< Wyjścia 17 >

1 Całe zgromadzenie synów Izraela wyruszyło z pustyni Sin, robiąc postoje, według rozkazu PANA, i rozbili obóz w Refidim, gdzie nie było wody, aby lud mógł się napić.
Waldaan ijoollee Israaʼel hundi akkuma Waaqayyo ajajetti Gammoojjii Siiniitii kaʼanii iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti darbaa dhaqanii Refiidiim qubatan. Garuu sabni sun bishaan dhugaatii hin arganne.
2 Dlatego lud spierał się z Mojżeszem, mówiąc: Dajcie nam wody, abyśmy się napili. Mojżesz odpowiedział im: Dlaczego kłócicie się ze mną? Czemu wystawiacie PANA na próbę?
Kanaafuu isaan, “Bishaan dhugnu nuu kenni” jedhanii Musee lolan. Museen immoo deebisee, “Isin maaliif na loltu? Waaqayyos maaliif qortu?” jedheen.
3 Lud zaś pragnął tam wody i szemrał przeciwko Mojżeszowi, mówiąc: Po co wyprowadziłeś nas z Egiptu, aby uśmiercić nas, nasze dzieci i nasze bydło pragnieniem?
Jarris bishaan dheebotanii Museetti guunguman; akkanas jedhan; “Ati maaliif akka nu, ijoolleen keenyaa fi horiin keenya dheebuun dhumnuuf biyya Gibxiitii nu baafte?”
4 Wtedy Mojżesz zawołał do PANA: Cóż mam uczynić z tym ludem? Jeszcze trochę, a mnie ukamienują.
Kana irratti Museen gara Waaqayyootti iyyee, “Ani saba kana maal godha? Isaan dhagaan na tumuuf xinnumatu hafe” jedhe.
5 I PAN powiedział do Mojżesza: Idź przed ludem i weź ze sobą [niektórych] ze starszych Izraela. Weź także w rękę swoją laskę, którą uderzyłeś w rzekę, i idź.
Waaqayyo immoo akkana jedhee Museef deebii kenne; “Saba kana dura darbii deemi. Maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko of faana fudhadhuutii ulee ittiin laga Abbayyaa dhoofte sana harkatti qabadhuu deemi.
6 Oto stanę przed tobą tam, na skale na Horebie, i uderzysz w skałę, a wypłynie z niej woda, którą lud będzie pił. I Mojżesz uczynił tak na oczach starszych Izraela.
Kunoo ani kattaa Kooreeb sana bira fuula kee dura achi nan dhaabadha; akka namoonni bishaan dhuganiif ati kattaa sana dhaʼi; bishaanis isa keessaa ni baʼa.” Kanaafuu Museen fuula maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma godhe.
7 I nadał temu miejscu nazwę Massa i Meriba z powodu kłótni synów Izraela i dlatego, że wystawili na próbę PANA, mówiąc: Czy PAN jest wśród nas, czy nie?
Sababii Israaʼeloonni lola kaasanii fi sababii isaan, “Waaqayyo nu wajjin jira moo hin jiru?” jechuudhaan Waaqayyoon qoraniif Museen iddoo sana Maasaahii fi Mariibaa jedhee moggaase.
8 Tymczasem Amalek nadciągnął, aby walczyć z Izraelem w Refidim.
Amaaleqoonni dhufanii Refiidiimitti Israaʼeloota lolan.
9 I Mojżesz powiedział do Jozuego: Wybierz nam mężczyzn, wyrusz i stocz bitwę z Amalekiem. Ja zaś jutro stanę na szczycie wzgórza z laską Boga w ręku.
Museenis Iyyaasuudhaan, “Namoota keenya keessaa muraasa filadhuutii dhaqii Amaaleqoota loli. Ani bor ulee Waaqaa harka kootti qabadhee fiixee gaara irra nan dhaabadha” jedhe.
10 Jozue uczynił więc, jak mu Mojżesz rozkazał, i stoczył bitwę z Amalekiem. A Mojżesz, Aaron i Chur weszli na szczyt wzgórza.
Yeroo Museen, Aroonii fi Huuri fiixee gaaratti ol baʼanitti, Iyyaasuun akkuma Museen ajajetti Amaaleqoota lola ture.
11 Gdy Mojżesz podnosił rękę, przeważał Izrael, a gdy opuszczał rękę, przeważał Amalek.
Yeroo Museen harka isaa ol qabatutti Israaʼeloonni ni moʼatu turan; yeroo inni harka isaa gad buufatu immoo Amaaleqoonni ni moʼatu turan.
12 Ale ręce Mojżesza [były] ociężałe. Wzięli więc kamień i podłożyli pod niego, i usiadł na nim. A Aaron i Chur podpierali jego ręce, jeden z jednej, drugi z drugiej strony. I jego ręce były stale podniesione aż do zachodu słońca.
Isaanis yeroo harki Musee dadhabaa deemetti dhagaa tokko fuudhanii isa jala kaaʼan; innis irra taaʼe. Aroonii fi Huuri inni tokko garanaan inni kaan immoo garasiin goranii akka harki isaa hamma aduun dhiitutti gad hin deebineef ol qabaniif.
13 Jozue rozgromił więc Amaleka i jego lud ostrzem miecza.
Akkasiin Iyyaasuun loltoota Amaaleqootaa goraadeedhaan moʼate.
14 Wtedy PAN powiedział do Mojżesza: Zapisz to na pamiątkę w księdze i powtórz do uszu Jozuego, że wymażę zupełnie pamięć o Amaleku pod niebem.
Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka wanni kun yaadatamuuf kitaabatti barreessi; Iyyaasuun waan kana dhagaʼuu isaa mirkaneessi; ani guutumaan guutuutti yaadannoo Amaaleqootaa samii jalaa nan balleessaatii.”
15 Potem Mojżesz zbudował ołtarz i nadał mu nazwę: PAN moją chorągwią;
Museenis iddoo aarsaa ijaaree, “Waaqayyo Faajjii koo ti” jedhee moggaase.
16 Bo powiedział: Ręka tronu PANA i wojna PANA będzie przeciwko Amalekowi z pokolenia na pokolenie.
Innis, “Harki gara teessoo Waaqayyootti ol kaafameera. Waaqayyos dhaloota tokkoo gara dhaloota kaaniitti Amaaleqoota ni lola” jedhe.

< Wyjścia 17 >