< 1-я Паралипоменон 12 >
1 И сии также пришли к Давиду в Секелаг, когда он еще укрывался от Саула, сына Кисова, и были из храбрых, помогавших в сражении.
Namoonni kunneen warra yeroo inni sababii Saaʼol ilma Qiish sanaatiif asii fi achi sochoʼuu dadhabetti Siiqlaagitti gara Daawit dhufanii dha. Isaanis loltoota jajjaboo kanneen lola irratti isa gargaaran keessaa tokkoo dha;
2 Вооруженные луком, правою и левою рукою бросавшие каменья и стрелявшие стрелами из лука, из братьев Саула, от Вениамина:
isaan warra iddaa qabatanii harka mirgaatiin yookaan harka bitaatiin xiyya darbachuu yookaan dhagaa furrisuu dandaʼanii dha; isaanis gosa Beniyaam keessaa warra Saaʼoliif firootaa dhiigaa taʼanii dha.
3 главный Ахиезер, за ним Иоас, сыновья Шемаи, из Гивы; Иезиел и Фелет, сыновья Азмавефа; Бераха и Иегу из Анафофа;
Ahiiʼezer hangafa isaanii ture; sana booddee immoo Yooʼaashitu ture; lamaan isaanii iyyuu ilmaan Shemaaʼaa namicha Gibeʼaa sanaa turan. Ilmaan Azmaawet Yiziiʼeelii fi Phelet, Beraakiyaa, Yehuu namicha Anaatoot,
4 Ишмаия Гаваонитянин, храбрый из тридцати и начальствовавший над тридцатью; Иеремия, Иахазиил, Иоханан и Иозавад из Гедеры.
Yishmaʼiyaa namichi Gibeʼoonii sun jara Soddomman keessaa nama jabaa fi hoogganaa Soddomman isaanii ture; Ermiyaas, Yahiziiʼeel, Yoohaanaan, Yoozaabaad namicha Gedeeraa,
5 Елузай, Иеримоф, Веалия, Шемария, Сафатия Харифиянин;
Elʼuuzay, Yeriimooti, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaaxiyaa namicha Haruufaa,
6 Елкана, Ишшияху, Азариил, Иоезер и Иошавам, Кореяне;
Elqaanaa, Yishiyaa, Azariʼeel, Yoozerii fi Yaashobiʼaam jarreen gosa Qooraahi,
7 и Иоела и Зевадия, сыновья Иерохама, из Гедора.
Yooʼelaa fi Zebaadiyaa ilmaan Yeroohaam namicha Gedoor.
8 И из Гадитян перешли к Давиду в укрепление, в пустыню, люди мужественные, воинственные, вооруженные щитом и копьем; лица львиные - лица их, и они быстры как серны на горах.
Yeroo Daawit gammoojjiitti daʼoo keessa turetti namoonni gosa Gaad tokko tokko dhufanii isaatti ni dabalaman. Isaanis loltoota ciccimoo gaachanaa fi eeboo qabachuu dandaʼan kanneen waraanaaf qophaaʼan turan. Fuulli isaanii fuula leencaa fakkaata ture; isaan akkuma kuruphee tulluu gubbaa saffistoota turan.
9 Главный Езер, второй Овадия, третий Елиав,
Eezer hoogganaa isaanii ture; Obaadiyaan lamaffaa, Eliiyaab sadaffaa,
10 четвертый Мишманна, пятый Иеремия,
Mishmanaan afuraffaa, Ermiyaas shanaffaa,
11 шестой Афай, седьмой Елиел,
Ataayi jaʼaffaa, Eliiʼeel torbaffaa,
12 восьмой Иоханан, девятый Елзавад,
Yoohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa,
13 десятый Иеремия, одиннадцатый Махбанай.
Ermiyaas kurnaffaa, Makibanaayi kudha tokkoffaa ture.
14 Они из сыновей Гадовых были главами в войске: меньший над сотнею, и больший над тысячею.
Jarreen gosa Gaad kunneen ajajjoota loltootaa turan; isaan keessaa inni xinnaan akka ajajaa nama dhibbaatti, inni guddaan immoo akka ajajaa nama kumaatti hedama ture.
15 Они-то перешли Иордан в первый месяц, когда он выступает из берегов своих, и разогнали всех живших в долинах к востоку и западу.
Warri jiʼa jalqabaatti yeroo lagni Yordaanos guutee ededa isaa hunda irra dhangalaʼutti ceʼanii akka namoonni sululicha keessa jiraachaa turan gara baʼa biiftuutii fi gara lixa biiftuutti baqatan godhan namootuma kanneen turan.
