< Mateusza 24 >

1 A wyszedłszy Jezus z kościoła szedł; i przystąpili uczniowie jego, aby mu ukazali budowanie kościelne.
Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼee deemaa jiruu barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan.
2 I rzekł im Jezus: Izaż nie widzicie tego wszystkiego? Zaprawdę powiadam wam, nie zostanie tu kamień na kamieniu, który by nie był rozwalony.
Innis, “Waan kana hunda argituu? Ani dhuguma isinittin hima; asitti dhagaan dhagaa irratti hafu tokko hin jiru; hundi isaa iyyuu ni diigama” jedhee deebiseef.
3 A gdy siedział na górze oliwnej, przystąpili do niego uczniowie osobno, mówiąc: Powiedz nam, kiedy się to stanie, i co za znak przyjścia twego i dokonania świata? (aiōn g165)
Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra taaʼee jiruu, barattoonni isaa kophaa isaanii gara isaa dhufanii, “Mee nutti himi; wanni kun yoom taʼa? Mallattoon dhufa keetii fi mallattoon dhuma barichaa maali?” jedhan. (aiōn g165)
4 I odpowiadając Jezus, rzekł im: Patrzcie, aby was kto nie zwiódł.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.
5 Albowiem wiele ich przyjdzie pod imieniem mojem, mówiąc: Jam jest Chrystus; i wiele ich zwiodą.
Namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu.
6 I usłyszycie wojny i wieści o wojnach; patrzcież, abyście sobą nie trwożyli; albowiem musi to wszystko być, ale jeszcze nie tu jest koniec.
Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.
7 Albowiem powstanie naród przeciwko narodowi, i królestwo przeciwko królestwu, i będą głody i mory i trzęsienia ziemi miejscami.
Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Beellii fi sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa.
8 Ale to wszystko jest początkiem boleści.
Garuu kun hundinuu jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
9 Tedy was podadzą w udręczenie, i będą was zabijać, i będziecie w nienawiści u wszystkich narodów dla imienia mego.
“Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu.
10 A tedy wiele się ich zgorszy, a jedni drugich wydadzą, i jedni drugich nienawidzieć będą.
Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus;
11 I wiele fałszywych proroków powstanie, i zwiodą wielu.
raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.
12 A iż się rozmnoży nieprawość, oziębnie miłość wielu.
Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa;
13 Ale kto wytrwa aż do końca, ten zbawion będzie.
namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
14 I będzie kazana ta Ewangielija królestwa po wszystkim świecie, na świadectwo wszystkim narodom. A tedyć przyjdzie koniec.
Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.
15 Przetoż gdy ujrzycie obrzydliwość spustoszenia, opowiedzianą przez Danijela proroka, stojącą na miejscu świętem, (kto czyta, niechaj uważa),
“Kanaafuu, ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’kan Daaniʼel raajichi waaʼee isaa dubbate sun iddoo qulqulluu dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu;
16 Tedy ci, co będą w ziemi Judzkiej, niech uciekają na góry;
yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.
17 A kto na dachu, niechaj nie zstępuje, aby co wziął z domu swego;
Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee mana isaatii fudhachuuf gad hin buʼin.
18 A kto na roli, niech się nazad nie wraca, aby wziął szaty swe.
Namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.
19 A biada brzemiennym i piersiami karmiącym w one dni!
Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!
20 Przetoż módlcie się, aby nie było uciekanie wasze w zimie, albo w sabat.
Garuu akka baqachuun keessan ganna keessa yookaan Guyyaa Sanbataatiin hin taaneef kadhadhaa.
21 Albowiem naonczas będzie wielki ucisk, jaki nie był od początku świata aż dotąd, ani potem będzie.
Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu.
22 A gdyby nie były skrócone one dni, nie byłoby zbawione żadne ciało: ale dla wybranych będą skrócone one dni.
“Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu.
23 Tedy jeźliby wam kto rzekł: Oto tu jest Chrystus, albo tam, nie wierzcie.
Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Achi jira!’ isiniin jedhe, hin amaninaa.
24 Albowiem powstaną fałszywi Chrystusowie, i fałszywi prorocy, i czynić będą znamiona wielkie i cuda, tak iżby zwiedli (by można) i wybrane.
Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu.
25 Otom wam przepowiedział.
Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.
