< I Koryntian 8 >
1 A o rzeczach, które bałwanom ofiarowane bywają, wiemy, iż wszyscy umiejętność mamy. Umiejętność nadyma, ale miłość buduje.
Waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamee akka nu hundinuu beekumsa qabnu beekna. Beekumsi of nama tuulchisa; jaalalli garuu nama ijaara.
2 A jeźli kto mniema, żeby co umiał, jeszcze nic nie umie, tak jakoby miał umieć;
Namni waan waa beeku of seʼu inni amma illee akka beekuun isa irra jirutti hin beeku.
3 Lecz jeźli kto miłuje Boga, ten jest wyuczony od niego.
Namni Waaqa jaallatu garuu Waaqaan beekameera.
4 A przetoż o pokarmach, które bywają bałwanom ofiarowane, wiemy, iż bałwan na świecie nic nie jest, a iż nie masz żadnego inszego Boga, tylko jeden.
Egaa waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaachuu irratti, “Akka addunyaa kana irratti Waaqni tolfamaan homaa hin fayyadne, Waaqa tokkicha malees akka Waaqni biraa hin jirre” beekna.
5 Bo choć są, którzy bogami nazywani bywają i na niebie, i na ziemi: (jakoż jest wiele bogów i wiele panów.)
Dhugumaan akkuma waaqonni baayʼeenii fi gooftonni baayʼeen jiran sana wantoonni waaqota jedhaman samii irra yookaan lafa irra jiraatan iyyuu,
6 Ale my mamy jednego Boga Ojca, z którego wszystko, a my w nim; i jednego Pana Jezusa Chrystusa, przez którego wszystko, a my przezeń.
garuu Waaqa tokkicha, Abbaa, kan wanni hundi isa biraa dhufe, kan nus isaaf jiraannu qabna; akkasumas Gooftaa tokkicha, Yesuus Kiristoos kan wanni hundi karaa isaatiin dhufee fi kan nuus karaa isaatiin jiraannutu jira.
7 Ale nie we wszystkich jest ta umiejętność; albowiem niektórzy sumienie mając dla bałwana aż dotąd, jedzą jako rzecz bałwanom ofiarowaną, a sumienie ich będąc mdłe, pokalane bywa.
Garuu namni beekumsa kana qabu nama hunda miti. Namoonni tokko tokko waaqota tolfamoo waan baraniif yommuu nyaata akkanaa nyaatanitti akka waan Waaqa tolfamaaf dhiʼeeffameetti hedu; yaadni garaa isaaniis waan dadhabaa taʼeef ni xuraaʼa.
8 Aleć nas pokarm nie zaleca Bogu; bo choćbyśmy jedli, nic nam nie przybywa; a choćbyśmy i nie jedli, nic nam nie ubywa.
Nyaanni garuu Waaqatti nu hin dhiʼeessu; yoo nyaachuu baanne wanni nutti hammaatu, yoo nyaannes wanni nutti tolu hin jiru.
9 Jednak baczcie, aby snać ta wolność wasza nie była mdłym ku zgorszeniu.
Taʼus akka mirgi keessan kun warra dadhabootti gufuu hin taaneef of eeggadhaa.
10 Albowiem jeźliby kto ujrzał cię, który masz umiejętność, w bałwochwalni siedzącego, azaż sumienie onego, który jest mdły, nie będzie pobudzone ku jedzeniu rzeczy bałwanom ofiarowanych?
Namni yaada dadhabaa qabu tokko yoo utuu ati iyyuu namni beekumsa qabdu mana qulqullummaa Waaqa tolfamaa keessatti nyaattuu si arge inni waan waaqota tolfamoof dhiʼeeffame sana nyaachuuf ija hin jabaatuu?
11 I zginie dla onej twojej umiejętności brat mdły, za którego Chrystus umarł.
Akkasiin obboleessi dadhabaan Kiristoos isaaf jedhee duʼe kun beekumsa keetiin bada.
12 A grzesząc tak przeciwko braciom i mdłe ich sumienie obrażając, grzeszycie przeciwko Chrystusowi.
Isinis yoo karaa kanaan obboloota keessanitti cubbuu hojjettan, yaada isaanii isa dadhabaas yoo madeessitan, isin Kiristoositti cubbuu hojjettu.
13 Przeto, jeźli pokarm gorszy brata mego, nie będę jadł mięsa na wieki, abym brata mego nie zgorszył. (aiōn )
Kanaafuu yoo wanni ani nyaadhu obboleessa koo gufachiise, ani akka obboleessi koo hin gufanneef gonkumaa deebiʼee foon hin nyaadhu. (aiōn )