< Provérbios 20 >

1 O vinho é escarnecedor, a bebida forte alvoraçadora; e todo aquele que neles errar nunca será sábio.
Daadhiin wayinii nama qoostuu, dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha; namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.
2 Como o bramido do leão é o terror do rei, o que o provoca a ira peca contra a sua própria alma.
Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti; namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.
3 Honra é do homem desviar-se do pleito, mas todo o tolo se entremete nele.
Lola irraa fagaachuun ulfina; gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.
4 O preguiçoso não lavrará por causa do inverno, pelo que mendigará na sega, porém nada receberá.
Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee homaa hin argatu.
5 Como as águas profundas é o conselho no coração do homem; mas o homem de inteligência o tirará para fora.
Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti; hubataan namaa garuu ni waraabbata.
6 Cada um da multidão dos homens apregoa a sua beneficência; porém o homem fiel, quem é o que o achará?
Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata; nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?
7 O justo anda na sua sinceridade; bem-aventurados serão os seus filhos depois dele.
Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
8 Assentando-se o rei no trono do juízo, com os seus olhos dissipa todo o mal.
Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti, waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.
9 Quem pudera dizer: Purifiquei o meu coração, limpo estou de meu pecado!
Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera; ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa?
10 Duas sortes de peso, e duas sortes de medida, são abominação ao Senhor, tanto uma como outra.
Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa lamaanuu Waaqayyo ni balfa.
11 Até a criança se dará a conhecer pelas suas ações, se a sua obra será pura e reta
Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.
12 O ouvido que ouve, e o olho que vê, o Senhor os fez a ambos.
Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lachanuu Waaqayyotu uume.
13 Não ames o sono, para que não empobreças; abre os teus olhos, e te fartarás de pão
Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.
14 Nada vale, nada vale, dirá o comprador, mas, indo-se, então se gabará.
Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti; wanni kun gaarii miti!” jedha; ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona.
15 Há ouro e abundância de rubins, mas os lábios do conhecimento são jóia preciosa.
Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira; arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti.
16 Quando alguém fica por fiador do estranho, toma-lhe a sua roupa, e o penhora pela estranha.
Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
17 Suave é ao homem o pão de mentira, mas depois a sua boca se encherá de pedrinhas de areia.
Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta.
18 Cada pensamento com conselho se confirma, e com conselhos prudentes faze a guerra.
Gorsaan karoora baafadhu; qajeelfama ogummaatiin waraana bani.
19 O que anda murmurando descobre o segredo; pelo que com o que afaga com seus beiços não te entremetas.
Hamattuun icciitii baafti; kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.
20 O que a seu pai ou a sua mãe amaldiçoar, apagar-se-lhe-á a sua lâmpada em trevas negras.
Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare, ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
21 Adquirindo-se apressadamente a herança no princípio, o seu fim não será bendito.
Dhaalli jalqabumatti dafee argame dhumni isaa eebba hin qabaatu.
22 Não digas: vingar-me-ei do mal: espera pelo Senhor, e ele te livrará.
Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin; Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.
23 Duas sortes de peso são abomináveis ao Senhor, e balanças enganosas não são boas.
Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu.
24 Os passos do homem são dirigidos pelo Senhor: o homem, pois, como entenderá o seu caminho?
Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama. Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?
25 Laço é para o homem engulir o que é santo; e, feitos os votos, então inquirir.
Namni utuu itti hin yaadin, “Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
26 O rei sábio dissipa os ímpios e torna sobre eles a roda.
Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa; geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa.
27 A alma do homem é a lâmpada do Senhor, que esquadrinha todo o mais intimo do ventre.
Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa; inni keessa namaa illee isumaan qora.
28 Benignidade e verdade guardam ao rei, e com benignidade sustem ele o seu trono.
Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu; teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama.
29 O ornato dos mancebos é a sua força: e a beleza dos velhos as cãs.
Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti; arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.
30 Os vergões das feridas são a purificação dos maus, como também as pancadas que penetram até o mais intimo do ventre.
Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa; garaffiin immoo keessa namaa geeddara.

< Provérbios 20 >