< Иезекииль 42 >
1 И вывел меня ко внешнему двору северною дорогою, и привел меня к комнатам, которые против площади и против здания на севере,
Sana booddee namichi sun karaa kaabaatiin gara oobdii alaatti na baasee gara fuullee dareewwan oobdii mana qulqullummaa fi gara fuullee ijaarsa alaa kan karaa kaabaa jiruutti na fide.
2 к тому месту, которое у северных дверей имеет в длину сто локтей, а в ширину пятьдесят локтей.
Ijaarsi balballi isaa gara kaabaatti garagalu sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma dhibba tokko qaba ture.
3 Напротив двадцати локтей внутреннего двора и напротив помоста, который на внешнем дворе, были галерея против галереи в три яруса.
Kutaa oobdii isa gara keessaa kan dhundhuma digdamaa keessaa fi kutaa fuullee madabii oobdii kan gara alaa jiru keessa sadarkaa sadiin darbiin tokko darbii kaanitti garagalee ture.
4 А перед комнатами ход в десять локтей ширины, а внутрь в один локоть; двери их лицом к северу.
Dareewwan sana fuula duraanis karaan mana keessaan nama baasu kan dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma dhibba tokko dheeratutu ture. Balbalawwan isaaniis karaa kaabaatiin turan.
5 Верхние комнаты уже, потому что галереи отнимают у них несколько против нижних и средних комнат этого здания.
Sababii darbiiwwan sun iddoo dareewwan kanneen gara gadii irraa fi gamoo isa gidduu irraa qabatan caalaa dareewwan olii jalaa qabataniif dareewwan olii dhidhiphoo dha.
6 Они в три яруса, и таких столбов, какие на дворах, нет у них; потому они и сделаны уже против нижних и средних комнат, начиная от пола.
Dareewwan darbii sadaffaa irra jiran akka oobdiiwwanii utubaawwan hin qaban ture; kanaafuu darbiiwwan gara gadiitii fi walakkaa jiran caalaa lafa xinnaa qabu ture.
7 А наружная стена напротив этих комнат от внешнего двора, составляющая лицевую сторону комнат, имеет длины пятьдесят локтей.
Keenyan karaa alaa tokkos dareewwanii fi oobdii gara alaa fuullee jira ture; innis dareewwan sana fuula duraan dhundhuma shantamaa dheerata ture.
8 потому что и комнаты на внешнем дворе занимают длины только пятьдесят локтей, и вот перед храмом сто локтей.
Dheerinni dareewwan oobdii alaatti aananii tarreedhaan jiranii dhundhuma shantama, tarreen mana qulqullummaatti aanee jiru immoo dhundhuma dhibba tokko dheerata ture.
9 А снизу ход к этим комнатам с восточной стороны, когда подходят к ним со внешнего двора.
Yommuu oobdii alaatii ol seenanitti, balballi karaa baʼaatiin gara dareewwan gadiitti nama seensisu tokko ni argama ture.
10 В ширину стены двора к востоку перед площадью и перед зданием были комнаты.
Karaa kibbaatiinis dheerina dallaa oobdii gara alaa qabatee, oobdii mana qulqullummaa qabatee fuullee dallaa gara alaatiin dareewwan
11 И ход перед ними такой же, как и у тех комнат, которые обращены к северу, такая же длина, как и у тех, и такая же ширина, и все выходы их, и устройство их, и двери их такие же, как и у тех.
fuula isaanii duraan karaa namni irra darbu qabantu ture. Dareewwan kunneenis akkuma dareewwan karaa kaabaa sanaa turan; isaanis dheerinaa fi balʼina, karaa ittiin gad baʼanii fi guddina wal fakkaatu qabu turan. Balbalawwan karaa kaabaa
12 Такие же двери, как и у комнат, которые на юг, и для входа в них дверь у самой дороги, которая шла прямо вдоль стены на восток.
balbalawwan dareewwan karaa kibbaa wajjin wal fakkaatu turan. Karaa namni irra darbu kan dallaa gara baʼaatti ijaarameen wal cina deemuun fuullee jiru kan ittiin dareewwan seenan tokkotu jira ture.
13 И сказал он мне: “комнаты на север и комнаты на юг, которые перед площадью, суть комнаты священные, в которых священники, прибли-жающиеся к Господу, съедают священнейшие жертвы; там же они кладут священнейшие жертвы, и хлебное приношение, и жертву за грех, и жертву за преступление, ибо это место святое.
Ergasiis inni akkana naan jedhe; “Dareewwan kaabaatii fi kibbaa kanneen gara oobdii mana qulqullummaatti garagalanii jiran sun dareewwan lubootaa, iddoo itti luboonni warri fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatan aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe nyaatanii dha. Isaanis aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe jechuunis kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa achi kaaʼu; iddoon sun qulqulluudhaatii.
14 Когда войдут туда священники, то они не должны выходить из этого святого места на внешний двор, доколе не оставят там одежд своих, в которых служили, ибо они священны; они должны надеть на себя другие одежды и тогда выходить к народу”.
Luboonni iddoo qulqulluu sana takkaa seennaan hamma uffata ittiin tajaajilan sana of irraa baasanitti gara oobdii gara alaatti hin baʼan; wayyaan sun qulqulluudhaatii. Isaan utuu iddoo uummataaf ramadametti hin dhiʼaatin uffata biraa uffachuu qabu.”
15 Когда кончил он измерения внутреннего храма, то вывел меня воротами, обращенными лицом к востоку, и стал измерять его кругом.
Inni erga waan mana qulqullummaa keessa jiru safaree xumuree booddee karaa balbala baʼaatiin na baasee naannoo sana hunda safare.
16 Он измерил восточную сторону тростью измерения и намерил тростью измерения всего пятьсот тростей;
Kallattii baʼaas ulee ittiin safaraniin safare; wanni inni safares dhundhuma dhibba shan taʼe.
17 в северной стороне той же тростью измерения намерил всего пятьсот тростей;
Kallattii gara kaabaas safaree safarri sun ulee safaraatiin dhundhuma dhibba shan taʼe.
18 в южной стороне намерил тростью измерения также пятьсот тростей.
Kallattii kibbaatiinis safaree safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe.
19 Поворотив к западной стороне, намерил тростью измерения пятьсот тростей.
Ergasii inni gara kallattii dhiʼaatti garagalee safaree, safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe.
20 Со всех четырех сторон он измерил его; кругом него была стена длиною в пятьсот тростей и в пятьсот тростей шириною, чтобы отделить святое место от несвятого.
Kanaafuu inni iddoo kallattii afraniin jiru safare. Iddoon sun dallaa iddoo qulqulluu, iddoo xuraaʼaa irraa addaan baasu kan dheerinni isaa dhundhuma dhibba shan, balʼinni isaas dhundhuma dhibba shan qaba ture.