< Objawienie 3 >

1 A do anioła kościoła w Sardes napisz: To mówi ten, który ma siedem Duchów Boga i siedem gwiazd: Znam twoje uczynki, że masz imię, [które mówi], że żyjesz, ale jesteś martwy.
“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Sardeesittiakkana jedhii barreessi: Inni Hafuurota Waaqaa torbaa fi urjiiwwan torba qabu sun akkana jedha. Ani hojii kee beeka; ati maqumaaf jirta malee duuteerta.
2 Bądź czujny i utwierdź, co pozostało, a co bliskie jest śmierci. Nie uznałem bowiem twoich uczynków za doskonałe przed Bogiem.
Dammaqi! Ani fuula Waaqa kootii duratti hojiin kee guutuu taʼuu isaa hin argineetii waan duʼuu gaʼe sana jajjabeessi.
3 Pamiętaj zatem, jak otrzymałeś i usłyszałeś, i strzeż [tego], i pokutuj. Jeśli więc czuwać nie będziesz, przyjdę do ciebie jak złodziej, a nie będziesz wiedział, o której godzinie przyjdę do ciebie.
Kanaafuu waan fudhattee fi waan dhageesse yaadadhu; waan dhageesse sanaaf ajajami; qalbiis jijjiirradhu. Yoo ati dammaquu baatte garuu ani akkuma hattuutti sitti nan dhufa; saʼaatii kamitti akka ani sitti dhufus ati hin beektu.
4 Lecz [masz] kilka osób w Sardes, które nie splamiły swoich szat. Będą chodzić ze mną [w] białych [szatach], bo są godni.
Taʼu iyyuu ati namoota uffata isaanii hin xureessin muraasa Sardees keessaa qabda. Isaanis uffata adaadii uffatanii na wajjin ni deemu; isaan kanaaf warra malanii dha.
5 Kto zwycięży, będzie ubrany w białe szaty i nie wymażę jego imienia z księgi życia, lecz wyznam jego imię przed moim Ojcem i przed jego aniołami.
Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa.
6 Kto ma uszy, niech słucha, co Duch mówi do kościołów.
Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
7 A do anioła kościoła w Filadelfii napisz: To mówi Święty, Prawdziwy, ten, który ma klucz Dawida, ten, który otwiera i nikt nie zamknie, zamyka i nikt nie otworzy.
“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Filaadelfiyaattiakkana jedhii barreessi: Inni qulqulluun, inni dhugaan, inni furtuu Daawit harka isaatii qabu, kan waan inni banu eenyu iyyuu cufuu hin dandeenyee fi waan inni cufus eenyu iyyuu banuu hin dandeenye sun akkana jedha.
8 Znam twoje uczynki. Oto postawiłem przed tobą otwarte drzwi, których nikt nie może zamknąć, bo [choć] masz niewielką moc, jednak zachowałeś moje słowo i nie wyparłeś się mego imienia.
Ani hojii kee beeka. Kunoo, ani balbala banamaa namni cufuu hin dandeenye tokko fuula kee dura kaaʼeera. Akka ati humna xinnoo qabdus beeka; taʼus dubbii koo eegdeerta; maqaa koos hin ganne.
9 Oto dam ci [ludzi] z synagogi szatana, którzy mówią, że są Żydami, a [nimi] nie są, lecz kłamią. Oto sprawię, że przyjdą i pokłonią się przed twoimi nogami, i poznają, że ja ciebie umiłowałem.
Kunoo, ani warra waldaa Seexanaa taʼan kanneen utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhanii soban keessaa tokko tokko akka isaan dhufanii miilla kee irratti kufanii sagadanii fi akka isaan akka ani si jaalladhe beekan nan godha.
10 Ponieważ zachowałeś słowo mojej cierpliwości, ja też zachowam cię od godziny próby, która przyjdzie na cały świat, aby doświadczyć mieszkańców ziemi.
Ajaja ani akka ati obsaan dhaabattuuf siif kenne sana waan eegdeef, anis saʼaatii qorumsaa kan warra lafa irra jiraatan qoruuf addunyaa guutuutti dhufuuf jiru sana irraa si oolcha.
11 Oto przyjdę wkrótce, trzymaj to, co masz, aby nikt nie wziął twojej korony.
Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu.
12 Tego, kto zwycięży, uczynię filarem w świątyni mojego Boga i już nie wyjdzie na zewnątrz. Napiszę też na nim imię mego Boga i nazwę miasta mego Boga, nowego Jeruzalem, które zstępuje z nieba od mego Boga, i moje nowe imię.
Nama moʼatus mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Waaqa kootii fi maqaa magaalaa Waaqa koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqa koo biraa samii irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa.
13 Kto ma uszy, niech słucha, co Duch mówi do kościołów.
Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
14 A do anioła kościoła w Laodycei napisz: To mówi Amen, świadek wierny i prawdziwy, początek stworzenia Bożego:
“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Lodooqiyaattiakkana jedhii barreessi: Ameen, inni amanamaan, dhuga baatuun dhugaatii fi jalqabaan uumama Waaqaa sun akkana jedha.
15 Znam twoje uczynki: nie jesteś ani zimny, ani gorący. Obyś był zimny albo gorący.
Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture.
16 A tak, ponieważ jesteś letni i ani zimny, ani gorący, wypluję cię z moich ust.
Kanaafuu ati waan laphiitaateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera.
17 Mówisz bowiem: Jestem bogaty i wzbogaciłem się, i niczego nie potrzebuję, a nie wiesz, że jesteś nędzny i pożałowania godny, biedny, ślepy i nagi.
Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu.
18 Radzę ci kupić u mnie złota w ogniu wypróbowanego, abyś się wzbogacił, i białe szaty, abyś się ubrał i żeby nie ujawniła się hańba twojej nagości, a swoje oczy namaść maścią, abyś widział.
Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa.
19 Ja wszystkich, których miłuję, strofuję i karcę. Bądź więc gorliwy i pokutuj.
Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.
20 Oto stoję u drzwi i pukam. Jeśli ktoś usłyszy mój głos i otworzy drzwi, wejdę do niego i spożyję z nim wieczerzę, a on ze mną.
Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.
21 Temu, kto zwycięży, dam zasiąść ze mną na moim tronie, jak i ja zwyciężyłem i zasiadłem z moim Ojcem na jego tronie.
Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf.
22 Kto ma uszy, niech słucha, co Duch mówi do kościołów.
Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.”

< Objawienie 3 >