< Псалтирь 47 >
1 Начальнику хора. Сынов Кореевых. Псалом. Восплещите руками все народы, воскликните Богу гласом радости;
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa; sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa.
2 ибо Господь Всевышний страшен, - великий Царь над всею землею;
Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!
3 покорил нам народы и племена под ноги наши;
Inni saboota nu jala, namootas miilla keenya jala galcheera.
4 избрал нам наследие наше, красу Иакова, которого возлюбил.
Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef, dhaala keenya nuu fileera.
5 Восшел Бог при восклицаниях, Господь при звуке трубном.
Waaqni ililleedhaan, Waaqayyo sagalee malakataatiin ol baʼe.
6 Пойте Богу нашему, пойте; пойте Царю нашему, пойте,
Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa; faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa.
7 ибо Бог - Царь всей земли; пойте все разумно.
Waaqni Mootii lafa hundaa ti; faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.
8 Бог воцарился над народами, Бог воссел на святом престоле Своем;
Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.
9 князья народов собрались к народу Бога Авраамова, ибо щиты земли - Божии; Он превознесен над ними.
Qondaaltonni sabootaa, akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu; mootonni lafa irraa kan Waaqaatii; innis guddisee ol ol jedheera.