26 Jeźliby wam tedy rzekli: Oto na puszczy jest, nie wychodźcie; oto w komorach, nie wierzcie.
“Kanaafuu yoo isaan, ‘Kuunnoo, inni gammoojjii keessa jira’ isiniin jedhan achi hin dhaqinaa; yookaan yoo isaan, ‘Kunoo, mana keessa gola jira’ isiniin jedhan hin amaninaa.
27 Albowiem jako błyskawica wychodzi od wschodu słońca i ukazuje się aż na zachód, tak będzie i przyjście Syna człowieczego.
Akkuma bakakkaan baʼa biiftuutii buʼee hamma lixa biiftuutti mulʼatu sana dhufaatiin Ilma Namaas akkasuma taʼa.
28 Bo gdziekolwiek będzie ścierw, tam się zgromadzą i orły.
Iddoo raqni jiru kamitti iyyuu gogocorroowwan walitti qabamu.
29 A zaraz po utrapieniu onych dni słońce się zaćmi, a księżyc nie da jasności swojej, i gwiazdy będą padać z nieba, i mocy niebieskie poruszą się.
“Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen, “‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu; urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’
30 Tedyć się ukaże znamię Syna człowieczego na niebie, a tedy będą narzekać wszystkie pokolenia ziemi, i ujrzą Syna człowieczego, przychodzącego na obłokach niebieskich, z mocą i z chwałą wielką;
“Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu.
31 I pośle Anioły swoje z trąbą głosu wielkiego, i zgromadzą wybrane jego od czterech wiatrów, od krajów niebios aż do krajów ich.
Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.
32 A od drzewa figowego nauczcie się tego podobieństwa: Gdy się już gałąź jego odmładza i liście wypuszcza, poznajecie, iż blisko jest lato.
“Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.
33 Także i wy, gdy ujrzycie to wszystko, poznawajcie, iż blisko jest, a we drzwiach.
Akkasuma isinis yommuu waan kana hunda argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.
34 Zaprawdę powiadam wam, że nie przeminie ten wiek, ażby się to wszystko stało.
Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
35 Niebo i ziemia przeminą, ale słowa moje nie przeminą.
Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
36 A o onym dniu i godzinie nikt nie wie, ani Aniołowie niebiescy, tylko sam Ojciec mój.
“Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku.
37 Ale jako było za dni Noego, tak będzie i przyjście Syna człowieczego.
Akkuma bara Nohi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.
38 Albowiem jako za dni onych przed potopem jedli, i pili, i ożeniali się i za mąż wydawali, aż do onego dnia, którego wszedł Noe do korabia,
Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii.
39 I nie spostrzegli się, aż przyszedł potop i zabrał wszystkie: tak będzie i przyjście Syna człowieczego.
Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa.
40 Tedy będą dwaj na roli; jeden będzie wzięty, a drugi zostawiony;
Gaafas namoonni lama lafa qotiisaa keessa hojjetu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.
41 Dwie będą mleć we młynie; jedna będzie wzięta, a druga zostawiona;
Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti.
42 Czujcież tedy, ponieważ nie wiecie, której godziny Pan wasz przyjdzie.
“Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii.
43 A to wiedzcie, że, gdyby wiedział gospodarz, o której straży złodziej ma przyjść, wżdyby czuł, i nie dałby podkopać domu swego.
Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.
44 Przetoż i wy bądźcie gotowi; bo której się godziny nie spodziejecie, Syn człowieczy przyjdzie.
Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.
45 Któryż tedy jest sługa wierny i roztropny, którego postanowił pan jego nad czeladzią swoją, aby im dawał pokarm na czas słuszny?
“Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu?
46 Błogosławiony on sługa, którego by, przyszedłszy Pan jego, znalazł tak czyniącego;
Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.
47 Zaprawdę powiadam wam, że go nad wszystkiemi dobrami swemi postanowi.
Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.
48 A jeźliby rzekł on zły sługa w sercu swojem: Odwłacza pan mój z przyjściem swojem;
Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee
49 I począłby bić spółsługi, a jeść i pić z pijanicami:
garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba.
50 Przyjdzie pan sługi onego, dnia, którego się nie spodzieje, i godziny, której nie wie;
Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa.
51 I odłączy go, a część jego położy z obłudnikami; tam będzie płacz i zgrzytanie zębów.
Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.

< Mateusza 24 >