunis namoota mana keessa jiran hundaaf ifa kenna.
16 Muleshe ulukhozyo lwinyu lukhozye hwilongolela hwa bhantu ihwanziwa huje abhantu bhagalole amatendo ginyu aminza na huutime u Ngulubhi uwahumwanya.
Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.
17 Msahaje ininzile ananganye indajizyo wa akuwa. Sininzile ananganye ininzile atomizye.
“Isin waan ani Seera yookaan Raajota diiguu dhufe hin seʼinaa; ani isaan raawwachuuf malee diiguuf hin dhufne.
18 Amba lyoli ihumbabhuzya huje mpaka imwanya ninsi zyonti zishile nimo iyodi yeka wala inukuta yeka iyi sheria seyahayiyepa kila hantu lwehayibha tiyari.
Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu.
19 Ishi wowonti yavunza iamuli indodo mojawapo yi amli izi na hubhamanyizye abhanji abhombe isho ahwitwa ndodo hubhumwini uwahumwanya. Lakini yeyote azishikaye na kuzifundisha ataitwa mkubwa katika ufalme wa mbinguni.
Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.
20 Pipo ihumbabhuzya ihaki yinyu nkeseyabhashila abhaandishi ya Mafalisayo, shoshonti shila semwahayiyinjila humwanya.
Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.
21 Mwinvwizye yahayangwilwe imandi aje, “usahagoje”'wowonti yagoga ahayilongwa.'
“Isin akka bara dheeraan dura namootaan, ‘Hin ajjeesin; nama ajjeese kamitti iyyuu ni muramaa’jedhame dhageessaniirtu.
22 Ishi ihumbabhuzya wowonti yahumvitwa uholo wakwe ahayilongwa. Na yeyote amwambiaye ndugu yake kuwa, 'Wewe ni mtu uisyefaa!' atakuwa katika hatari ya baraza. Na yeyote asemaye, 'Wewe mjinga!' atakuwa katika hatari ya moto wa jehanamu. (Geenna g1067)
Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata. (Geenna g1067)
23 Nkufumya isadaka yaho pashiputo ukumbuha huje uholo waho alininongwa nawe,
“Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte,
24 yileshe isadaka paushiputo ubhale ukundane nawo uholo waho nkuyinze ufumye isadaka yaho.
kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi.
25 Kundana nu unongwi waho lubhilo lulipeka nawo mwidala lwemubhala humahakama, mukundane ili usahakungwe mwigereza.
“Amajaajii kee isa mana murtiitti si geessaa jiru wajjin dafii walii gali. Kanas utuma isa wajjin karaa jirtuu godhi; yoo kanaa achii amajaajiin kee dabarsee abbaa seeraatti si kenna; abbaan seeraa immoo poolisiitti si kenna; atis mana hidhaatti darbatamta.
26 Mwitishe ihumbabhuzya semwahayibha ahinza mpaka musombe amalando gemlongwa.
Ani dhuguman sitti hima; ati hamma saantima ishee dhumaa baaftutti achii hin baatu.
27 Mwinvwizye aje iyandihwilwe, 'Usahazini.'
“Isin akka, ‘Hin ejjin’jedhame dhageessaniirtu.
28 Lelo ihubhabhuzya wowonti ya humwenya unshi hwahunsungwe uyo azinile nawo mumoyo wakwe.
Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.
29 Nki ilinso lyaho ilya hulilo lihusababisya abumile ulikunye ulitaji apatali nawe. Pipo hwashi ishilungo sheka mumbili waho shinanjishe kuliko ubili ngwonti gubhale hujehanamu. (Geenna g1067)
Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii. (Geenna g1067)
30 Na nkushe inyobhe yaho indilo isababisya aje ubumile, udumule yoonti uyitajle apatali nawe. Pipo hwashi ishilungo sheka shinanjishe kuliko ubili gwonti gubhale hujehanamu. (Geenna g1067)
Yoo harki kee mirgaa si gufachiise of irraa murii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti galuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya. (Geenna g1067)
31 Isimbilwe wowonti ya huminga unshi wakwe ampele italaka.'
“Namni niitii isaa hiiku kam iyyuu, ‘Waraqaa ragaa hiikkaa haa kennuuf’jedhameera.
