< Êxodo 29 >

1 Isto é o que lhes has de fazer, para os sanctificar, para que me administrem o sacerdocio: Toma um novilho, e dois carneiros sem macula,
“Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif wanni ati isaan qulqulleessuuf gootu kanaa dha; dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa kanneen mudaa hin qabne lama fuudhi.
2 E pão asmo, e bolos asmos, amassados com azeite, e coscorões asmos, untados com azeite: com flor de farinha de trigo os farás,
Daakuu qamadii filatamaa irraa Maxinoo, Maxinoo zayitiidhaan sukkuumamee fi bixxillee zayitiin irra dibame tolchi.
3 E os porás n'um cesto, e os trarás no cesto, com o novilho e os dois carneiros.
Isaan kanas gundoo keessa kaaʼiitii dibichaa fi korbeeyyii hoolaa wajjin dhiʼeessi.
4 Então farás chegar a Aarão e a seus filhos á porta da tenda da congregação, e os lavarás com agua;
Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.
5 Depois tomarás os vestidos, e vestirás a Aarão da tunica e do manto do ephod, e do ephod mesmo, e do peitoral: e o cingirás com o cinto de obra de artifice do ephod.
Uffatas fuudhiitii qomee, wandaboo dirataa, dirataa fi kiisii qomaa Aroonitti uffisi. Dirata sanas sabbata ogummaadhaan dhaʼameen hidhi.
6 E a mitra porás sobre a sua cabeça: a corôa da sanctidade porás sobre a mitra;
Mataa isaatti marata mari; marata sanatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi.
7 E tomarás o azeite da uncção, e o derramarás sobre a sua cabeça: assim o ungirás.
Zayitii ittiin dibdu fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasuudhaan isa dibi.
8 Depois farás chegar seus filhos, e lhes farás vestir tunicas,
Ilmaan isaa fidii qomee isaanitti uffisi;
9 E os cingirás com o cinto, a Aarão e a seus filhos, e lhes atarás as tiaras, para que tenham o sacerdocio por estatuto perpetuo, e sagrarás a Aarão e a seus filhos;
mataa isaaniitti marata mari. Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi. Lubummaanis seera bara baraatiin kan isaanii ti. “Atis akkasiin Aroonii fi ilmaan isaa muudi.
10 E farás chegar o novilho diante da tenda da congregação, e Aarão e seus filhos porão as suas mãos sobre a cabeça do novilho;
“Dibicha sana gara fuula dunkaana wal gaʼiitti fidi; Aroonii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
11 E degolarás o novilho perante o Senhor, á porta da tenda da congregação.
Atis fuula Waaqayyoo duratti, balbala dunkaana wal gaʼii irratti isa qali.
12 Depois tomarás do sangue do novilho, e o porás com o teu dedo sobre os cornos do altar, e todo o de mais sangue derramarás á base do altar.
Dhiiga dibicha sanaa irraa xinnoo fuudhiitii quba keetiin gaanfa iddoo aarsaa dibi; kan hafe immoo miilla iddoo aarsaa irratti dhangalaasi.
13 Tambem tomarás toda a gordura que cobre as entranhas, e o redenho de sobre o figado, e ambos os rins, e a gordura que houver n'elles, e queimal-os-has sobre o altar;
Moora miʼa garaatti haguugame hunda, haguuggii tiruutii fi moora kalee lamaanitti haguugame fuudhiitii iddoo aarsaa irratti gubi.
14 Mas a carne do novilho, e a sua pelle, e o seu esterco queimarás com fogo fóra do arraial: sacrificio por peccado é
Foon dibicha sanaa, gogaa isaatii fi cumaa isaa garuu qubata keessaa gad baasii gubi. Inni aarsaa cubbuu ti.
15 Depois tomarás um carneiro, e Aarão e seus filhos porão as suas mãos sobre a cabeça do carneiro,
“Korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fidi; Aroonii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
16 E degolarás o carneiro, e tomarás o seu sangue, e o espalharás sobre o altar ao redor;
Korbeessa hoolaa sana qalii dhiiga isaa fuudhiitii gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
17 E partirás o carneiro por suas partes, e lavarás as suas entranhas e as suas pernas, e as porás sobre as suas partes e sobre a sua cabeça,
Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutii miʼa garaatii fi luka isaa miiciitii mataa fi kutaawwan kaan wajjin kaaʼi.
18 Assim queimarás todo o carneiro sobre o altar: é um holocausto para o Senhor, cheiro suave; uma offerta queimada ao Senhor.
