< Псалтирь 46 >
1 Начальнику хора. Сынов Кореевых. На музыкальном орудии Аламоф. Песнь. Бог нам прибежище и сила, скорый помощник в бедах,
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin. Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
2 посему не убоимся, хотя бы поколебалась земля, и горы двинулись в сердце морей.
Kanaafuu yoo lafti raafamtee tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
3 Пусть шумят, вздымаются воды их, трясутся горы от волнения их.
Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
4 Речные потоки веселят град Божий, святое жилище Всевышнего.
Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.
5 Бог посреди его; он не поколеблется: Бог поможет ему с раннего утра.
Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu; ganama barii Waaqni ishee gargaara.
6 Восшумели народы; двинулись царства: Всевышний дал глас Свой, и растаяла земля.
Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan; inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
7 Господь сил с нами, Бог Иакова заступник наш.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
8 Придите и видите дела Господа, какие произвел Он опустошения на земле:
Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa; badiisa inni lafa irratti fides argaa.
9 прекращая брани до края земли, сокрушил лук и переломил копье, колесницы сжег огнем.
Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa; iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa; gaachanas ibiddaan guba.
10 Остановитесь и познайте, что Я - Бог: буду превознесен в народах, превознесен на земле.
“Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa; ani saboota gidduutti ol ol nan jedha; lafa irrattis ol ol nan jedha.”
11 Господь сил с нами, заступник наш Бог Иакова.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.