< 1 Samuel 10 >

1 Então tomou Samuel um vaso de azeite, e lh'o derramou sobre a cabeça, e o beijou, e disse: Porventura te não tem ungido o Senhor por capitão sobre a sua herdade?
Ergasii Saamuʼeel zayitii bilillee tokko fuudhee mataa Saaʼol irratti dhangalaasee isa dhungatee akkana jedhe; “Akka ati dhaala isaa irratti mootuuf Waaqayyo si hin dibnee?
2 Partindo-te hoje de mim, acharás dois homens junto ao sepulchro de Rachel, no termo de Benjamin, em Zelsah, os quaes te dirão: Acharam-se as jumentas que foste buscar, e eis que já o teu pae deixou o negocio das jumentas, e anda afflicto por causa de vós, dizendo: Que farei eu por meu filho?
Harʼa ati yeroo na biraa deemtutti biyya Beniyaam keessatti awwaala Raahel biratti iddoo Zelzaa jedhamutti namoota lama ni argita. Isaanis, ‘Harroonni ati barbaadaa turte sun argamaniiru. Amma abbaan kee waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee kee, “Waaʼee ilma koo ani maal godhu laata?” jedhee yaaddaʼaa jira’ siin jedhu.
3 E quando d'ali passares mais adiante, e chegares ao carvalho de Tabor, ali te encontrarão tres homens, que vão subindo a Deus a Beth-el: um levando tres cabritos, o outro tres bolos de pão, e o outro um odre de vinho.
“Ergasiis achii kaatee hamma qilxuu Taaboor guddichaatti ni deemta. Achittis namoonni sadii kanneen gara Waaqaa, gara Beetʼeelitti ol baʼaa jiran, inni tokko ilmoolee reʼee sadii, tokko immoo daabboo sadii, inni kaanis daadhii wayinii qalqalloo tokko baatanii sitti dhufu.
4 E te perguntarão como estás, e te darão dois pães, que tomarás da sua mão.
Isaanis nagaa si gaafatanii daabboo lama siif kennu; atis isaan harkaa ni fudhatta.
5 Então virás ao outeiro de Deus, onde está a guarnição dos philisteos; e ha de ser que, entrando ali na cidade, encontrarás um rancho de prophetas que descem do alto, e trazem diante de si psalterios, e tambores, e flautas, e harpas; e prophetizarão.
“Sana booddees iddoo hoomaan waraana Filisxeem jiru gara Gibeʼaa gara tulluu Waaqaa ni dhaqxa. Atis akkuma magaalaatti dhiʼaatteen gareen raajotaa tokko masiinqoo, dibbee, ulullee fi baganaa qabatee gaara gubbaadhaa gad sitti dhufa; isaanis raajii ni dubbatu.
6 E o espirito do Senhor se apoderará de ti, e prophetizarás com elles, e te mudarás em outro homem.
Hafuurri Waaqayyoo humnaan sirra ni buʼa; atis isaan wajjin raajii dubbatta; geeddaramtees nama biraa taata.
7 E ha de ser que, quando estes signaes te vierem, faze o que achar a tua mão, porque Deus é comtigo.
Yeroo mallattoowwan kunneen fiixaan baʼanitti waan harka keetti dhufe hunda hojjedhu; Waaqni si wajjin jiraatii.
8 Tu porém descerás diante de mim a Gilgal, e eis que eu descerei a ti, para sacrificar holocaustos, e para offerecer offertas pacificas: ali sete dias esperarás, até que eu venha a ti, e te declare o que has de fazer.
“Ati na dura gara Gilgaalitti gad buʼi. Anis aarsaa gubamuu fi qalma nagaa dhiʼeessuuf gara kee nan dhufa; ati garuu hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba turuu qabda.”
9 Succedeu pois que, virando elle as costas para partir de Samuel, Deus lhe mudou o coração em outro: e todos aquelles signaes aconteceram aquelle mesmo dia.
Yeroo Saaʼol Saamuʼeelin dhiisee deemuuf fuula isaa garagalfatetti, Waaqni Saaʼoliif qalbii haaraa kenne. Mallattoowwan kunneen hundinuus gaafas raawwataman.
10 E, chegando elles ao outeiro, eis que um rancho de prophetas lhes saiu ao encontro: e o espirito do Senhor se apoderou d'elle, e prophetizou no meio d'elles.
Yeroo isaan Gibeʼaa gaʼanittis gareen raajotaa tokko isatti dhufe; Hafuurri Waaqaas isa irra buʼe; innis isaan wajjin raajii dubbate.
11 E aconteceu que, como todos os que d'antes o conheciam viram que eis que com os prophetas prophetizava, então disse o povo, cada qual ao seu companheiro: Que é o que succedeu ao filho de Kis? Está tambem Saul entre os prophetas?
Warri duraan isa beekan hundi yeroo raajota wajjin raajii dubbachuu isaa arganitti, “Ilma Qiishiitti maaltu dhufe? Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhanii wal gagaafatan.
12 Então um homem d'ali respondeu, e disse: Pois quem é o pae d'elles? Pelo que se tornou em proverbio: Está tambem Saul entre os prophetas?
Namichi achi jiraatu tokkos, “Abbaan isaanii eenyu?” jedhee gaafate. Kanaafuu jechi, “Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhu sun mammaaksa taʼe.
