< Jozuego 15 >

1 I był los pokolenia synów Judowych według domów ich przy granicach Edom, i przy puszczy Syn na południe od ostatecznej granicy południowej.
Qoodni gosa Yihuudaatiif balbala balbalaan ramadame hamma daarii Edoomitti, qarqara kibbaatiin immoo hamma Gammoojjii Siinitti balʼata.
2 A była ich granica od południa, od końca morza słonego, i od skały, która jest ku południowi.
Daariin isaanii karaa kibbaa galoo galaanaa qarqara kibba Galaana soogiddaattii jalqabee
3 I wychodzi ku południowi, ku pagórkowi niedźwiadkowemu, a ciągnie się aż do Syn; a idąc od południa do Kades Barny bieży aż ku Efronowi, i ciągnie się aż do Adar, obtaczając Karkaa.
kibba Malkaa Aqrabiim qaxxaamuree gara Siin itti fufee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis Hezroon darbee Adaaritti ol baʼee gara Qarqaatti gora.
4 Stamtąd idąc do Asemona idzie ku rzece Egipskiej, a idzie koniec tych granic na zachód; tać będzie granica na południu.
Ergasii immoo achii kaʼee karaa Azimooniin darbee hamma lafa goggogaa Gibxiitti dhufee galaana gaʼee dhaabata. Daariin isaanii kan gara kibbaa kanaa dha.
5 Granica zasię od wschodu słońca jest morze słone aż do końca Jordanu, a granica z strony północnej jest od skały morskiej, od końca Jordanu.
Daariin gara baʼaas Galaana Soogiddaa ture; innis hamma dhuma laga Yordaanositti deema. Daariin gara kaabaa immoo galoo galaanaa kan qarqara Yordaanosii jalqabee
6 A ciągnie się ta granica do Betaglu, i bieży od północy aż do Betaraba; a stamtąd idzie ta granica aż do kamienia Boen, syna Rubenowego.
gara Beet Hoglaatti ol baʼee ergasii immoo karaa kaaba Beet Arabbaatiin gara Dhagaa Boohan ilma Ruubeenitti deema.
7 Idzie także ta granica do Dabir od doliny Achor, a ku północy się udawa do Galgal, które jest przeciw górze, gdzie wstępują do Adommim, która jest na południe od rzeki, a idzie ta granica do wód Ensemes, a kończy się u studnicy Rogiel.
Daariin sunis ergasii Sulula Aakoor keessaa Debiiritti ol baʼee gara Gilgaal gama kibba laga sanaatiin fuullee Malkaa Adumiim sanaa kaabatti gora. Daariin kun ittuma fufee gara bishaanota Een Shemesh darbee Een Roogeelitti gad baʼa.
8 Bieży też ta granica przez dolinę syna Hennomowego po bok Jebuzejczyka od południa, co jest Jeruzalem. Stamtąd bieży ta granica na wierzch góry, która jest przeciwko dolinie Hennom na zachód, a która jest na końcu doliny Refaimitów na północy.
Ergasiis karaa kibba tabba magaalaa Yebuusotaatiin jechuunis Yerusaalemitiin baʼee Sulula Ben Hinoom irraan darba. Achiis baʼee qarqara kaaba Sulula Refaayimitti fiixee tulluu gama lixa Sulula Hinoom jirutti ol baʼe.
9 Obtacza też ta granica od wierzchu góry aż do źródła wody Neftoa, i bieży aż do miast góry Hefron; potem się ciągnie ta granica ku Baala, które jest Karyjatyjarym.
Daariin sun ammas fiixee gaaraa irraa kaʼee gara burqaa bishaanota Neftooʼaatti qajeelee magaalaawwan Tulluu Efrooniin baʼee gara Baʼaalaatti jechuunis Kiriyaati Yeʼaariimitti gad buʼe.
10 Potem kołem bieży ta granica od Baala na zachód do góry Seir, a stamtąd przechodzi po bok góry Jarym od północy, która jest Cheslon, i spuszcza się do Betsemes, i przychodzi do Tamna.
Ergasii Baʼaalaa irraa Tulluu Seeʼiiriitti gara lixaatti garagalee tabba kaaba Tulluu Yiʼaariim jechuunis Kesaaloon irra baʼee itti fufuudhaan Beet Shemeshitti gad buʼee Tiimnaahitti darba.
11 I wychodzi ta granica po bok Akaronu na północy, a idzie kołem ta granica, aż do Sechronu, i bieży przez górę Baala; stamtąd wychodzi do Jabneel, i kończą się te granica u morza.
