< Filipian 3 >

1 Dalej mówiąc, bracia moi! radujcie się w Panu. Jedneż rzeczy wam pisać mnie nie mierzi, a wam jest bezpiecznie.
Dhuma irrattis yaa obboloota ko, Gooftaatti gammadaa! Ani waanuma kanaan duraa irra deebiʼee isinii barreessuun na hin dhibu; kun isiniif eegumsa.
2 Upatrujcie psy, upatrujcie złych robotników, upatrujcie rozerwanie.
Saroota irraa of eeggadhaa; namoota hammina hojjetan irraa of eeggadhaa; dhagna qabaa sobaa irraas of eeggadhaa.
3 Albowiem my jesteśmy obrzezaniem, którzy duchem służymy Bogu i chlubimy się w Chrystusie Jezusie, a w ciele nie ufamy.
Sababiin isaa nu warri Hafuura Waaqaatiin waaqeffannu, warri Kiristoos Yesuusiin of jajnuu fi warri foon hin amananne dhagna qabanneerraatii;
4 Aczci i ja w ciele mam ufanie; jeźli kto inszy zda się mieć ufanie w ciele, bardziej ja,
taʼus ani mataan koo amanachuu akkanaatiif sababii qaba. Namni biraa kam iyyuu foon amanachuuf waan sababii qabu yoo of seʼe, ani immoo isa caalaa qaba:
5 Obrzezany będąc ósmego dnia, z narodu Izraelskiego, z pokolenia Benjaminowego, Żyd z Żydów, według zakonu Faryzeusz;
Ani dhaladhee guyyaa saddeettaffaattin dhagna qabadhe; sanyii Israaʼel keessaas gosa Beniyaam irraa dhaladhe; warra Ibrootaa keessaas Ibricha tokkoo dha; akka seeraattis ani Fariisota keessaa tokko dha;
6 Według gorliwości prześladowca kościoła, według sprawiedliwości onej, która jest z zakonu, będąc bez przygany.
waaʼee hinaaffaa, ani waldaa kiristaanaa ariʼachaan ture; waaʼee qajeelummaa seera eeguun argamuus ani mudaa hin qabu ture.
7 Ale to, co mi było zyskiem, tom poczytał dla Chrystusa za szkodę.
Garuu waan na fayyadaa ture amma Kiristoosiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala.
8 Owszem i wszystko poczytam sobie za szkodę dla zacności znajomości Chrystusa Jezusa, Pana mojego, dla któregom wszystko utracił i mam to sobie za gnój, abym Chrystusa zyskał,
Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Kiristoos Yesuus isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Kiristoosin argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala;
9 I był znaleziony w nim, nie mając sprawiedliwości mojej, tej która jest z zakonu, ale tę, która jest przez wiarę Chrystusową, to jest sprawiedliwość z Boga, która jest przez wiarę;
kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.
10 Żebym go poznał i moc zmartwychwstania jego, i społeczność ucierpienia jego, przykształtowany będąc śmierci jego,
Ani Kiristoosii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada;
11 Owabym jakimkolwiek sposobem doszedł do powstania z martwych.
akkasiinis ani duʼaa kaʼuu warra duʼanii argachuu nan dandaʼa.
12 Nie iżbym już uchwycił, albo już doskonałym był; ale ścigam, ażbym też uchwycił to, na com też od Chrystusa Jezusa uchwycony.
Kiristoos Yesuus waan kan ofii isaa na godhateef anis waan kana harkatti galfachuuf nan fiiga jechuudha malee waan kana hunda argadheera yookaan nama hirʼina hin qabne taʼeera jechuu miti.
13 Bracia! jać o sobie nie rozumiem, żebym już uchwycił.
Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha;
14 Ale jedno czynię, że tego, co za mną jest, zapamiętywając, a do tego się, co przede mną jest, spiesząc, bieżę do kresu ku zakładowi powołania onego Bożego, które jest z góry w Chrystusie Jezusie.
badhaasa Waaqni Kiristoos Yesuusiin ol samiitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
15 Ile tedy nas doskonałych, toż rozumiejmy; a jeźli co inaczej rozumiecie, i toć wam Bóg objawi.
Nu warri bilchaatoon hundinuu waan akkanaa haa yaadnu. Yoo waan tokko tokko irratti yaada garaa garaa qabaattan garuu kanas Waaqni isinii ibsa.
16 Wszakże w tem, czegośmy doszli, według jednegoż sznuru postępujmy i jednoż rozumiejmy.
Taʼus waanuma kanaan dura irra geenye sanaan haa jiraannu.
17 Bądźcież wespół naśladowcami moimi, bracia! a upatrujcie tych, którzy tak chodzą, jako nas za wzór macie.
Yaa obboloota, fakkeenya koo duukaa buʼuudhaan warra kaaniin tokko taʼaa; warra fakkeenya nu isinii kennineen jiraatanis hubadhaa.
18 Albowiem wiele ich chodzi, o którychem wam często powiadał, a teraz i z płaczem mówię, iż są nieprzyjaciołmi krzyża Chrystusowego;
Akkuma ani yeroo hedduu isinitti himee fi akkuma ani amma illee imimmaaniin iyyuu isinitti himu, namoonni baayʼeen diinota fannoo Kiristoos taʼanii jiraatuutii.
19 Których koniec jest zatracenie, których Bóg jest brzuch, a chwała w hańbie ich, którzy się o rzeczy ziemskie starają.
Dhumni isaanii badiisa; Waaqni isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaaniitiin. Yaadni isaaniis waanuma lafaa irratti hundeeffama.
20 Aleć nasza rzeczpospolita jest w niebiesiech, skąd też zbawiciela oczekujemy, Pana Jezusa Chrystusa.
Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;
21 Który przemieni ciało nasze podłe, aby się podobne stało chwalebnemu ciału jego, według skutecznej mocy, którą też wszystkie rzeczy sobie podbić może.
innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.

< Filipian 3 >