13 E, acabando de prophetizar, veiu ao alto.
Saaʼolis erga raajii dubbachuu raawwatee booddee gaara sagadaatti ol baʼe.
14 E disse-lhe o tio de Saul, a elle e ao seu moço: Aonde fostes? E disse elle: A buscar as jumentas, e, vendo que não appareciam, viemos a Samuel.
Obboleessi abbaa Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Isin eessa dhaqxan?” jedhee gaafate. Saaʼolis, “Harroota barbaacha deemne; garuu yommuu deebinetti Saamuʼeel bira dhaqne” jedhee deebise.
15 Então disse o tio de Saul: Declara-me, peço-te, que é o que vos disse Samuel?
Obboleessi abbaa Saaʼol immoo, “Waan Saamuʼeel siin jedhe natti himi” jedhe.
16 E disse Saul a seu tio: Declarou-nos, na verdade, que as jumentas se acharam. Porém o negocio do reino, de que Samuel fallara, lhe não declarou.
Saaʼolis deebisee, “Inni akka harroonni argaman nutti himeera” jedhe; garuu waan akka inni mootii taʼu Saamuʼeel itti hime sana obboleessa abbaa isaatti hin himne.
17 Convocou pois Samuel o povo ao Senhor em Mispah.
Saamuʼeelis namoota Israaʼel gara Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti walitti waamee
18 E disse aos filhos de Israel: Assim disse o Senhor Deus de Israel: Eu fiz subir a Israel do Egypto, e livrei-vos da mão dos egypcios e da mão de todos os reinos que vos opprimiam.
akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼelin biyya Gibxiitii baaseera; harka warra Gibxii fi harka mootummoota isaan cunqursaa turan hundaa jalaas isin fureera.’
19 Mas vós tendes rejeitado hoje a vosso Deus, que vos livrou de todos os vossos males e trabalhos, e lhe tendes dito: Põe um rei sobre nós: agora, pois, ponde-vos perante o Senhor, pelas vossas tribus e pelos vossos milhares.
Isin garuu amma Waaqa keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hunda jalaa isin baase sana dhiiftaniirtu. Isin, ‘waawuu; mootii nu bulchu nuu muudi’ jettaniirtu. Kanaafuu gosa gosaa fi balbala balbala keessaniin fuula Waaqayyoo duratti of dhiʼeessaa.”
20 Fazendo pois chegar Samuel todas as tribus, tomou-se a tribu de Benjamin.
Yommuu Saamuʼeel gosoota Israaʼel hunda fidettis gosti Beniyaam ni filatame.
21 E, fazendo chegar a tribu de Ben-jamin pelas suas familias, tomou-se a familia de Matri: e d'ella se tomou Saul, filho de Kis; e o buscaram, porém não se achou.
Ergasiis inni gosa Beniyaam balbala balbalaan fuula duratti dhiʼeessee balballi Maxriit filatame. Dhuma irrattis Saaʼol ilmi Qiish ni filatame. Inni garuu yommuu isa barbaadanitti hin argamne.
22 Então tornaram a perguntar ao Senhor se aquelle homem ainda viria ali. E disse o Senhor: Eis que se escondeu entre a bagagem.
Kanaaf namoonni, “Namichi dhufee jiraa?” jedhanii ammas Waaqayyoon gaafatan. Waaqayyos, “Eeyyee; garuu inni miʼa keessa dhokatee jira” jedhe.
23 E correram, e o tomaram d'ali, e poz-se no meio do povo: e era mais alto do que todo o povo desde o hombro para cima.
Isaanis fiiganii achii isa fidan. Innis yeroo dhufee isaan gidduu dhaabatetti gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture.
24 Então disse Samuel a todo o povo: Vêdes já a quem o Senhor tem elegido? pois em todo o povo não ha nenhum similhante a elle. Então jubilou todo o povo, e disseram: Viva o rei!
Saamuʼeelis saba sana hundaan, “Namicha Waaqayyo isa filate argituu? Saba hunda keessaa kan akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedhe. Namoonnis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
25 E declarou Samuel ao povo o direito do reino, e escreveu-o n'um livro, e pôl-o perante o Senhor: então enviou Samuel a todo o povo, cada um para sua casa.
Saamuʼeelis seera mootummaan sun ittiin bulu namootaaf ibse. Kitaaba keessattis barreessee fuula Waaqayyoo dura kaaʼe. Ergasii Saamuʼeel namoota hunda gara mana isaaniitti of irraa geggeesse.
26 E foi-se tambem Saul a sua casa, a Gibeah: e foram com elle do exercito aquelles cujos corações Deus tocara.
Saaʼol garuu Gibeʼaatti deebiʼee mana ofii isaatti gale; namoonni jajjaboon Waaqni yaada isaanii kakaases isa wajjin deeman.
27 Mas os filhos de Belial disseram: É este o que nos ha de livrar? E o desprezaram, e não lhe trouxeram presentes: porém elle se fez como surdo.
Garuu namoonni kashlabboonni tokko tokko, “Namni kun akkamitti nu oolchuu dandaʼa?” jedhan. Isas ni tuffatan. Kennaa tokko illees hin fidneef. Saaʼol garuu ni calʼise.

< 1 Samuel 10 >