Gara kaaba tabba Eqroonitti darbee Shikeroonitti goree Tulluu Baʼaalaa irra qaxxaamuruudhaan hamma Yabniʼeelitti deema. Daariin sunis galaana gaʼee dhaabate.
12 A granica zachodnia jest przy morzu wielkiem, i przy granicach jego; tać jest granica synów Juda w okrąg podług domów ich.
Daariin gara lixaa immoo qarqara Galaana Guddaa ti. Daariiwwan akkuma balbala gosa isaaniitti saba Yihuudaa marsanis kanneenii dha.
13 Ale Kalebowi synowi Jefunowemu, dał Jozue dział między syny Juda, jak Pan powiedział Jozuemu, miasto Arba, ojca olbrzymów, to jest Hebron.
Iyyaasuun akkuma Waaqayyo isa ajajetti, qooda Yihuudaa irraa kutee Kebroon biyya Kiriyaati Arbaaq jedhamtu sana Kaaleb ilma Yefuneetiif kenne. Arbaaq kunis abbaa Anaaq.
14 I wypędził stamtąd Kaleb trzech synów Enakowych: Sesaja, i Ahymana, i Talmaja, syny Enakowe.
Kaalebis ilmaan Anaaq sadan jechuunis Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayi sanyii Anaaq ariʼee achii baase.
15 A wyszedł stamtąd do mieszkających w Dabir, które zwano przedtem Karyjatsefer.
Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duule.
16 I rzekł Kaleb: Kto by dobył Karyjatsefer, a wziął je, tedy mu dam Achsę, córkę swoję, za żonę.
Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe.
17 I dobył go Otonijel, syn Keneza, brata Kalebowego; i dał mu Achsę, córkę swoję, za żonę.
Obboleessi Kaaleb, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
18 I stało się, gdy ona przyszła do niego, namawiała go, aby prosił ojca jej o pole; przetoż zsiadła z osła, i rzekł do niej Kaleb: Cóż ci?
Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
19 A ona odpowiedziała: Daj mi błogosławieństwo; gdyżeś mi dał ziemię suchą, przydaj mi też źródła wód. I dał jej źródła wyższe, i źródła dolne.
Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
20 Toć jest dziedzictwo pokolenia synów Judowych według domów ich.
Dhaalli gosti Yihuudaa balbala balbalaan argate kunoo kana:
21 I były miasta w granicach pokolenia synów Judowych podle granicy Edom ku południowi: Kabseel, i Eder, i Jagur.
Negeeb keessaa magaalaawwan gosa Yihuudaa kanneen qarqara kibbaatti daarii Edoom irratti argaman kanneenii dha: Qabziʼeel, Eederi, Yaaguur,
22 I Cyna, i Dymona, i Adada;
Qiinaa, Diimonaa, Adiʼaadaa,
23 I Kades, i Hasor, i Jetnan;
Qaadesh, Haazoor, Yitinaan,
24 I Zyf, i Telem, i Balot;
Ziif, Telem, Baʼaalooti,
25 I Hasor Hadata, i Karyjot Chesron, toć jest Hasor;
Haazoor Hadaataa, Keriiyooti kan Hezroon jedhamtu sana,
26 Amam, i Sama, i Molada;
Amaam, Shemaa, Molaadaa,
27 I Asorgadda, i Hessemon, i Betfalet;
Hazar Gadaa, Heshmoon, Beet Phelexi,
28 I Hasersual, i Beersaba, i Bazotyja;
Hazar Shuuʼaal, Bersheebaa, Biziyootiyaa,
29 Baala, i Ijim, i Esem;
Baʼaalaa, Iyyiim, Ezem,
30 I Eltolad, i Kesyl, i Horma;
Eltolaad, Kisiil, Hormaa,
31 I Syceleg, i Medemena, i Sensenna;
Siiqlaag, Madmaanaa, Saansaanaa,
32 I Lebaot, i Selim, Ain, i Remmon; wszystkich miast dwadzieścia i dziewięć, i wsi ich.
Lebaaʼoot, Shiiliihiim, Aayinii fi Rimoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii walumaa galatti digdamii sagal turan.
33 W równinach zaś Estaol, i Sarea, i Asena;
Karaa sulula lixa biiftuutiin immoo: Eshitaaʼol, Zoraa, Ashinaa,
34 I Zanoe, i Engannim, Tepnach, i Enaim;
Zaanoʼaa, Een Ganiim, Tafuuʼaa, Eenaami,
35 Jerymot, i Adullam, Socho, i Aseka;
Yarmuuti, Adulaam, Sookoo, Azeeqaa,
36 I Saraim, i Adytaim, i Gedera, i Gederotaim, miast czternaście, i wsi ich.
Shaʼarayiim, Aaditaayim, Gedeeraa fi Gedeerootaayimii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan.
