< Jana 7 >

1 A potem chodził Jezus po Galilei; bo się nie chciał bawić w ziemi Judzkiej, przeto że Żydowie szukali, aby go zabili.
Kana booddee Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼaa ture; sababii Yihuudoonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin deddeebine.
2 I było blisko święto żydowskie kuczek.
Ayyaanni Daasii Yihuudootaa dhiʼaatee ture.
3 Tedy rzekli do niego bracia jego: Odejdź stąd, a idź do Judzkiej ziemi, żeby uczniowie twoi widzieli sprawy twoje, które czynisz.
Obboloonni isaas akkana jedhaniin; “Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi.
4 Albowiem żaden nic w skrytości nie czyni, kto chce być widziany; przetoż ty, jeźli takie rzeczy czynisz, objaw się światu.
Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi.”
5 Bo i bracia jego nie wierzyli weń.
Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii.
6 I rzekł im Jezus: Czas mój jeszcze nie przyszedł; ale czas wasz zawsze jest w pogotowiu.
Yesuusis akkana jedheen; “Yeroon koo amma illee hin geenye; isiniif garuu yeroon hundi mijaaʼaa dha.
7 Nie możeć was świat nienawidzieć, ale mnie nienawidzi; bo ja świadczę o nim, iż sprawy jego złe są.
Addunyaan isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu akka hojiin isaa hamaa taʼe waanan itti dhugaa baʼuuf na jibba.
8 Idźcież wy na to święto, jać jeszcze nie pójdę na to święto; bo mój czas jeszcze się nie wypełnił.
Isin gara Ayyaana sanaa dhaqaa. Ani garuu waan yeroon koo amma illee hin gaʼiniif gara Ayyaanichaatti ol hin baʼu.”
9 A to im powiedziawszy, został w Galilei.
Inni waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe.
10 A gdy poszli bracia jego, tedy i on szedł na święto, nie jawnie, ale jakoby potajemnie.
Garuu erga obboloonni isaa gara Ayyaanichaatti ol baʼanii booddee innis utuu ifaan ifatti hin taʼin dhoksaadhaan ol baʼe.
11 A Żydowie szukali go w święto i mówili: Gdzież on jest?
Yihuudoonnis Ayyaanicha irratti, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan.
12 I było o nim wielkie szemranie między ludem; bo jedni mówili: Że jest dobry; a drudzy mówili: Nie, ale zwodzi lud.
Namoota gidduuttis waaʼee isaa guungummii guddaatu ture. Namoonni tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhan. Warri kaan immoo, “Akkas miti; inni nama dogoggorsa” jedhan.
13 Wszakże o nim żaden jawnie nie mówił, dla bojaźni żydowskiej.
Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu ifaan ifatti waaʼee isaa hin dubbanne.
14 A gdy już było w pół święta, wstąpił Jezus do kościoła i uczył.
Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe.
15 I dziwowali się Żydowie, mówiąc: Jakoż ten umie Pismo, gdyż się nie uczył?
Yihuudoonnis dinqifatanii, “Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?” jedhan.
16 Odpowiedział im Jezus i rzekł: Nauka moja nie jestci moja, ale tego, który mię posłał.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti.
17 Jeźliby kto chciał czynić wolę jego, ten będzie umiał rozeznać, jeźli ta nauka jest z Boga, czyli ja sam od siebie mówię.
Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.
18 Ktoć z samego siebie mówi, chwały własnej szuka; ale kto szuka chwały tego, który go posłał, ten jest prawdziwy, a nie masz w nim niesprawiedliwości.
Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.
19 Izali wam Mojżesz nie dał zakonu? a żaden z was nie przestrzega zakonu. Przeczże szukacie, abyście mię zabili?
Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?”
20 Odpowiedział lud i rzekł: Dyjabelstwo masz; któż cię szuka zabić?
Jarris deebisanii, “Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin.
21 Odpowiedział Jezus i rzekł im: Jedenem uczynek uczynił, a wszyscy się temu dziwujecie!
Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani hojii tokko hojjennaan hundi keessan dinqifattan.
22 Wszak Mojżesz wydał wam obrzezkę, (nie iżby była z Mojżesza, ale z ojców), a w sabat obrzezujecie człowieka.
Museen seera dhagna qabaa isinii kenne; dhagna qabaa garuu abbootiitu jalqabe malee Musee miti; isinis Sanbataan nama dhagna qabdu.
23 Ponieważ człowiek przyjmuje obrzezkę w sabat, aby nie był zgwałcony zakon Mojżeszowy, przecz się na mię gniewacie, żem całego człowieka uzdrowił w sabat?
Akka seerri Musee hin cabneef erga namni tokko Sanbataan dhagna qabachuu dandaʼee, isin maaliif sababii ani Sanbataan dhagna namaa guutuu fayyiseef natti aartu?
24 Nie sądźcie według widzenia, ale sprawiedliwy sąd sądźcie.
Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa.”
25 Mówili tedy niektórzy z Jeruzalemczyków: Izali to nie jest ten, którego szukają zabić?
Kana irratti namoota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jedhan; “Inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii?
26 A oto jawnie mówi, a nic mu nie mówią. Izali prawdziwie poznali książęta, iż ten jest prawdziwie Chrystus?
Kunoo inni ifatti baʼee dubbata; isaanis homaa isaan hin jenne. Abbootiin taayitaa akka inni Kiristoos taʼe sirriitti beekaniiruu laata?
27 Ale o tym wiemy, skąd jest: ale gdy Chrystus przyjdzie, nikt nie będzie wiedział, skąd by był.
Taʼus namichi kun nama eessaa akka taʼe nu beekna. Kiristoos yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokko iyyuu hin beeku.”
