< Galacjan 3 >

1 O głupi Galatowie! Któż was omamił, abyście prawdzie nie byli posłuszni, którym przed oczyma Jezus Chrystus przedtem był wymalowany, i między wami ukrzyżowany?
Yaa warra Galaatiyaa gowwoota! Eenyutu falfala isinitti hojjete? Yesuus Kiristoos akka waan ijuma keessan duratti fannifameetti mulʼifamee hin turree?
2 Tego tylko rad bym się nauczył od was: Z uczynkówli zakonu wzięliście Ducha, czyli z słuchania wiary?
Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun Hafuura Qulqulluu argattan?
3 Takeście głupi? począwszy duchem, teraz ciałem dokonywacie?
Isin akkas gowwaadhaa? Hafuura Qulqulluudhaan jalqabdanii amma immoo fooniin fixxuu ree?
4 Takeście wiele cierpieli darmo, jeźli tylko i darmo?
Kun dhugumaan iyyuu waan hin fayyadne taanaan isin waanuma hin fayyadneef hammana dhiphattanii ree?
5 Ten tedy, który wam dodaje ducha i czyni cuda między wami, z uczynkówże zakonu to czyni, czyli z słuchania wiary?
Wanni Waaqni Hafuura isaa isinii kennee hojii dinqii gidduu keessanitti hojjetuuf sababii isin seera eegdaniif moo sababii isin waan dhageessan amantaniif?
6 Tak jako "Abraham uwierzył Bogu i przyczytano mu to ku sprawiedliwości".
Akkasumas Abrahaam, “Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”
7 Widzicie tedy, że ci, którzy są z wiary, ci są synami Abrahamowymi.
Kanaafuu warri amanan ijoollee Abrahaam akka taʼan hubadhaa.
8 A upatrzywszy to Pismo, iż z wiary Bóg usprawiedliwia pogan, przedtem opowiedziało Abrahamowi, iż w tobie będą błogosławione wszystkie narody.
Katabbiin Qulqulluun akka Waaqni amantiin Namoota Ormaa qajeeltota taasisu duraan dursee argee, “Sabni hundinuu karaa keetiin eebbifama” jedhee duraan dursee Abrahaamitti wangeela lallabe.
9 A tak ci, którzy są z wiary, dostępują błogosławieństwa z wiernym Abrahamem.
Kanaaf warri amantii qaban, Abrahaam nama amantii sana wajjin eebbifaman.
10 Albowiem ile ich jest z uczynków zakonu, pod przeklęstwem są; bo napisane: Przeklęty każdy, który by nie został we wszystkiem, co napisane w księgach zakonu, aby to czynił.
Warri seera eeguu isaanii abdatan hundinuu abaarsa jala jiru; “Namni waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame hundaaf itti fufee hin ajajamne kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameeraatii.
11 A iż przez zakon nikt nie bywa usprawiedliwiony przed Bogiem, jawna jest stąd, bo "sprawiedliwy z wiary żyć będzie".
Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf” akka eenyu iyyuu fuula Waaqaa duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa.
12 Ale zakon nie jestci z wiary; lecz "człowiek, który by je czynił, żyć będzie przez nie".
Seerri amantii irratti hin hundeeffamne; inni garuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedha.
13 Ale Chrystus odkupił nas z przeklęstwa zakonu, stawszy się za nas przeklęstwem, (albowiem napisane: Przeklęty każdy, który wisi na drzewie).
Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameef, Kiristoos nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure.
14 Aby na pogan błogosławieństwo Abrahamowe przyszło w Chrystusie Jezusie, i abyśmy obietnicę Ducha wzięli przez wiarę.
Inni akka nu amantiin Hafuura Qulqulluu waadaa kenname sana argannuuf, akka eebbi Abrahaamiif kenname sun karaa Kiristoos Yesuusiin gara Namoota Ormaa dhufuuf nu fure.
15 Bracia! po ludzku mówię: a wszak i człowieczego testamentu utwierdzonego nikt nie łamie, ani do niego co przydaje.
Yaa obboloota, ani akka namaattin dubbadha. Kakuun namaa iyyuu erga yeroo tokko mirkaneeffamee booddee eenyu iyyuu hin tuffatu yookaan itti hin dabalu.
16 Lecz Abrahamowi uczynione są obietnice i nasieniu jego; nie mówi: I nasieniom jego, jako o wielu, ale jako o jednem: I nasieniu twemu, które jest Chrystus.
