< Romani 7 >
1 Sau nu știți voi, fraților, căci vorbesc cu oameni care cunosc Legea, că Legea stăpânește asupra omului cât trăiește el?
Yaa obboloota, ani warra seera beekanitti nan dubbadhaatii; seerri nama tokko irratti taayitaa kan qabaatu hamma namichi sun lubbuun jiru qofa akka taʼe isin hin beektanii ree?
2 Căci femeia care are un soț este legată prin lege de soț cât trăiește el, dar dacă soțul moare, ea este eliberată de legea soțului.
Dubartiin heerumte tokko hamma inni lubbuudhaan jirutti seeraan dhirsa isheetti hidhamteerti; yoo dhirsi ishee duʼe garuu seera fuudhaa fi heerumaa sana irraa hiikamteerti.
3 Deci, dacă, cât timp trăiește soțul, ea se unește cu un alt bărbat, ar fi numită adulteră. Dar dacă soțul moare, ea este eliberată de legea soțului, astfel că nu este adulteră, deși este unită cu un alt bărbat.
Kanaafuu utuu dhirsi ishee lubbuudhaan jiruu yoo nama biraatti heerumte isheen ejjituu jedhamti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu waan seera sana irraa hiikamteef yoo nama biraatti heerumte illee ejjitu miti.
4 Așadar, frații mei, și voi ați fost făcuți morți față de Lege prin trupul lui Hristos, ca să vă uniți cu altul, cu Cel înviat din morți, ca să producem roade pentru Dumnezeu.
Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Kiristoosiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Waaqaaf ija naqannuuf.
5 Căci, atunci când eram în carne, patimile păcătoase care erau prin lege lucrau în membrele noastre pentru a produce roade spre moarte.
Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture.
6 Dar acum am fost eliberați de Lege, după ce am murit față de cea în care eram ținuți, astfel încât slujim în noutatea duhului, și nu în vechimea literei.
Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.
7 Ce vom spune atunci? Este legea păcat? Să nu fie niciodată! Cu toate acestea, nu aș fi cunoscut păcatul decât prin lege. Căci nu aș fi cunoscut pofta dacă legea nu ar fi spus: “Să nu poftești”.
Egaa maal jenna ree? Seerri cubbuudhaa? Gonkumaa akkas miti! Garuu ani utuu seeraan taʼuu baatee cubbuun maal akka taʼe hin beeku ture. Utuu seerri “Hin hawwin” jechuu baatee ani silaa hawwiin maal akka taʼe dhugumaan hin beeku ture.
8 Dar păcatul, găsind prilej prin poruncă, a produs în mine tot felul de pofte. Căci, în afara legii, păcatul este mort.
Cubbuun garuu carraa ajajni argamsiiseen hawwii hamaa gosa hundaa na keessatti uume. Lafa seerri hin jirretti cubbuun duʼaadhaatii.
9 În afară de Lege, am fost odată viu, dar când a venit porunca, păcatul a reînviat și am murit.
Ani dur seera malee jiraachaan ture; yommuu ajajni dhufetti garuu cubbuun ni bayyanatte; anis nan duʼe.
10 Porunca, care era pentru viață, am aflat că este pentru moarte;
Ajajni jireenya fida jedhamee eegame sunis akka duʼa natti fide nan hubadhe.
11 căci păcatul, găsind prilej prin poruncă, m-a înșelat și prin ea m-a omorât.
Cubbuun carraa ajajni argamsiiseen na gowwoomse; ajajuma sanaanis na ajjeese.
12 De aceea, Legea este cu adevărat sfântă și porunca sfântă, dreaptă și bună.
Kanaafuu seerri qulqulluu dha; ajajni sunis qulqulluu dha; qajeelaa dha; gaarii dhas.
13 Deci ceea ce este bun a devenit pentru mine moarte? Să nu fie niciodată! Dar păcatul, ca să se arate că este păcat, producea moarte în mine prin ceea ce este bun, pentru ca prin poruncă păcatul să devină peste măsură de păcătos.
Egaa waan gaarii sanatu duʼa natti taʼee ree? Gonkumaa akkas miti! Cubbuunis akka cubbuutti akka ilaalamuuf, akka karaa ajajaatiin ittuma caalee cubbuu taʼuufis cubbuun karaa waan gaarii sanaatiin duʼa natti fide.
14 Căci știm că Legea este spirituală, dar eu sunt trupesc, vândut sub păcat.
Nus akka seerri sun seera hafuuraa taʼe ni beekna; ani garuu nama foonii kan akkuma garbaatti cubbuutti gurguramee dha.
15 Căci nu înțeleg ce fac. Căci nu practic ceea ce doresc să fac, ci ceea ce urăsc, aceea fac.
Ani waanan hojjedhu hin beeku. Ani waanan jibbun hojjedha malee waanan hojjechuu barbaadu hin hojjedhuutii.
16 Dar dacă ceea ce nu doresc, aceea fac, consimt Legii că este bună.
Ani erga waanan hojjechuu hin barbaanne hojjedhee, akka seerri sun gaarii taʼe walii nan gala.
17 Deci acum nu mai sunt eu cel care o face, ci păcatul care locuiește în mine.
Yoos, siʼachi cubbuu na keessa jiraatutu waan kana hojjeta malee ana miti.
18 Căci știu că în mine, adică în carnea mea, nu locuiește nimic bun. Căci dorința este prezentă la mine, dar nu o găsesc făcând ceea ce este bun.
Na keessa jechuunis namummaa koo cubbamaa keessa akka wanni gaariin tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Ani waan gaarii hojjechuu nan hawwa; garuu hojjechuu hin dandaʼu.
19 Căci binele pe care-l doresc, nu-l fac; dar răul pe care nu-l doresc, pe acela îl practic.
Wanti ani hojjedhu waan hamaa ani hojjechuu hin barbaanne malee waan gaarii ani hojjechuu barbaadu mitiitii.
20 Dar dacă ceea ce nu doresc, fac, nu mai sunt eu cel care face, ci păcatul care locuiește în mine.
Egaa ani waanan hojjechuu hin barbaanne yoon hojjedhe, siʼachi cubbuu na keessa jiraatu sanatu waan kana hojjeta malee ana miti.
21 Găsesc deci legea că, în timp ce eu doresc să fac binele, răul este prezent.
Kanaafuu akka seerri sun hojjechaa jiru nan hubadha; yommuu ani waan gaarii hojjechuu barbaadu hamminni na biratti argama.
22 Căci eu mă bucur de legea lui Dumnezeu după cele lăuntrice,
Ani keessa namummaa kootti seera Waaqaattin nan gammadaatii;
23 dar văd în mădularele mele o lege diferită, care se luptă împotriva legii minții mele și mă aduce în captivitate sub legea păcatului care este în mădularele mele.
ani garuu utuu seerri biraa seera qalbii koo wajjin kutaa dhagna koo keessatti wal lolee seera cubbuu kan kutaa dhagna koo keessa jiruuf na boojiʼuu nan arga.
24 Ce om nenorocit sunt eu! Cine mă va izbăvi din trupul acestei morți?
Ani nama gadadamaa akkamii ti! Dhagna duʼu kana jalaa eenyutu na baasa?
25 Mulțumesc lui Dumnezeu prin Isus Hristos, Domnul nostru! Așadar, cu mintea, eu însumi slujesc legii lui Dumnezeu, dar cu carnea, legii păcatului.
Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin galanni Waaqaaf haa taʼu! Kanaafuu ani mataan koo qalbii kootiin garbicha seera Waaqaa ti; namummaa koo cubbamaadhaan garuu ani garbicha seera cubbuu ti.