< I Piotra 4 >

1 Skoro więc Chrystus cierpiał za nas w ciele, wy również uzbrójcie się tą samą myślą, że ten, kto cierpiał w ciele, zaprzestał grzechu;
Kanaafuu waan Kiristoos foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera.
2 Aby żyć resztę czasu w ciele [już] nie dla ludzkich pożądliwości, lecz dla woli Boga.
Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Waaqaatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu.
3 Wystarczy nam bowiem, że w minionym okresie życia spełnialiśmy zachcianki pogan, żyjąc w rozpuście, pożądliwościach, pijaństwie, biesiadach, pijatykach i niegodziwym bałwochwalstwie.
Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu.
4 Dlatego dziwią się, że nie nurzacie się z nimi w tym samym zalewie rozpusty, [i] źle [o was] mówią.
Isaanis sababii isin gara jireenya gad dhiisii akkasiitti isaan wajjin hin fiigneef ni dinqisiifatu; isin arrabsus.
5 Zdadzą oni sprawę temu, który gotowy jest sądzić żywych i umarłych.
Garuu isaan Waaqa warra jiranii fi warra duʼanitti muruuf qophaaʼe sana duratti deebii ni kennu.
6 Dlatego bowiem i umarłym głoszono ewangelię, aby byli sądzeni według ludzi w ciele, ale żyli według Boga w duchu.
Kanaafuu karaa fooniitiin akkuma namaatti akka isaanitti muramuuf, karaa hafuuraatiin immoo akka Waaqaatti akka jiraataniif wangeelli warra duʼanii jiranitti iyyuu lallabameera.
7 Zbliża się zaś koniec wszystkiego. Bądźcie więc trzeźwi i czujni w modlitwie.
Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Waaqa kadhachuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa.
8 Przede wszystkim miejcie gorliwą miłość jedni dla drugich, bo miłość zakrywa mnóstwo grzechów.
Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.
9 [Bądźcie] dla siebie gościnni bez szemrania.
Guungummii malee wal keessumsiisaa.
10 Jako dobrzy szafarze różnorakiej łaski Bożej usługujcie sobie nawzajem tym darem, jaki każdy otrzymał.
Tokkoon tokkoon namaa kennaa warra kaan tajaajiluuf argate kam iyyuu akkuma abbaa imaanaa amanamaa kan ayyaana Waaqaa bifa garaa gaaraatiin jiru sanaa tokkootti itti fayyadamuu qaba.
11 Jeśli ktoś przemawia, [niech mówi] jak wyroki Boga, jeśli ktoś usługuje, [niech to czyni] z mocy, której Bóg udziela, aby we wszystkim był uwielbiony Bóg przez Jezusa Chrystusa. Jemu chwała i panowanie na wieki wieków. Amen. (aiōn g165)
Namni dubbatu kam iyyuu akka nama dubbii Waaqaa dubbatuutti haa dubbatu. Namni tajaajilu kam iyyuu akka Waaqni waan hunda keessatti karaa Yesuus Kiristoosiin galateeffamuuf jedhee jabina Waaqni isaaf kenneen haa tajaajilu. Ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
12 Umiłowani, nie dziwcie się temu ogniowi, który na was przychodzi, aby was doświadczyć, jakby was coś niezwykłego spotkało;
Yaa michoota jaallatamoo, qorama akka ibiddaa kan amma ittiin dhiphachaa jirtan kana akka waan wanni haaraan isinitti dhufeetti hin dinqisiifatinaa.
13 Lecz radujcie się z tego, że jesteście uczestnikami cierpień Chrystusa, abyście i podczas objawienia jego chwały cieszyli się i weselili.
Garuu isin yeroo ulfinni isaa mulʼatutti akka baayʼee gammaddaniif waan dhiphina Kiristoos keessatti qooda fudhattaniif gammadaa.
14 Jeśli was znieważają z powodu imienia Chrystusa, błogosławieni [jesteście], gdyż [Duch] chwały, Duch Boży spoczywa na was, [który] przez nich jest bluźniony, ale przez was jest uwielbiony.
Yoo maqaa Kiristoosiitiif jettanii arrabsamtan isin eebbifamoo dha; Hafuurri ulfinaatii fi Hafuurri Waaqaa isin irra boqotaatii.
15 Nikt z was niech nie cierpi jednak jako morderca albo złodziej, albo złoczyńca, albo jako [człowiek], który się wtrąca do cudzych spraw.
Isin keessaa namni kam iyyuu akka nama nama ajjeesuutti yookaan akka hattuutti yookaan akka nama yakka hojjetuutti yookaan akka nama dubbii namaa keessa seenuutti hin dhiphatin.
16 Lecz jeśli [cierpi] jako chrześcijanin, niech się nie wstydzi, niech raczej chwali Boga z tego powodu.
Garuu namni tokko yoo sababii Kiristaana taʼeef dhiphate maqaa sanaan Waaqa haa galateeffatu malee hin qaanaʼin.
17 Nadszedł bowiem czas, aby sąd rozpoczął się od domu Bożego, a jeśli [rozpoczyna się] od nas, to jaki będzie koniec tych, którzy są nieposłuszni ewangelii Bożej?
Yeroon itti murtiin mana Waaqaatii jalqabu dhiʼaateeraatii; murtiin kun yoo nurratti jalqaba taʼe dhumni warra wangeela Waaqaatiif hin ajajamnee akkam haa taʼu ree?
18 A ponieważ sprawiedliwy z trudnością będzie zbawiony, gdzie się znajdzie bezbożny i grzesznik?
“Erga qajeeltonni fayyuun rakkisaa taʼe, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan maal haa taʼu ree?”
19 Tak więc ci, którzy cierpią zgodnie z wolą Boga, niech powierzają swoje dusze [jemu] jako wiernemu Stwórcy, dobrze czyniąc.
Kanaafuu warri akka fedhii Waaqaatti dhiphatan lubbuu isaanii Uumaa isaanii amanamaa sanatti imaanaa kennatanii waan gaarii hojjechuutti haa fufan.

< I Piotra 4 >