< Числа 17 >

1 И сказал Господь Моисею, говоря:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 скажи сынам Израилевым и возьми у них по жезлу от колена, от всех начальников их по коленам, двенадцать жезлов, и каждого имя напиши на жезле его;
“Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi.
3 имя Аарона напиши на жезле Левиином, ибо один жезл от начальника колена их должны они дать;
Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Aroon ulee Lewwii irratti barreessi.
4 и положи их в скинии собрания, пред ковчегом откровения, где являюсь Я вам;
Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi.
5 и кого Я изберу, того жезл расцветет; и так Я успокою ропот сынов Израилевых, которым они ропщут на вас.
Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta.”
6 И сказал Моисей сынам Израилевым, и дали ему все начальники их, от каждого начальника по жезлу, по коленам их двенадцать жезлов, и жезл Ааронов был среди жезлов их.
Museen Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Aroonis uleewwan sana keessa ture.
7 И положил Моисей жезлы пред лицом Господа в скинии откровения.
Museenis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula Waaqayyoo dura kaaʼe.
8 На другой день вошел Моисей и Аарон в скинию откровения, и вот, жезл Ааронов, от дома Левиина, расцвел, пустил почки, дал цвет и принес миндали.
Guyyaa itti aanutti Museen dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Aroon kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge.
9 И вынес Моисей все жезлы от лица Господня ко всем сынам Израилевым. И увидели они это и взяли каждый свой жезл.
Museen ulee sana hunda fuula Waaqayyoo duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate.
10 И сказал Господь Моисею: положи опять жезл Ааронов пред ковчегом откровения на сохранение, в знамение для непокорных, чтобы прекратился ропот их на Меня, и они не умирали.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ulee Aroon fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa.”
11 Моисей сделал это; как повелел ему Господь, так он и сделал.
Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe.
12 И сказали сыны Израилевы Моисею: вот, мы умираем, погибаем, все погибаем!
Israaʼeloonni Museedhaan akkana jedhan; “Nu ni duuna! Nu badneerra; nu hundinuu badneerra!
13 всякий, приближающийся к скинии Господней, умирает: не придется ли всем нам умереть?
Namni dunkaana qulqulluu Waaqayyootti dhiʼaatu kam iyyuu ni duʼa. Nu amma duʼuuf jirraa?”

< Числа 17 >