< Ezdrasza 5 >
1 Potem prorocy Aggeusz i Zachariasz, syn Iddo, prorokowali Żydom w Judzie i w Jerozolimie w imię Boga Izraela, [mówiąc] do nich.
Yeroo kanatti Haageen raajichii fi Zakkaariyaas ilmi Iddoo raajichi, maqaa Waaqa Israaʼel kan isaan wajjin jiraatu sanaan Yihuudoota warra Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan.
2 Wtedy powstali Zorobabel, syn Szealtiela, i Jeszua, syn Jocadaka, i zaczęli budować dom Boży w Jerozolimie; a z nimi prorocy Boga, którzy im pomagali.
Kana irratti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuun ilmi Yoosaadaaq Yerusaalem keessatti mana Waaqaa deebisanii ijaaruu jalqaban. Raajonni Waaqaas isaan gargaaruuf isaanuma wajjin turan.
3 W tym czasie przyszli do nich Tattenaj, namiestnik zarzecza, i Szetarboznaj oraz ich towarzysze i tak mówili do nich: Kto wam rozkazał budować ten dom i wznosić jego mury?
Yeroo sanatti Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi deeggartoonni isaanii gara isaanii dhaqanii, “Akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin dallaa dhagaa kanas akka duriitti deebiftan eenyutu isiniif eeyyame?” jedhanii gaafatan.
4 Odpowiedzieliśmy im, jakie są imiona tych mężczyzn, którzy pracują przy tej budowli.
Akkasumas, “Maqaan warra mana kana ijaaruu eenyu faʼi?” jedhanii gaafatan.
5 Lecz oko ich Boga czuwało nad starszymi z Żydów, tak że nie mogli im przeszkadzać, dopóki sprawa ta nie dotarła do Dariusza – o niej donosili [mu] przez list.
Garuu iji Waaqa isaanii maanguddoota Yihuudaa irra turte; isaanis hamma gabaasni sun Daariyoos bira gaʼee deebiin isaa barreeffamaan dhufutti hojii hin dhaabne.
6 [To jest] odpis listu, który do króla Dariusza posłali Tattenaj, namiestnik zarzecza, Szetarboznaj i jego towarzysze Afarsachajczycy, którzy byli za rzeką.
Kunis garagalchaa xalayaa Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayi, deeggartoonni isaanii fi qondaaltonni Gama Laga Efraaxiis jiraatan Daariyoos Mootichatti erganii ti.
7 Posłali mu list, w którym było napisane tak: Królowi Dariuszowi wszelkiej pomyślności!
Gabaasni isaan erganiif sunis akkana jedha: Gara Daariyoos Mootichaa: Nagaa ulfinaan guutame siif ergina.
8 Niech będzie królowi wiadomo, że przybyliśmy do prowincji Judy, do domu wielkiego Boga, który jest odbudowywany z wielkich kamieni, a [którego] ściany są wykładane drewnem. Ta praca posuwa się szybko i szczęści się w ich rękach.
Mootichi akka nu gara aanaa Yihuudaa gara mana qulqullummaa Waaqa guddichaa dhaqnee turre haa beeku. Namoonni dhagaa gurguddaadhaan mana sana ijaaraa, laaxaas keenyan manaa keessa kaaʼaa jiru. Hojiin kunis ciminaan hojjetamaa harka isaanii jalatti guddina argisiisaa jira.
9 Pytaliśmy wtedy tych starszych, mówiąc do nich: Kto wam rozkazał budować ten dom i wznosić te mury?
Nu maanguddoota sana dubbifnee, “Eenyutu akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin ijaarsa isaa akka duriitti deebiftan isiniif eeyyame?” jennee isaan gaafanne.
10 Pytaliśmy także o ich imiona, abyśmy mogli ci je oznajmić i zapisać imiona mężczyzn, którzy stoją na ich czele.
Akkasumas akka maqaa hooggantoota isaanii barreessinee si beeksifnuuf maqaa isaanii illee gaafannee ture.
11 A tak nam odpowiedzieli: My jesteśmy sługami Boga nieba i ziemi i odbudowujemy dom, który został wzniesiony przed wieloma laty, a który zbudował i wystawił wielki król Izraela.
Isaanis deebii kana nuu kennan: “Nu garboota Waaqa samii fi lafaa ti; nu mana qulqullummaa kan bara dheeraan dura ijaarame, kan mootiin Israaʼel guddichi ijaaree fixe sana deebifnee ijaaraa jirra.
12 Lecz gdy nasi ojcowie pobudzili do gniewu Boga nieba, on wydał ich w ręce Nabuchodonozora, króla Babilonu, Chaldejczyka, który zburzył ten dom, a lud uprowadził do niewoli w Babilonie.
Garuu sababii abbootiin keenya Waaqa samii aarsaniif inni dabarsee harka Nebukadnezar namicha biyya Kaldootaa, mootii Baabilonitti isaan kenne; innis mana qulqullummaa kana barbadeessee uummatas biyyaa baasee Baabilonitti geesse.
13 Jednak w pierwszym roku Cyrusa, króla Babilonu, sam król Cyrus wydał dekret, aby odbudować ten dom Boży.
“Taʼu illee waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros mooticha Baabilon keessa Qiiros Mootichi akka manni Waaqaa kun deebifame ijaaramuuf labsii tokko labse.
14 Ponadto złote i srebrne naczynia domu Bożego, które Nabuchodonozor zabrał ze świątyni w Jerozolimie i umieścił w świątyni w Babilonie, król Cyrus wyniósł ze świątyni w Babilonie i zostały przekazane niejakiemu Szeszbassarowi, którego ustanowił namiestnikiem.
Innis miʼa warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa guuree Baabilonitti geesse sana masaraa mootummaa Baabilon keessaa ni baase. Qiiros Mootichi namicha Sheeshbasaar jedhamu kan inni bulchaa godhee muude sanatti miʼa kana kennee
15 I powiedział mu: Weź te naczynia, idź i złóż je w świątyni, która jest w Jerozolimie, a niech dom Boży zostanie odbudowany na swoim miejscu.
akkana jedheen; ‘Miʼa kana fuudhii dhaqiitii mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessa jiru sanatti galchi. Mana Waaqaas iddoo isaatti deebisii ijaari.’
16 Wtedy ten Szeszbassar przyszedł i położył fundamenty domu Bożego w Jerozolimie, i od tego czasu aż do dzisiaj buduje się go, ale nie jest ukończony.
“Ergasiis Sheeshbasaar kun dhufee hundee mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa buuse. Yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti manni sun ijaaramaa jira; garuu amma illee hin dhumne.”
17 Jeśli więc król uzna to za dobrą rzecz, niech poszukają w skarbcach królewskich w Babilonie, czy [rzeczywiście] tak jest, że król Cyrus rozkazał, aby odbudować ten dom Boży w Jerozolimie, i niech król powiadomi nas o swej woli w tej sprawie.
Egaa amma yoo fedhii mootichaa taʼe, Qiiros Mootichi dhugumaan akka manni Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee ijaaramuuf labsii baasuu fi baasuu baachuu isaa beekuuf galmeen masaraa mootummaa Baabilon haa qoratamu. Ergasiis mootichi yaada waan kana irratti qabu nuuf haa ergu.