Egaa Abrahaamii fi sanyii isaatiif waadaan galameera. Katabbiin Qulqulluun, akka waan nama hedduuf dubbatameetti, “Sanyiiwwan” hin jedhu; garuu akka waan nama tokkoof dubbatameetti, “Sanyii keetiif” jedha; innis Kiristoos.
17 To tedy mówię, iż przymierza przedtem od Boga utwierdzonego względem Chrystusa, zakon, który po czterechset i po trzydziestu lat nastał, nie znosi, aby miał zepsuć obietnicę Bożą.
Wanni ani jedhus kana: Seerri waggaa 430 booddee dhufe sun kakuu Waaqni duraan dursee gale diigee akkasiin waadaa sana hin balleessu.
18 Albowiem jeźliż z zakonu jest dziedzictwo, jużci nie z obietnicy; lecz Abrahamowi przez obietnicę darował je Bóg.
Dhaalli utuu karaa seeraatiin taʼee siʼachi waadaadhaan hin taʼu ture; Waaqni garuu ayyaana isaatiin waadaadhaan Abrahaamiif dhaala kenne.
19 Cóż tedy zakon? Dla przestępstwa przydany jest, ażby przyszło ono nasienie, któremu się stała obietnica, sporządzony przez Aniołów i przez rękę pośrednika.
Yoos seerri maaliif kenname ree? Seerri sababii yakka hamma Sanyiin waadaan kennameef sun dhufutti tureetiif kenname. Seerri sunis karaa ergamootaatiin harka araarsaa gidduu galeessa tokkootiin hojii irra oolfame.
20 Lecz pośrednik nie jest jednego, ale Bóg jeden jest.
Taʼus araarsaan gidduu galeessi tokko garee tokko qofaaf hin dhaabatu; Waaqni garuu tokkichuma.
21 Zakon tedy jestże przeciwko obietnicom Bożym? Nie daj tego Boże! albowiem gdyby był dany zakon, który by mógł ożywiać, prawdziwieć by z zakonu była sprawiedliwość.
Kanaafuu seerri waadaa Waaqaatiin mormaa ree? Gonkumaa akkas miti! Utuu seerri jireenya kennuu dandaʼu kennamee jiraatee silaa qajeelummaan dhugumaan seeraan argama tureetii.
22 Ale Pismo zamknęło wszystko pod grzech, aby obietnica z wiary Jezusa Chrystusa była dana wierzącym.
Katabbiin Qulqulluun garuu akka wanni karaa Yesuus Kiristoositti amanuutiin waadaa galame sun warra amananiif kennamuuf waan hundumaa cubbuu akka hidhamaa godhe labsa.
23 A przedtem, niż przyszła wiara, byliśmy pod zakonem strzeżeni, wespół zamknieni będąc w tę wiarę, która potem miała być objawiona.
Utuu amantiin hin dhufiniin dura hamma amantiin mulʼifamutti seera jalatti hidhamnee nutti cufamee turre.
24 A przetoż zakon pedagogiem naszym był do Chrystusa, abyśmy z wiary byli usprawiedliwieni.
Kanaafuu akka nu amantiin qajeeltota taasifamnuuf Kiristoositti nu geessuuf seerri guddiftuu keenya ture.
25 Ale gdy przyszła wiara, już nie jesteśmy pod pedagogiem.
Amma garuu waan amantiin dhufeef nu siʼachi guddiftuu jala hin jiraannu.
26 Albowiem wszyscy synami Bożymi jesteście przez wiarę w Chrystusie Jezusie.
Hundi keessan amantii Kiristoos Yesuusitti qabdaniin ijoollee Waaqaa ti;
27 Bo którzykolwiek jesteście w Chrystusa ochrzczeni, w Chrystusaście się oblekli.
isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.
28 Nie masz Żyda, ani Greka; nie masz niewolnika ani wolnego; nie masz mężczyzny i niewiasty; albowiem wszyscy wy jednym jesteście w Chrystusie Jezusie.
Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii.
29 A jeźliście wy Chrystusowi, tedyście nasieniem Abrahamowem, a według obietnicy dziedzicami.
Erga kan Kiristoos taatanii yoos isin sanyii Abrahaam; akka waadaattis dhaaltota.

< Galacjan 3 >