28 Wołał tedy Jezus w kościele ucząc a mówiąc: I mnie znacie, i skądem jest, wiecie; a nie przyszedłem sam od siebie, ale jest prawdziwy, który mię posłał, którego wy nie znacie.
Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;
29 Lecz go ja znam; bom od niego jest, a on mię posłał.
ani garuu sababiin isa biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka.”
30 I szukali, jakoby go pojmać; ale żaden nie ściągnął nań ręki; bo jeszcze nie przyszła godzina jego.
Kana irratti isaan isa qabuu yaalan; garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
31 A wiele ich z ludu uwierzyli weń i mówili: Chrystus gdy przyjdzie, izaż więcej cudów uczyni nad te, które ten uczynił?
Taʼus namoonni baayʼeen isatti amanan. Isaanis, “Kiristoos yommuu dhufutti namicha kana caalaa mallattoo hojjetaa?” jedhan.
32 A słyszeli Faryzeuszowie, iż to lud o nim szemrał; i posłali Faryzeuszowie i przedniejsi kapłani sługi, aby go pojmali.
Fariisonnis utuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa guungumanuu dhagaʼan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Yesuusin qabsiisuudhaaf eegdota mana qulqullummaa ergan.
33 Rzekł im tedy Jezus: Jeszcze na mały czas jestem z wami; potem odejdę do tego, który mię posłał.
Yesuusis akkana jedheen; “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.
34 Szukać mię będziecie, ale nie znajdziecie; a gdzie ja będę, wy przyjść nie możecie.
Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan.”
35 Mówili tedy Żydowie między sobą: Dokądże ten pójdzie, że my go nie znajdziemy? czyli do rozproszonych poganów pójdzie i będzie uczył pogany?
Yihuudoonnis akkana waliin jedhan; “Namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? Gara saba keenya warra Giriikota keessa faffacaʼanii dhaqee Giriikota barsiisaa?
36 Cóż to za mowa, którą wyrzekł: Szukać mię będziecie, ale nie znajdziecie, i gdzie ja będę, wy przyjść nie możecie?
‘Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaas maal jechuu isaatii?”
37 A w on ostateczny dzień wielki święta onego stanął Jezus i wołał mówiąc: Jeźli kto pragnie, niech do mnie przyjdzie, a pije.
Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Yesuus kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu.
38 Kto wierzy w mię, jako mówi Pismo, rzeki wody żywej popłyną z żywota jego.
Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.”
39 (A to mówił o Duchu, którego wziąć mieli wierzący weń; albowiem jeszcze nie był dany Duch Święty, przeto że jeszcze Jezus nie był uwielbiony.)
Kunis waaʼee Hafuura Qulqulluu warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti. Sababii Yesuus amma illee ulfina hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hamma yeroo sanaatti hin kennamne tureetii.
40 Wiele ich tedy z owego ludu słysząc te słowa, mówili: Tenci jest prawdziwie on prorok.
Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagaʼanitti, “Kun dhugumaanuu Raajicha” jedhan.
41 A drudzy mówili: Ten jest Chrystus; ale niektórzy mówili: Azaż z Galilei przyjdzie Chrystus?
Warri kaan immoo, “Inni Kiristoosii dha” jedhan. Namoonni kaanis akkana jedhan; “Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?
42 Azaż nie mówi Pismo, iż z nasienia Dawidowego i z Betlehemu miasteczka, gdzie był Dawid, przyjdzie Chrystus?
Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuu fi akka inni Beetlihemii, ganda Daawitii dhufu Katabbiin Qulqulluun ni dubbata mitii?”
43 A tak stało się rozerwanie dla niego między ludem.
Akkasiin waaʼee Yesuus irratti garaa garummaan waldaa gidduutti uumame.
44 I chcieli go niektórzy z nich pojmać; ale żaden nie ściągnął nań rąk swoich.
Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
45 Przyszli tedy słudzy do przedniejszych kapłanów i do Faryzeuszów; którzy im rzekli: Przeczżeście go nie przywiedli?
Eegdonni sun gara luboota hangafootaatii fi gara Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Isin maaliif isa hin fidin?” jedhanii eegdota sana gaafatan.
46 Odpowiedzieli oni słudzy: Nigdy tak nie mówił człowiek jako ten człowiek.
Eegdonnis, “Takkumaa namni akka namicha kanaatti hin dubbanne” jedhanii deebisan.
47 I odpowiedzieli im Faryzeuszowie: Alboście i wy zwiedzeni?
Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, “Isinis gowwoomfamtaniirtuu?
48 Izali kto uwierzył weń z książąt albo z Faryzeuszów?
Bulchitoota keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokko iyyuu isatti amaneeraa?
49 Tylko ten gmin, który nie zna zakonu; przeklęci są.
Sabni seera hin beekne kun garuu abaaramaa dha.”
50 I rzekł do nich Nikodem, który był przyszedł w nocy do niego, będąc jeden z nich:
Niqoodemoos inni duraan Yesuus bira dhaqee fi isaan keessaas tokko taʼe sun akkana isaaniin jedhe;
51 Izali zakon nasz sądzi człowieka, jeźliby pierwej nie słyszał od niego i nie poznałby, co czyni?
“Seerri keenya utuu isa irraa hin dhagaʼin, waan inni hojjetes utuu hin beekin nama tokkotti ni muraa?”
52 A oni mu odpowiedzieli i rzekli: Izaliś i ty Galilejczyk? Badajże się, a obacz, żeć prorok z Galilei nie powstał.
Isaanis, “Atis nama Galiilaatii? Akka raajiin Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira gaʼi” jedhaniin. [
53 I poszedł każdy do domu swego.
Ergasii isaan hundinuu gara mana isaaniitti galan.

< Jana 7 >