37 Sanany, i Hadasa, i Mygdalgad;
Zenaan, Hadaashaa, Migdaal Gaad,
38 I Delean, i Mesfa, i Jektel;
Diliʼaan, Miisphaa, Yoqtiʼeel,
39 Lachys, i Bassekat, i Eglon;
Laakkiish, Boozqaati, Egloon,
40 I Chabbon, i Lachmas, i Chytlis;
Kaboon, Lahimaas, Kiitiliish,
41 I Kiederot, Bet Dagon, i Naama, i Maceda, miast szesnaście, i wsi ich.
Gedeerooti, Beet Daagon, Naʼamaa fi Maqeedaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha jaʼa turan.
42 Labana, i Eter, i Asan;
Libnaa, Eteeri, Ashaan,
43 I Iftach, i Esna, i Nesyb;
Yiftaa, Ashinaa, Neziibi,
44 I Ceila, i Achzyb, i Maresa, miast dziewięć, i wsi ich;
Qeyiilaa, Akziibii fi Maareeshaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
45 Akkaron, i miasteczka jego, i wioski jego;
Eqroon, qubatawwanii fi gandoota naannoo ishee jiran wajjin,
46 Od Akkaronu aż do morza wszystko, co leży po bok Asotu, i ze wsiami ich;
akkasumas karaa lixa Eqrooniitiin qubatawwanii fi gandoota isaanii kanneen naannoo Ashdood jiran hunda,
47 Azot, miasteczka jego, i wsi jego; Gaza, miasteczka jego, i wsi jego, aż do potoku Egipskiego, i morze wielkie za granicą jego.
Ashdood, magaalaa isheetii fi gandoota ishee, Gaazaa, magaalaa isheetii fi gandoota ishee kanneen hamma Laga Gibxii fi hamma qarqara Galaana Guddichaatti jiranii dha.
48 A na górze leżą Sam, i Jeter, i Soko;
Biyya gaaraa keessatti immoo: Shaamiir, Yatiir, Sookoo,
49 I Danna, i Karyjatsenna, które jest Dabir;
Danaa, Kiriyaati Sanaa jechuunis Debiir,
50 I Anab, i Istemo, i Anim;
Aanaab, Eshitmoʼaa, Aaniim,
51 I Gosen, i Holon, i Gilo, miast jedenaście, i wsi ich;
Gooshen, hooloonii fi Giiloo dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha tokko turan.
52 Arab, i Duma, i Esaan;
Araab, Duumaa, Eshiʼaan,
53 I Janum, i Bet Tafua, i Afeka;
Yaanuum, Beet Tafuuʼaa, Afeeqaa,
54 I Chumta, i Karyjat Arbe, toć jest Hebron, i Syjor, miast dziewięć, i wsi ich.
Humtaa, Kebroon ishee Kiriyaati Arbaaq jedhamtuu fi Ziiʼoorii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
55 Maon, Karmel, i Zyf, i Juta.
Maaʼoon, Qarmeloos, Ziif, Yutaa,
56 I Jezrael, i Jukiedam, i Zanoe;
Yizriʼeel, Yooqidiʼaam, Zaanoʼaa,
57 Kain, Gabaa, i Tamna, miast dziesięć, i wsi ich.
Qaayin, Gibeʼaa fi Tiimnaahii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudhan turan.
58 Halhul, Betsur i Giedor;
Halhuul, Beet Zuuri, Gedoor,
59 I Maret, i Bet Anot, i Eltekon, miast sześć, i wsi ich.
Maʼaaraati, Beet Anootii fi Elteqoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
60 Karyjat Baal, które jest Karyjatyjarym, i Rabba, miasta dwa, i wsi ich.
Kiriyaati Baʼaal kan Kiriyaati Yeʼaariim jedhamtuu fi Raabbaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni ishee lama turan.
61 A na puszczy: Bet Araba, Meddyn, i Sechacha;
Gammoojjii keessatti immoo: Beet Arabbaa, Midiin, Sekaakaa,
62 I Nebsan, i miasto Soli, i Engaddy, miast sześć, i wsi ich.
Niibishaan, Magaalaa Soogiddaatii fi Een Gaadii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
63 Ale Jebuzejczyka, obywatela Jeruzalemskiego, nie mogli synowie Judowi wypędzić; przetoż mieszkał Jebuzejczyk z syny Juda w Jeruzalemie aż do dnia tego.
Sabni Yihuudaa garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana ariʼanii baasuu hin dandeenye; Yebuusonnis hamma harʼaatti saba Yihuudaa wajjin Yerusaalem keessa jiraatu.

< Jozuego 15 >