< Rodzaju 38 >

1 W tym czasie Juda odszedł od swoich braci i wstąpił do [pewnego] mieszkańca Adullam, który miał na imię Chira.
Yeroo kanatti Yihuudaan obboloota isaa biraa deemee namicha Adulaam kan Hiiraam jedhamu tokko bira jiraachuuf gad buʼe.
2 I Juda zobaczył tam córkę Kananejczyka, który miał na imię Szua; pojął ją i obcował z nią.
Achittis Yihuudaan intala namicha Kanaʼaan kan Shuuwaan jedhamu tokkoo arge; innis ishee fuudhee ishee bira gaʼe;
3 A [ona] poczęła i urodziła syna, i nadał mu imię Er.
isheenis ulfooftee ilma deesse; maqaan isaas Eer jedhame.
4 I znów poczęła i urodziła syna, i nadała mu imię Onan.
Ammas ulfooftee ilma deesse; maqaa isaas Oonaan jettee moggaafte.
5 Potem znowu urodziła syna i nadała mu imię Szela. A [Juda] był w Kezib, gdy mu go urodziła.
Ammas ittuma dabaltee ulfooftee ilma biraa deessee maqaa isaa Sheelaa jettee moggaafte. Isheenis Kiziibitti isa deesse.
6 I Juda wziął dla swojego pierworodnego syna Era żonę imieniem Tamar.
Yihuudaanis Eer ilma isaa hangafticha niitii fuusise; maqaan ishee Taamaar jedhama ture.
7 A Er, pierworodny Judy, był zły w oczach PANA, więc PAN go zabił.
Garuu Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isa ajjeese.
8 Wtedy Juda powiedział do Onana: Obcuj z żoną twego brata i ożeń się z nią, i wzbudź twemu bratu potomstwo.
Yihuudaanis Oonaaniin, “Obboleessa keetiif sanyii dhaabuuf jedhiitii niitii obboleessa keetii bira gaʼiitii dirqama waarsummaa keetii isheef guuti” jedhe.
9 Lecz Onan wiedział, że to potomstwo nie miało być jego; gdy obcował z żoną swego brata, wyrzucał swoje [nasienie] na ziemię, aby nie wzbudzić potomstwa swemu bratu.
Oonaan garuu akka ijoolleen dhalattu sun kan isaa hin taane beeke; kanaafuu akka obboleessa isaatiif sanyii hin dhaabneef jedhee yeroo niitii obboleessa isaa bira gaʼu hunda afeetaa lafatti dhangalaasa ture.
10 I nie podobało się PANU to, co [Onan] robił, dlatego i jego PAN zabił.
Wanni inni hojjete sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isas ni ajjeese.
11 Wtedy Juda powiedział do swojej synowej Tamar: Mieszkaj w domu twego ojca jako wdowa, aż dorośnie mój syn Szela. Powiedział bowiem: Oby on też nie umarł jak jego bracia. I Tamar odeszła, i mieszkała w domu swego ojca.
Ergasii Yihuudaan niitii ilma isaa Taamaariin, “Hamma ilmi koo Sheelaa guddatutti haadha hiyyeessaa taʼiitii mana abbaa keetii jiraadhu” jedhe. Inni, “Mucaan kunis akkuma obboloota isaa duʼaa laata” jedhee yaadee tureetii. Kanaafuu Taamaar mana abbaa ishee jiraachuu dhaqxe.
12 Po długim czasie umarła córka Szuy, żona Judy. Gdy Juda już pocieszył się, poszedł wraz ze swoim przyjacielem Chirą Adullamitą do Timny, do tych, co strzygli jego owce.
Bara dheeraa booddees intalli Shuuwaa niitiin Yihuudaa duute. Yihuudaanis gadda isaa irraa bayyanannaan gara Tiimnaahitti lafa warra hoolota isaa irraa rifeensa murmuraniitti ol baʼe; michuun isaa Hiiraam namichi Adulaam isa wajjin deeme.
13 I powiedziano o tym Tamarze: Oto twój teść idzie do Timny, aby strzyc swoje owce.
Taamaaris, “Kunoo abbaan dhirsa keetii hoolota isaa irraa rifeensa murmuruuf jedhee Tiimnaahitti ol baʼaa jira” jedhanii yeroo itti himanitti,
14 Zdjęła więc z siebie wdowie szaty, okryła się welonem i tak zasłonięta usiadła na rozstaju drogi, która prowadziła do Timny. Widziała bowiem, że Szela dorósł, a ona nie została mu dana za żonę.
wayyaa haadha hiyyeessaa of irraa baaftee of dhoksuuf haguuggii haguuggatte; ergasiis balbala Enaayimitti ol galchu kan daandii Tiimnaahitti geessu irra jiru dura teesse. Sheelaa guddatu iyyuu isheen akka niitummaadhaan isaaf hin kennamin beektee turteetii.
15 A gdy Juda zobaczył ją, pomyślał, że to nierządnica, bo zakryła swoją twarz.
Yihuudaan yommuu ishee argetti sababii isheen fuula ishee haguuggattee turteef sagaagaltuu ishee seʼe.
16 Zszedł więc do niej z drogi i powiedział: Proszę, pozwól mi obcować z tobą. Nie wiedział bowiem, że to była jego synowa. I powiedziała: Co mi dasz, abyś mógł ze mną obcować?
Innis utuu akka isheen niitii ilma isaa taate hin beekin karaa cina iddoo isheen jirtu ishee bira dhaqee, “Mee kottu si wajjin nan ciisaa” jedheen. Isheenis, “Ati na wajjin ciisuuf maal naa kennita?” jettee isa gaafatte.