Korbeessa hoolaa sana guutumaan guutuutti iddoo aarsaa irratti gubi. Kunis qalma Waaqayyoof gubamu, aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
19 Depois tomarás o outro carneiro, e Aarão e seus filhos porão as suas mãos sobre a cabeça do carneiro;
“Korbeessa hoolaa kaan illee fidi; Aroonii fi ilmaan isaa harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
20 E degolarás o carneiro, e tomarás do seu sangue, e o porás sobre a ponta da orelha direita de Aarão, e sobre a ponta das orelhas direitas de seus filhos, como tambem sobre o dedo pollegar das suas mãos direitas, e sobre o dedo pollegar dos seus pés direitos: e o resto do sangue espalharás sobre o altar ao redor:
Korbeessa hoolaa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra Aroon mirgaatii fi fiixee gurra ilmaan isaa mirgaa dibi; quba abbuudduu harka mirgaa isaaniitii fi quba abbuudduu miilla mirgaa isaanii illee dibi. Dhiiga hafe immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
21 Então tomarás do sangue, que estará sobre o altar, e do azeite da uncção, e o espargirás sobre Aarão e sobre os seus vestidos, e sobre seus filhos, e sobre os vestidos de seus filhos com elle; para que elle seja sanctificado, e os seus vestidos, tambem seus filhos, e os vestidos de seus filhos com elle.
Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, zayitii ittiin diban irraas fuudhiitii Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaatii fi uffata isaaniitti facaasi. Akkasiin innii fi ilmaan isaa, uffanni isaaniis ni qulqullaaʼu.
22 Depois tomarás do carneiro a gordura, e a cauda, e a gordura que cobre as entranhas, e o redenho do figado, e ambos os rins com a gordura que houver n'elles, e o hombro direito, porque é carneiro das consagrações;
“Korbeessa hoolaa kana irraas cooma, duboo, moora miʼa garaa haguugu, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanitti jiru, akkasumas tafa mirgaa fuudhii. Korbeessi hoolaa kunis hoolaa ittiin lubummaa kennanii dha.
23 E uma fogaça de pão, e um bolo de pão azeitado, e um coscorão do cesto dos pães asmos que estiverem diante do Senhor,
Gundoo Maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura jiru sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhi.
24 E tudo porás nas mãos de Aarão, e nas mãos de seus filhos: e com movimento o moverás perante o Senhor.
Wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼiitii aarsaa sochoofamu godhii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi.
25 Depois o tomarás das suas mãos, e o queimarás no altar sobre o holocausto por cheiro suave perante o Senhor; offerta queimada ao Senhor é.
Ergasii immoo harka isaaniitii fuudhii akka urgaa Waaqayyotti tolu taʼuuf aarsaa gubamu wajjin iddoo aarsaa irratti gubi; kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
26 E tomarás o peito do carneiro das consagrações, que é de Aarão, e com movimento o moverás perante o Senhor: e isto será a tua porção
Erga handaraafa hoolaa Aroon ittiin luba taʼe sana fuutee booddee aarsaa sochoofamu godhiitii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi; kunis qooda kee ti.
27 E sanctificarás o peito do movimento e o hombro da offerta alçada, que foi movido e alçado do carneiro das consagrações, que fôr d'Aarão e de seus filhos
“Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Aroonii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan luba taʼan aarsaa taʼee dhiʼaate sana qulqulleessi.
28 E será para Aarão e para seus filhos por estatuto perpetuo dos filhos d'Israel, porque é offerta alçada: e a offerta alçada será dos filhos d'Israel dos seus sacrificios pacificos; a sua offerta alçada será para o Senhor.
Kunis qooda bara baraa kan sabni Israaʼel yeroo hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif kennuu dha. Innis gumaacha sabni Israaʼel aarsaa nagaa irraa Waaqayyoof kennuu dha.
29 E os vestidos sanctos, que são d'Aarão, serão de seus filhos depois d'elle, para serem ungidos n'elles e para sagral-os n'elles.
“Akka isaan ittiin dibamanii luba taʼaniif uffanni Aroon qulqulluun kan ilmaan isaa haa taʼu.
30 Sete dias os vestirá aquelle que de seus filhos fôr sacerdote em seu logar, quando entrar na tenda da congregação para ministrar no sanctuario.
Ilmi iddoo isaa buʼee luba taʼuudhaan Iddoo Qulqulluu keessa tajaajiluuf gara dunkaana wal gaʼii dhufu bultii torba uffata kana haa uffatu.
31 E tomarás o carneiro das consagrações, e cozerás a sua carne no logar sancto;
“Korbeessa hoolaa isa ittiin luba taʼan sana fuudhiitii foon isaa Iddoo Qulqulluutti affeeli.
