< Przysłów 1 >

1 Przysłowia Salomona, syna Dawida, króla Izraela;
Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:
2 Do poznania mądrości i karności, do zrozumienia słów roztropnych;
Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf, dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;
3 Do zdobycia pouczenia w mądrości, w sprawiedliwości, w sądzie i w prawości;
ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan, murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;
4 Do udzielenia prostym rozwagi, a młodemu – wiedzy i roztropności.
warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf, dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,
5 Mądry posłucha i przybędzie mu wiedzy, a rozumny nabędzie rad;
ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan; warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;
6 Aby rozumieć przysłowia i [ich] wykładnię, słowa mądrych i ich zagadki.
kunis fakkeenyaa fi hiikkaa, jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.
7 Bojaźń PANA jest początkiem wiedzy, ale głupcy gardzą mądrością i karnością.
Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
8 Synu mój, słuchaj pouczenia swego ojca i nie odrzucaj nauki swojej matki;
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
9 Bo one będą wdzięczną ozdobą na twojej głowie i [kosztownym] łańcuchem na szyi.
Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo, morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
10 Synu mój, jeśli grzesznicy cię namawiają, nie pozwalaj.
Yaa ilma ko, yoo cubbamoonni sossobanii ofitti si harkisan, tole hin jedhiniif.
11 Jeśli mówią: Chodź z nami, czyhajmy na krew, zaczajmy się na niewinnego bez powodu;
Yoo isaan, “Nu wajjin kottu; riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa; nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis dhokannee eeggannaa;
12 Pożremy ich żywcem jak grób, całych, jak zstępujących do dołu; (Sheol h7585)
kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa; akkuma warra boolla keessa buufamaniis guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa; (Sheol h7585)
13 Znajdziemy wszelkie kosztowności, napełnimy swoje domy łupem;
nu waan gatii qabu kan gosa hundaa ni arganna; manneen keenya illee boojuudhaan guuttanna;
14 Dziel z nami swój los; miejmy wszyscy jedną sakiewkę.
ixaa kee nu wajjin buufadhu; nus korojoo tokko si wajjin qooddannaa” siin jedhan,
15 Synu mój, nie wyruszaj z nimi w drogę; powstrzymaj swoją nogę od ich ścieżki.
yaa ilma ko, ati isaan wajjin hin deemin; miilla keetiin karaa isaanii irra illee hin ejjetin;
16 Ich nogi bowiem biegną do zła i spieszą się do przelania krwi.
miilli isaanii cubbuutti ariifataatii; isaan dhiiga dhangalaasuuf jarjaru.
17 Na próżno zastawia się sieci na oczach wszelkiego ptactwa.
Utuma simbirroonni hundi arganuu, kiyyoo buusuun waan gatii hin qabnee dha!
18 Oni też czyhają na własną krew, czają się na własne życie.
Namoonni kunneen dhiiguma ofii isaanii riphanii eeggatu; lubbuma ofii isaanii gaadu!
19 Takie są ścieżki każdego, który jest chciwy zysku; swojemu właścicielowi [taki zysk] odbiera życie.
Kun dhuma warra qabeenya karaa hamaadhaan argamu duukaa buʼan hundaa ti; wanni akkasii jireenya warra isa argatanii balleessa.
20 Mądrość woła na dworze, podnosi swój głos na ulicach.
Ogummaan karaa irratti guddiftee iyyiti; iddoo wal gaʼii uummataattis sagalee ishee ol fudhatti.
21 Woła w największym zgiełku, u wrót bram, w mieście wygłasza swoje słowa:
Isheen fiixee daandii irraa iyyiti; karra magaalaa duraas akkana jettee dubbatti:
22 Jak długo, prości, będziecie kochać głupotę, szydercy – lubować się w swoim szyderstwie, a głupi – nienawidzić wiedzy?
“Isin warri homaa hin beekne kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu? Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii gowwoonnis beekumsa jibbu?
23 Nawróćcie się na moje upomnienie; oto wyleję na was mojego ducha, oznajmię wam moje słowa.
Mormii koo qalbeeffadhaa; ani yaada koo isinii nan dhangalaasa; dubbii koos isiniifin ibsa.
24 Ponieważ wołałam, a odmawialiście; wyciągałam rękę, a nikt nie zważał;
Garuu sababii isin yeroo ani isin waametti diddanii yeroo ani harka balʼifadhetti namni tokko iyyuu na hin dhaggeeffatiniif,
25 Owszem, odrzuciliście całą moją radę i nie chcieliście [przyjąć] mojego upomnienia;
waan isin gorsa koo hunda tuffattanii dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif,
26 Dlatego będę się śmiać z waszego nieszczęścia, będę szydzić z was, gdy przyjdzie to, czego się boicie.
anis badiisa keessanitti nan kolfa, yeroo balaan isinitti dhufuttis nan qoosa;
27 Gdy nadejdzie jak spustoszenie to, czego się boicie, i [gdy] wasze nieszczęście nadciągnie jak wicher, gdy nadejdzie na was ucisk i cierpienie;
yeroo balaan akkuma bubbeetti isin fudhatutti, yeroo badiisni akkuma bubbee hamaatti isin haxaaʼutti, yeroo dhiphinaa fi rakkinni isinitti dhufutti ani isinittan qoosa.
28 Wtedy będą mnie wzywać, a nie wysłucham; będą mnie szukać pilnie, lecz mnie nie znajdą.
“Yeroo sana isaan na waammatu; ani garuu isaan jalaa hin owwaadhu; isaan na barbaadu; garuu na hin argatan.
29 Bo znienawidzili wiedzę i nie wybrali bojaźni PANA;
Isaan waan beekumsa jibbanii Waaqayyoon sodaachuu illee filachuu didaniif,
30 Ani nie chcieli mojej rady, [ale] gardzili każdym moim upomnieniem.
waan gorsa koo fudhachuu didanii dheekkamsa koos tuffataniif,
31 Dlatego spożyją owoc swoich dróg i będą nasyceni swymi radami.
isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu; buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu.
32 Bo odstępstwo prostych zabije ich i szczęście głupich zgubi ich.
Gowwoota waa dagachuutu isaan balleessaatii; quufni gowwootaa isaanuma balleessa;
33 [Ale] kto mnie słucha, będzie mieszkać bezpiecznie i będzie wolny od strachu przed złem.
namni na dhaggeeffatu kam iyyuu garuu nagaadhaan jiraata; inni qabbanaan jiraata; wanni hamaanis isa hin sodaachisu.”

< Przysłów 1 >