17 I odpowiedział: Poślę ci koźlątko ze stada. A ona rzekła: Dasz mi zastaw, dopóki nie przyślesz?
Inni immoo, “Ani bushaayee koo keessaa ilmoo reʼee tokko siifin erga” jedheen. Isheenis, “Hamma ilmoo sana naa ergitutti waan biraa qabsiisa naa kennitaa?” jetteen.
18 I powiedział: Cóż mam ci dać w zastaw? A ona odpowiedziała: Twój pierścień, twój sznur i twoją laskę, którą masz w ręce. Dał jej więc i obcował z nią; a ona poczęła z niego.
Innis, “Ani qabsiisa maalin siif kenna?” jedheen. Isheenis deebiftee, “Chaappaa kee hidhaa isaa wajjin, ulee qabattee deemtus naa kenni” jetteen. Innis wantoota kanneen kenneefii ishee wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte.
19 Potem wstała, odeszła, zdjęła z siebie welon i włożyła wdowie szaty.
Erga achii deemtee booddee haguuggii ishee of irraa baaftee wayyaa dhirsi ishee irraa duunaan uffattee turte sana deebiftee uffatte.
20 A Juda posłał koźlątko przez swego przyjaciela Adullamitę, aby odebrał zastaw z ręki tej kobiety, ale ten jej nie znalazł.
Yihuudaan waan qabsiisa kenne dubartii sana irraa deebifachuuf jedhee karaa michuu isaa namicha Adulaam sanaatiin ilmoo reʼee ergeef; namichi garuu ishee hin argine.
21 I pytał ludzi w tym miejscu: Gdzie jest ta nierządnica, która [była] na rozstaju tej drogi? Oni odpowiedzieli: Nie było tu [żadnej] nierządnicy.
Namichis, “Sagaagaltuun Enaayim bira, daandii irra taaʼaa turte sun eessa jirti?” jedhee warra achi jiraatan gaafate. Jarri immoo deebisanii, “Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre” jedhan.
22 Wrócił więc do Judy i powiedział: Nie znalazłem jej. I ludzie w tym miejscu powiedzieli: Nie było tu [żadnej] nierządnicy.
Innis gara Yihuudaatti deebiʼee, “Ani dubartittii arguu hin dandeenye. Akkasumas warri iddoo sana jiraatan, ‘Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre’ jedhan” jedheen.
23 Wtedy Juda powiedział: Niech sobie zatrzyma ten [zastaw], abyśmy nie stali się pośmiewiskiem. Oto posyłałem to koźlątko, a ty jej nie znalazłeś.
Yihuudaanis, “Isheen waan qabatte sana haa hambifattu; yoo kanaa achii nu waan kolfaa taanaa. Kunoo ani ilmoo reʼee kana isheef ergeera; ati garuu ishee dhabde” jedhe.
24 Po upływie około trzech miesięcy powiedziano Judzie: Twoja synowa Tamar stała się nierządnicą i oto jest brzemienna z nierządu. Wtedy Juda powiedział: Wyprowadźcie ją i niech będzie spalona.
Gara jiʼa sadii booddee, “Taamaar niitiin ilma keetii sagaagaltuu taateerti; kanaanis isheen amma ulfoofteerti” jedhanii Yihuudaatti himan. Yihuudaan immoo, “Gadi baasaatii ibiddaan gubaa ishee ajjeesaa!” jedhe.
25 A gdy została wyprowadzona, posłała do swego teścia [wiadomość]: Jestem brzemienna z mężczyzny, do którego należą te rzeczy. Powiedziała przy tym: Rozpoznaj, proszę, czyj to pierścień, sznur i laska.
Isheenis utuma gad baafamaa jirtuu, “Ani abbaa miʼa kanaa irraa ulfaaʼeera” jettee abbaa dhirsa isheetti ergaa ergite. Akkasumas, “Chaappaa fi kirriin isaa, uleen kunis kan eenyuu akka taʼe mee ilaalii addaan baafadhu” jetteen.
26 Wtedy Juda rozpoznał [je] i powiedział: Ona jest sprawiedliwsza ode mnie, ponieważ nie dałem jej memu synowi Szeli. I więcej z nią nie obcował.
Yihuudaanis miʼa kana beekee, “Sababii ani ilma koo Sheelaatti ishee hin heerumsiisiniif, isheen na caalaa qajeeltuu dha” jedhe. Innis deebiʼee ishee bira hin geenye.
27 Gdy nadszedł czas jej porodu, okazało się, że w jej łonie [są] bliźnięta.
Yommuu yeroon daʼumsa ishee gaʼetti, kunoo, ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture.
28 A gdy rodziła, [jedno dziecko] wytknęło rękę, a położna ujęła ją i zawiązała na ręce czerwoną nić, mówiąc: Ten wyszedł pierwszy.
Utuu isheen daʼumsa irra jirtuu inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee, “Isa kanatu dura lafa gaʼe” jettee kirrii diimaa harka isaatti hiite.
29 Gdy [on] cofnął swoją rękę, oto wyszedł jego brat i powiedziała: Jak się przedarłeś? Na tobie [niech będzie] rozerwanie. I nadała mu imię Peres.
Akkuma inni harka isaa ol deebifateen kunoo obboleessi isaa dhalate; deessiftuunis, “Ati akkamiin ofuma keetiin cabsitee baate?” jette. Maqaan isaas Faares jedhame.
30 A potem wyszedł jego brat, na którego ręce była czerwona nić. I nadała mu imię Zerach.
Obboleessi isaa kan kirrii diimaa harka irraa qabu sunis ni dhalate; innis Zaaraa jedhamee moggaafame.

< Rodzaju 38 >