16 Пришли также и из сыновей Вениаминовых и Иудиных в укрепление к Давиду.
Namoonni Beniyaamiitii fi Yihuudaa tokko tokkos Daawit bira gara daʼannoo isaa ni dhufan.
17 Давид вышел навстречу им и сказал им: если с миром пришли вы ко мне, чтобы помогать мне, то да будет у меня с вами одно сердце; а если для того, чтобы коварно предать меня врагам моим, тогда как нет порока на руках моих, то да видит Бог отцов наших и рассудит.
Daawitis isaan simachuudhaaf gad baʼee akkana jedheen; “Isin yoo na gargaaruudhaaf jettanii nagaadhaan dhuftanii jiraattan, ani ofitti isin dabalachuudhaaf qophaaʼaa dha. Garuu yoo isin utuu harki koo yakka hin hojjetin diinota kootti dabarsitanii na kennuudhaaf dhuftanii jiraattan, Waaqni abbootii keenyaa ilaalee murtii haa kennu.”
18 И объял дух Амасая, главу тридцати, и сказал он: мир тебе, Давид, и с тобою, сын Иессеев; мир тебе, и мир помощникам твоим; ибо помогает тебе Бог твой. Тогда принял их Давид и поставил их во главе войска.
Ergasiis Hafuurri Qulqulluun Amaasaayi hoogganaa namoota Soddomman sanaa irra buʼe; innis akkana jedhe: “Yaa Daawit, nu kan kee ti! Yaa ilma Isseey, nu suma wajjin jirra! Milkaaʼi, milkaaʼi; warri si gargaaranis haa milkaaʼan; Waaqni kee si gargaaraatii.” Kanaafuu Daawit isaan simatee dura deemtota loltoota isaa isaan godhate.
19 И из колена Манассиина перешли некоторые к Давиду, когда он шел с Филистимлянами на войну против Саула, но не помогал им, потому что предводители Филистимские, посоветовавшись, отослали его, говоря: на нашу голову он перейдет к господину своему Саулу.
Yeroo Daawit Saaʼolin loluuf jedhee Filisxeemota wajjin duuletti namoonni Minaasee tokko tokko fottoqanii gara Daawititti ni goran. Inni garuu sababii bulchitoonni Filisxeem mariʼatanii of irraa isa ariʼaniif innii fi namoonni isaa Filisxeemota hin gargaarre. Isaanis, “Yoo inni nu dhiisee gara gooftaa isaa gara Saaʼol deebiʼe wanni kun nu ficcisiisa” jedhanii turaniitii.
20 Когда он возвращался в Секелаг, тогда перешли к нему из Манассиян: Аднах, Иозавад, Иедиаел, Михаил, Иозавад, Елигу и Цилльфай, тысяченачальники у Манассиян.
Yeroo Daawit gara Siiqlaag deemetti namoonni Minaasee warri fottoqanii gara isaa goran kanneenii dha: Adinaahi, Yoozaabaad, Yediiʼeel, Miikaaʼel, Yoozaabaad, Eliihuu fi Ziletaayi; isaan kunneen gosa Minaasee keessatti ajajjuuwwan kumaa turan.
21 И они помогали Давиду против полчищ, ибо все это были люди храбрые и были начальниками в войске.
Isaanis balaa buuftota dhaʼuu irratti Daawitin ni gargaaran; hundi isaanii loltoota jajjaboo fi ajajjoota loltoota isaa turaniitii.
22 Так с каждым днем приходили к Давиду на помощь до того, что его ополчение стало велико, как ополчение Божие.
Hamma inni loltoota guddaa akka loltoota Waaqaa qabaatutti, namoonni Daawitin gargaaruudhaaf guyyaa guyyaadhaan gara isaa dhufaa ture.