32 Lelo ani ihumbabhuzya wowonti yahuneha unshi wakwe hunongwa yizanaa uyo amishile aje muzinzi. Na wowonti yahumwega unshi uyo wope uzinzi.
Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.
33 Tena, mwinvwizye aje yahayangwilwe hubhala abhimandi, 'Musaha lape ilenga lelo muntwalile Ungulubhi ilape hwinyu.'
“Ammas akka warra duriitiin, ‘Waan kakatte Gooftaadhaaf guuti malee sobaan hin kakatin’jedhame dhageessaniirtu.
34 Lelo ihumbabhuzya musahalape hata hadodo hata hwimwanya pipo imwanya enzi ya Ngulubhi;
Ani garuu isinittin hima; gonkumaa hin kakatinaa: samiidhaan hin kakatinaa; inni teessoo Waaqaatii;
35 Wala hunsi pipo mahali pakwe pabhishe itengo ilyakhanyile ivinama vyakwe, wala hwa Yerusalemu, maana khaya yamwini ugosi.
yookaan lafaan hin kakatinaa; isheen ejjeta miilla isaatii; yookaan Yerusaalemiin hin kakatinaa; isheen magaalaa Mooticha Guddaatii.
36 Usahalape hwitwe lyaho maana sungabhomba ulusisi lweka lubhe zeru au lwiru.
Mataa keetiinis hin kakatin; ati rifeensa tokko illee addeessuu yookaan gurraachesuu hin dandeessuutii.
37 Lelo inongwa zyinyu zibhanje, 'Ena, ena, Ndali, ndali.' Pipo nkegonjela ipo gafuma hwa nugu.
Wanni isin jechuu qabdan, ‘Eeyyee’ yookaan ‘Waawuu’ haa taʼu; wanni kanaa achii kam iyyuu isa hamaa sana irraa dhufa.
38 Mwinvwizye aje iyangwilwe aje, “Jicho kwa jicho, na jino kwa jino.'
“‘Qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii immoo ilkaan’akka jedhame dhageessaniirtu.
39 Lelo ani ihumbabhuzya mugandi atolane nu muntu umibhi; Lelo umuntu nkahukhoma imbuguzi iya hulilo umpele ni lya humongo.
Ani garuu isinittin hima. Nama hamaadhaan hin morkatinaa. Yoo namni tokko maddii kee mirgaa si kabale, kaanis itti qabi.
40 Nu muntu wowonti yasungwa abhale nawe humahakama na afyula inkanzu yaho neshele ni joho lyaho.
Yoo namni tokko si himatee kittaa kee sirraa fudhate, kootii kees kenniif.
41 Wowonti yahulazimisya ibhale umaili yeka bhala umaili zibhili.
Yoo namni tokko akka ati gara kiiloo meetira tokkoo fi walakkaa isa wajjin deemtu si dirqisiise, ati immoo gara kiiloo meetira sadii isa wajjin deemi.
42 Wowonti yahulabha umpele, yakhopa khopele.
Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin.
43 Mwinvwizye iyangwile ugane, 'Umpalamani waho, unvitwe unugu waho.'
“‘Ollaa kee jaalladhu; diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu.
44 Lelo imbabhuzya mubhagane alugu bhinyu mubhaputile bhebhalubhavisya,
Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;
45 Nkemubhe bhana bha daada uwahumwanya. Pipo alamya isaya likholo hwabhibhi na bhinza, imvula itonya hwa bhabhibhi na bhinza.
kanaanis abbaa keessan kan samii irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa.
46 Nkemwabhagana bhebhabhaganile amwi, mubhapate faida nshii? Mbona bhebhasongozya insoho sebhabhomba isho.
Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii?
47 Nke mwabhalamuha aholo bhinyu bhini mubhapa ahenu ashile abhanji? Ishi!, abhantu bhinsi sebhabhomba isho?
Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii?
48 Ishi ihwanziwa huje mubhe bhagolosu ndeshe Udada winyu uwahumwanya shali golosu.
Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.

< Mathayo 5 >