32 E Aarão e seus filhos comerão a carne d'este carneiro, e o pão que está no cesto á porta da tenda da congregação,
Aroonii fi ilmaan isaa foon hoolaa sanaatii fi buddeena gundoo irraa sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa nyaatan.
33 E comerão as coisas com que fôr feita expiação, para consagral-os, e para sanctifical-os: mas um estranho as não comerá, porque sanctas são.
Isaanis aarsaa isaan ittiin luba taʼanii fi qulqulleeffamuu isaaniitiif ittiin araarri buʼe haa nyaatan. Sababii aarsaan sun qulqulluu taʼeef garuu namni kaan hin nyaatin.
34 E se sobejar alguma coisa da carne das consagrações ou do pão até á manhã, o que sobejar queimarás com fogo: não se comerá, porque sancto é
Yoo foon korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan kam iyyuu yookaan buddeenni kam iyyuu hafee bule ibiddaan gubi; sababii qulqulluu taʼeef nyaatamuu hin qabu.
35 Assim pois farás a Aarão e a seus filhos, conforme a tudo o que eu te tenho ordenado: por sete dias os sagrarás.
“Waan ani si ajaje hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif godhi. Bultii torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu.
36 Tambem cada dia prepararás um novilho por sacrificio pelo peccado para as expiações, e expiarás o altar, fazendo expiação sobre elle; e o ungirás para sanctifical-o.
Akka araarri buʼuufis guyyuma guyyaan dibicha qalii aarsaa cubbuu dhiʼeessi. Iddoo aarsaa sanaaf aarsaa araaraa dhiʼeessuudhaan qulqulleessi; addaan baasuudhaafis isa dibi.
37 Sete dias farás expiação pelo altar, e o sanctificarás: e o altar será sanctissimo; tudo o que tocar o altar será sancto.
Iddoo aarsaa sanaafis bultii torba araara buusiitii isa qulqulleessi. Yoos iddoon aarsaa sun waan hunda caalaa qulqulluu taʼa; wanni isa tuqu hundinuus ni qulqulleeffama.
38 Isto pois é o que offerecereis sobre o altar: dois cordeiros d'um anno cada dia continuamente.
“Wanni ati yeroo hunda iddoo aarsaa irratti guyyaa guyyaan dhiʼeessitu kanaa dha: Xobbaallaawwan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe lama;
39 Um cordeiro offerecerás pela manhã, e o outro cordeiro offerecerás de tarde.
tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi.
40 Com um cordeiro a decima parte de flôr de farinha, misturada com a quarta parte d'um hin d'azeite moido, e para libação a quarta parte d'um hin de vinho,
Xobbaallaa jalqabaa sana wajjinis daakuu baʼeessa isaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi; akkasumas daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuu godhii dhiʼeessi.
41 E o outro cordeiro offerecerás á tarde, e com elle farás como com a offerta da manhã, e conforme á sua libação, por cheiro suave; offerta queimada é ao Senhor.
Xobbaallaa hoolaa kaan immoo kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin akkuma isa ganamaa sanaatti galgala dhiʼeessi; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
42 Este será o holocausto continuo por vossas gerações, á porta da tenda da congregação, perante o Senhor, onde vos encontrarei, para fallar comtigo ali.
“Qalmi gubamu kun dhaloota dhufu keessattis yeroo hunda balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeeffamu. Anis gara keessan dhufee achitti isinitti nan dubbadha;
43 E ali virei aos filhos d'Israel, para que por minha gloria sejam sanctificados,
saba Israaʼel wajjinis achumatti wal argina; iddoon sunis ulfina kootiin ni qulqulleeffama.
44 E sanctificarei a tenda da congregação e o altar; tambem sanctificarei a Aarão e seus filhos, para que me administrem o sacerdocio.
“Ani dunkaana wal gaʼii fi iddoo aarsaa sana nan qulqulleessa; Aroonii fi ilmaan isaas akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif nan qulqulleessa.
45 E habitarei no meio dos filhos d'Israel, e lhes serei por Deus,
Anis saba Israaʼel keessa nan jiraadha; Waaqa isaaniis nan taʼa.
46 E saberão que eu sou o Senhor seu Deus, que os tenho tirado da terra do Egypto, para habitar no meio d'elles: Eu sou o Senhor seu Deus.
Isaanis akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii kan gidduu isaanii jiraachuuf jedhee biyya Gibxiitii keessaa isaan baase taʼe ni beeku; ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti.

< Êxodo 29 >