23 Вот число главных в войске, которые пришли к Давиду в Хеврон, чтобы передать ему царство Саулово, по слову Господню:
Baayʼinni namoota lolaaf hidhatanii akkuma Waaqayyo dubbatee turetti mootummaa Saaʼol gara Daawitiitti dabarsuudhaaf jedhanii Daawit bira gara Kebroonii dhufanii kanneenii dha:
24 сыновей Иудиных, носящих щит и копье, было шесть тысяч восемьсот готовых к войне;
Namoonni Yihuudaa kanneen gaachanaa fi eeboo qabatanii lolaaf qophaaʼan 6,800;
25 из сыновей Симеоновых, людей храбрых, в войске было семь тысяч и сто;
namoonni Simiʼoonii loltoonni waraanaaf qophaaʼan 7,100;
26 из сыновей Левииных четыре тысячи шестьсот;
namoonni Lewwii 4,600;
27 и Иоддай, князь от племени Аарона, и с ним три тысячи семьсот;
Yehooyaadaan hoogganaa maatii Aroon ture; namoonni 3,700 isa wajjin turan;
28 и Садок, мужественный юноша, и род его, двадцать два начальника;
Zaadoq dargaggeessa loltuu jagnaa sanaa fi maatii isaa keessaa ajajjoota waraanaa 22;
29 из сыновей Вениаминовых, братьев Сауловых, три тысячи, - но еще многие из них держались дома Саулова;
namoonni Beniyaam kanneen firoota Saaʼolii taʼan 3,000; isaan keessaas hedduun isaanii hamma yeroo sanaatti mana Saaʼoliitiif amanamoo turan;
30 из сыновей Ефремовых двадцать тысяч восемьсот людей мужественных, людей именитых в родах своих;
namoonni Efreem warri lolatti ciccimoo fi balbala isaanii keessatti bebeekamoo taʼan 20,800;
31 из полуколена Манассиина восемнадцать тысяч, которые вызваны были поименно, чтобы пойти воцарить Давида;
walakkaa gosa Minaasee keessaa namoonni Daawitin mootii gochuudhaaf maqaan isaanii galmaaʼee dhufan 18,000;
32 из сынов Иссахаровых пришли люди разумные, которые знали, что когда надлежало делать Израилю, - их было двести главных, и все братья их следовали слову их;
namoota Yisaakor keessaa warra haala yeroo hubatanii waan Israaʼeloonni gochuu qaban beekan hangafoota 200, firoota isaanii kanneen isaan jalatti bulan hunda wajjin;
33 из колена Завулонова готовых к сражению, вооруженных всякими военными оружиями, пятьдесят тысяч, в строю, единодушных;
namoota Zebuuloon keessaa loltoonni muuxannoo qaban warri meeshaa lolaa kamiin iyyuu loluuf qophaaʼan kanneen Daawitin gargaaruuf garaan isaanii tokko taʼe 50,000;
34 из колена Неффалимова тысяча вождей и с ними тридцать семь тысяч с щитами и копьями;
namoota Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000; namoota gaachanaa fi eeboo qabatan 37,000 wajjin;
35 из колена Данова готовых к войне двадцать восемь тысяч шестьсот;
namoota Daan kanneen lolaaf qophaaʼan 28,600;
36 от Асира воинов, готовых к сражению, сорок тысяч;
namoota Aasheer keessaa loltoonni muuxannoo qaban kanneen lolaaf qophaaʼan 40,000;
37 из-за Иордана, от колена Рувимова, Гадова и полуколена Манассиина, сто двадцать тысяч, со всяким воинским оружием.
gama baʼa Yordaanosiitii namoota Ruubeen, namoota Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota miʼa lolaa kan gosa hundaa hidhatan 120,000.
38 Все эти воины, в строю, от полного сердца пришли в Хеврон воцарить Давида над всем Израилем. Да и все прочие Израильтяне были единодушны, чтобы воцарить Давида.
Isaan kunneen hundinuu loltoota waraana keessa tajaajiluudhaaf of kennanii dha. Isaanis Israaʼel hunda irratti Daawitin mootii gochuuf kutatanii gara Kebroon ni dhufan. Israaʼeloonni hafan hundinuus Daawitin mootii gochuuf yaaduma tokko qabu turan.
39 И пробыли там у Давида три дня, ели и пили, потому что братья их все приготовили для них;
Namoonnis sababii maatiin isaanii waan hunda isaaniif qopheessaniif nyaachaa dhugaa guyyaa sadii Daawit wajjin achi turan.
40 да и близкие к ним, даже до колена Иссахарова, Завулонова и Неффалимова, привозили все съестное на ослах, и верблюдах, и мулах, и волах: муку, смоквы, и изюм, и вино, и елей, и крупного и мелкого скота множество, так как радость была для Израиля.
Akkasumas olloonni isaanii kanneen hamma Yisaakoriitti, Zebuuloonittii fi Niftaalemiitti jiran harrootatti, gaalawwanitti, gaangolii fi sangootatti nyaata feʼanii fidanii ni dhufan. Sababii Israaʼel keessa gammachuun guddaan tureefis daakuun, bixxilleen ija harbuutii fi bixxilleen ija wayinii, daadhiin wayinii, zayitiin, loonii fi hoolonni akka malee baayʼeen dhiʼeeffamanii turan.