< Mateusza 14 >
1 W on czas usłyszał Herod Tetrarcha, wieść o Jezusie.
Bara sana Heroodis bulchaan oduu waaʼee Yesuus dhagaʼe;
2 I rzekł sługom swoim: Tenci jest Jan Chrzciciel; on to zmartwychwstał, i dlatego się cuda przez niego dzieją.
innis tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohannis Cuuphaa dha; inni warra duʼan keessaa kaafameera! Sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhe.
3 Albowiem Herod pojmawszy Jana, związał go był i wsadził do więzienia dla Herodyjady, żony Filipa, brata swego.
Heroodis sababii niitii obboleessa isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaasiitiif jedhee Yohannisin qabee, hidhee mana hidhaatti galchee tureetii.
4 Bo mu Jan mówił: Nie godzi ci się jej mieć.
Kunis sababii Yohannis Heroodisiin, “Ati ishee fuudhuun kee seera miti” jechaa tureef.
5 Ale gdy go on chciał zabić, bał się ludu: albowiem go za proroka mieli.
Inni immoo Yohannisin ajjeesuu barbaade; garuu sababii namoonni Yohannisin akka raajiitti ilaalaa turaniif isaan sodaate.
6 Gdy tedy obchodzono dzień narodzenia Herodowego, tańcowała córka Herodyjady w pośrodku gości, i podobała się Herodowi.
Intalli Heroodiyaas guyyaa dhaloota Heroodisitti keessummoota duratti sirbitee Heroodisin gammachiifte;
7 Skąd pod przysięgą obiecał jej dać, czegobykolwiek żądała.
kanaafuu inni waan isheen gaafatte kam iyyuu isheef kennuuf kakuudhaan waadaa gale.
8 A ona przedtem będąc naprawiona od matki swojej, rzekła: Daj mi tu na misie głowę Jana Chrzciciela.
Isheenis haadha isheetiin gorfamtee, “Mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra kaaʼii naa kenni” jette.
9 I zasmucił się król; ale dla przysięgi i dla spółsiedzących kazał jej dać.
Mootichis ni gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee akka wanni isheen barbaadde sun isheef kennamu ajaje;
10 A posławszy kata, ściął Jana w więzieniu.
innis nama ergee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute.
11 I przyniesiono głowę jego na misie, i oddano dzieweczce, i odniosła ją matce swojej.
Mataan isaas gabatee irra kaaʼamee fidamee intalattiitti kenname; isheenis haadha isheetti geessite.
12 A przyszedłszy uczniowie jego wzięli ciało i pogrzebli je, a szedłszy powiedzieli Jezusowi.
Barattoonni Yohannisis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan. Isaanis dhaqanii Yesuusitti himan.
13 To usłyszawszy Jezus, ustąpił stamtąd w łodzi na miejsce puste osobno; a usłyszawszy lud, szli za nim z miast pieszo.
Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan.
14 Wyszedłszy tedy Jezus ujrzał wielki lud, i użalił się ich, a uzdrawiał chore ich.
Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef.
15 A gdy nadchodził wieczór, przystąpili do niego uczniowie jego, mówiąc: Puste jest to miejsce, a czas już przeminął; rozpuść ten lud, aby odszedłszy do miasteczek, kupili sobie żywności.
Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin.
16 A Jezus im rzekł: Nie potrzeba im odchodzić, dajcie wy im co jeść.
Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise.
17 Ale mu oni rzekli: Nie mamy tu, tylko pięć chlebów i dwie ryby.
Isaanis, “Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna” jedhanii deebisan.
18 A on rzekł: Przynieście mi je tu.
Yesuusis, “Isuma natti fidaa” jedhe.
19 I rozkazawszy ludowi usiąść na trawie, wziął onych pięć chlebów i dwie ryby, a wejrzawszy w niebo, błogosławił, a łamiąc dawał uczniom chleby, a uczniowie ludowi.
Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan.
20 I jedli wszyscy, a nasyceni byli; i zebrali, co zbywało ułomków, dwanaście koszów pełnych.
Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
21 A tych, którzy jedli, było około pięciu tysięcy mężów, oprócz niewiast i dziatek.
Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.
22 A wnetże przymusił Jezus uczniów swoich, aby wstąpili w łódź, i uprzedzili go na drugą stronę, ażby rozpuścił lud.
Yesuus yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise.
23 A rozpuściwszy lud, wstąpił na górę z osobna, aby się modlił; a gdy był wieczór, sam tam był.
Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture;
24 A łódź już w pośrodku morza będąc, miotana była od wałów; albowiem był wiatr przeciwny.
yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte.
25 Lecz o czwartej straży nocnej szedł do nich Jezus, chodząc po morzu.
Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe.
26 A ujrzawszy go uczniowie po morzu chodzącego, zatrwożyli się, mówiąc: Obłuda to jest! i od bojaźni krzyknęli.
Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, “Kun ekeraa dha” jedhanii iyyan.
27 Lecz wnet rzekł do nich Jezus, mówiąc: Ufajcie! Jam ci to jest; nie bójcie się.
Yesuus garuu yommusuma, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee isaanitti dubbate.
28 A odpowiadając mu Piotr rzekł: Panie! Jeźliżeś ty jest, każ mi przyjść do ciebie po wodzie.
Phexros immoo, “Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji” jedhee deebiseef.
29 A on rzekł: Pójdź! A Piotr, wystąpiwszy z łodzi, szedł po wodzie, aby przyszedł do Jezusa;
Yesuusis, “Kottu” jedheen. Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuus dhufe.
30 Ale widząc wiatr gwałtowny, zląkł się; a gdy począł tonąć, zakrzyknął, mówiąc: Panie, ratuj mię!
Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, “Yaa Gooftaa na oolchi!” jedhee iyye.
31 A Jezus zaraz wyciągnąwszy rękę, uchwycił go i rzekł mu: O małowierny! przeczżeś wątpił?
Yesuus yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, “Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?” jedheen.
32 A gdy oni wstąpili w łódź, uciszył się wiatr.
Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe.
33 A ci, którzy byli w łodzi, przystąpiwszy pokłonili mu się, mówiąc: Prawdziwie jesteś Synem Bożym.
Warri bidiruu sana keessa turanis, “Ati dhuguma Ilma Waaqaa ti!” jedhanii isaaf sagadan.
34 I przeprawiwszy się, przyszli do ziemi Gienezaret.
Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan.
35 A poznawszy go mężowie miejsca onego, posłali do wszystkiej onej okolicznej krainy; i przyniesiono do niego wszystkie, którzy się źle mieli.
Namoonni iddoo sanaas yommuu Yesuusin beekanitti biyya naannoo sanaa hundatti dhaamsa ergan. Namoonnis dhukkubsattoota isaanii hunda isatti fidan;
36 I prosili go, aby się tylko podołku szaty jego dotykali; a którzykolwiek się dotknęli, uzdrowieni są.
akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaara wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.